Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 25, 2023
MAALAAWWII

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Inni Haareffame Afaan Chiicheewaatiin ni Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Inni Haareffame Afaan Chiicheewaatiin ni Baʼe

Hagayya 18, 2023, obboleessi keenya Keenez Kuuk inni miseensa Qaama Olaanaa taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffame Afaan Chiicheewaatiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni Qulqulluun baʼuun isaa kan beeksifame, guyyaa jalqabaa Walgaʼii Naannoo bara 2023 “Obsaa”! jedhamuu fi Galma Walgaʼii Guguddaa Lilonguwee, Maalaawwiitti godhame irrattidha. Namoonni walgaʼicha irratti argaman Kitaaba Qulqulluu isa bifa maxxansaatiin baʼe argataniiru; isa bifa dijitaalaatiin qophaaʼe immoo meeshaa eleektirooniksii isaanii JW Box wajjin wal qabsiisuudhaan buufachuu dandaʼaniiru.

Kitaabni kun baʼuun isaa kan beeksifame, haasaa tamsaasa saatalaayitii JW irratti kallattiidhaan tamsaafame irratti yommuu taʼu, namoonni istaadiyeemoota lama naannoowwan gidduu galeessaa fi kibba biyyattii jiran argamanitti, galmawwan walgaʼii guguddaan naannoowwan baadiyyaa jiran tokko tokkottii fi Galmawwan Walgaʼii hedduu Maalaawwii jiran saganticha hordofuu dandaʼaniiru. Kana malees, sagantaan kun galmawwan Moozaambiik keessa jiranii fi naannoowwan Afaan Chiicheewaa itti dubbataman jiranittis kallattiidhaan tamsaafameera. Dimshaashumatti namoonni 77,112 taʼan istaadiyeemoota lamaan, galmawwan guguddaa naannoowwan baadiyyaa jiran, akkasumas namoonni Galmawwan Walgaʼii adda addaa jiran haasaa sana hordofaniiru.

Afaan Chiicheewaa afaan Maalaawwii keessatti balʼinaan dubbatamu yommuu taʼu, namoonni miliyoona kudhanii ol taʼan afaan kana dubbatu. Afaan kun biyyoota akka Moozaambiik, Zimbaabuwee, Zaambiyaa fi Afriikaa Kibbaa jiranitis ni dubbatama. Afaan Chiicheewaatiin Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata jalqaba kan baʼe bara 2006​tti ture; guutummaan Hiika Addunyaa Haaraa immoo bara 2010​tti baʼe. Obboloonnii fi obboleettonni keenya Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa fooyyeffame guutuu isaa Afaan Chiicheewaatiin argachuu isaanitti gammachuu guddaatu isaanitti dhagaʼama.

Babalʼisaan tokko akkana jedheera: “Namoonni Afaan Chiicheewaa dubbatanii fi tajaajila irratti argannu hedduun hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu durii jechoota ulfaatoo taʼan qabanitti fayyadamu. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu isaanii irraa akka dubbisan yommuu isaan gaafannu yeroo baayʼee ergaa isaa hubachuun isaanitti ulfaata. Jechoonni maxxansi Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffame garuu salphaatti kan namaaf galanidha. Tajaajila irratti itti fayyadamuuf hawwii guddaadhaan eegaan jira!”

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraan inni fooyyeffame obbolootaa fi obboloota keenya Afaan Chiicheewaa dubbatanis taʼe namoota fedhii qaban kaan ‘seera Yihowaatti akka gammadan’ kan gargaaru akka taʼu amanannaa guddaa qabna.—Faarfannaa 1:2.