Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaa: Obboleessi keenya Kornaliiw Keepaan Afaan Rumaaniyaatiin haasaa Ayyaana Yaadannoo dhiheessaa jira; obboleessi keenya Anjaloos Kaaraampiliyas nama Afaan Giriikii dubbatu tokkoof haasicha hiikaa jira

EBLA 20, 2021
ROMAANIYAA

Ayyaana Yaadannoo 2021—Haasaan Ayyaana Yaadannoo Hidhamtoota Mana Hidhaa Rumaaniyaa Jiraniif Viidiyoo Konfiransiidhaan Dhihaate

Ayyaana Yaadannoo 2021—Haasaan Ayyaana Yaadannoo Hidhamtoota Mana Hidhaa Rumaaniyaa Jiraniif Viidiyoo Konfiransiidhaan Dhihaate

Rumaaniyaatti obboloonni keenya waggaa 17f Mana Hidhaa Jilaavaa Buchaarasti keessatti torban torbaniin hidhamtootaa wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼatu turan. Yeroo weerarri dhibee Kooviid 19 jalqabetti garuu mana hidhaa keessatti walitti qabamuun ni hafe. Haa taʼu malee, Ayyaanni Yaadannoo duʼa Yesuus inni Bitootessa 27, 2021⁠tti kabajame gaʼuu isaa torban lama dura ajajjoonni mana hidhaa viidiyoo konfiransiidhaan walgaʼii akka godhatan heyyaman. Achiis obboloonni keenya haasaa Ayyaana Yaadannoo viidiyoo konfiransiidhaan dhiheessuu kan dandaʼan taʼuu isaa ajajjoota sana gaafatan. Ajajjoonni sunis yaada isaanii irratti walii galan. Ayyaana Yaadannoo irratti hidhamtoonni 21 fi ajajjoonni 4 argamaniiru.

Obboleessi keenya Kornaliiw Keepaan Afaan Rumaaniyaatiin haasaa Ayyaana Yaadannoo dhiheesse. Obboleessi Anjaloos Kaaraampiliyas immoo hidhamtoota keessaa namni Afaan Giriikii dubbatu tokko saganticha hordofaa waan tureef haasicha gara Afaan Giriikitti hiikaa ture. Abbaa taayitaa tokko dabalatee namoonni mana hidhaa sana keessaa hojjetan afuris saganticha hordofaniiru.

Obboleessi keenya Keepaan akkana jedheera: “Haasaa Ayyaana Yaadannoo kana dhiheessuu koo akka mirga guddaattan ilaala. Hidhamtoonni sun haasicha akka gaariitti dhaggeeffataniiru, aarsaa guddaa Yesuus isaaniif kaffale irrattis xiinxalaniiru.”

Obboleessi keenya Kaaraampiliyas akkana jedheera: “Yihowaan hidhamtootaaf lallabuu fi Ayyaana Irbaata Gooftaa isaanii wajjin kabajuuf haala waan nuuf mijeesseef baayʼee gammanneerra. Gara fuulduraatti hidhamtoonni kan biroo hedduunis maree Kitaaba Qulqulluu viidiyoodhaan goonu irratti argamuudhaan jajjabina Dubbii Waaqayyoo irraa argamu akka argatan ni abdanna.”

Ajajjoonni mana hidhaa hidhamtoonni haasaa Ayyaana Yaadannoo akka dhaggeeffataniif haala waan mijeessaniif gammanneerra.—1 Ximotewos 2:3, 4.