Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Taaʼuraay Maazaaruraa sagantaa dursee waraabame irratti kitaaba Maatewos Afaan Mallattoo Zimbaabuweetiin qophaaʼe taableetii isaatiin argisiisaa jira

AMAJJII 26, 2021
ZIMBAABUWEE

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Maatewos Afaan Mallattoo Zimbaabuweetiin Baasan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Maatewos Afaan Mallattoo Zimbaabuweetiin Baasan

Amajjii 24, 2021⁠tti, Wangeelli Maatewos Afaan Mallattoo Zimbaabuweetiin (ZSL) baʼeera. Obboleessi Taaʼuraay Maazaaruraa inni Miseensa Koree Waajjira Damee Zimbaabuwee taʼe sagantaa dursee waraabame irratti kitaabni kun baʼuu isaa beeksiseera.

Babalʼistoonni gumiiwwan Afaan Mallattoo Zimbaabuweetiin geggeeffaman keessatti argaman 401 kitaaba kana argachuu isaanitti baayʼee gammadaniiru. Kitaaba Maatewos qoʼannaa dhuunfaa fi tajaajila irratti fayyadamuuf baayʼee hawwaniiru.

Miseensonni garee hiikkaa Afaan Mallattoo Zimbaabuwee utuu waraabanii

Weerarri dhibee itti fufaa jiru kun miseensota garee hiikkaa Afaan Mallattoo Zimbaabuwee irratti rakkina dabaleera. Hiiktonni kun kanaan dura mallattoowwan hawaasicha keessatti baramoo taʼanitti fayyadamuuf namoota Afaan Mallattoo Zimbaabuwee dandaʼan wajjin yeroo baayʼee wal arguu turan. Dhorkaawwan COVID-19 ilaalchisee baʼan qaamaan namoota akka hin arganne godhaniiru. Haa taʼu malee, hiiktonni kun yeroo hunda viidiyookonfirasiidhaan namoota gurri isaanii hin dhageenye wajjin wal arguudhaan rakkina kana moʼaniiru. Kunis hiikkaa namoonni Zimbaabuwee gurri isaanii hin dhageenye hundi hubachuu dandaʼan akka qopheessan isaan gargaareera.

Obboleessi Joon Hunguukaa inni Miseensa Koree Waajjira Damee Zimbaabuwee taʼe akkana jedheera: “Kitaabni Maatewos dhiheenyatti baʼuun isaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Zimbaabuweetiin hiikuuf isaan kakaaseera. Hojii kana xumuruun tilmaamaan waggaa kudhan fudhata.”

Piroojeektiin kun Yihowaan namoota hunda akka jaalatu argisiisa. “Misiraachoo bara baraa . . . saba, gosa, qooqaa fi nama hundumaaf” yommuu labsuuf carraaqnu eebba Yihowaa akka argannu mirkanaaʼoo dha.—Mulʼata 14:6.