Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Yohaannis 1:1—“Jalqaba Dubbichatu Ture”

Yohaannis 1:1—“Jalqaba Dubbichatu Ture”

 “Jalqaba Dubbichatu ture; Dubbichi Waaqayyo bira ture; Dubbichi waaqayyo ture.”—Yohaannis 1:1, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.”—Yohaannis 1:1, Hiika bara 1997.

Hiika Yohaannis 1:1

 Caqasni kun jireenya Yesuus Kiristoos nama taʼee gara lafaa dhufuu isaa dura qabu ibsa. (Yohaannis 1:14-17) Lakkoofsa 14 irratti, ‘Dubbicha’ (ykn “the logos,” Giriikii, ho loʹgos) inni jedhu akka maqaa ulfinaatti itti hojjetama. Maqaan ulfinaa ‘Dubbicha’ jedhu, ajajaa fi qajeelfama Waaqayyoo warra kaanitti dabarsuu irratti gaʼee Yesuus qabu kan argisiisu taʼuu hin oolu. Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turee fi gara samii erga deemee booda ergaan Waaqayyoo akka beekamu gochuu isaa itti fufeera.—Yohaannis 7:16; Mulʼata 1:1.

 Yaadni “jalqaba” jedhu yeroo Waaqayyo uumuu itti eegalee fi Dubbicha uume argisiisa. Sana booda Waaqayyo wantoota hundumaa uumuuf Dubbicha fayyadameera. (Yohaannis 1:2, 3) Kitaabni Qulqulluun Yesuus “angafa uumama hundumaa” akka taʼee fi ‘wantoonni kaan hundi karaa isaa akka uumaman’ dubbata.—Qolosaayis 1:15, 16.

 Gaaleen “Dubbichi waaqayyo ture” jedhu Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura, jabaa akka turee fi amalawwan Waaqayyo qabu kan biroo akka qabu argisiisa. Akka kanatti kan ibsame, dubbii himaa fi Ilma Waaqayyoo isa angafaa isa Waaqayyo wantoota kan biroo hunda uumuuf fayyadame waan taʼeef ture.

Yaada Naannoo Yohaannis 1:1⁠tti argamu

 Kutaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe kitaabni Yohaannis jireenya Yesuus lafa irratti dabarsee fi tajaajila inni raawwate ibsa. Lakkoofsawwan jalqabaa boqonnaa tokkoffaa jireenya Yesuus nama taʼuu isa dura qabu, hariiroo addaa inni Waaqayyoo wajjin qabuu fi hariiroo Waaqayyo ilmaan namootaa wajjin qabu keessatti gaʼee guddaa inni qabu ibsu. (Yohaannis 1:1-18) Ibsawwan kun Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti wanta inni dubbatee fi raawwate hubachuuf nu gargaaru.—Yohaannis 3:16; 6:38; 12:49, 50; 14:28; 17:5.

Hubannaawwan Dogoggoraa Waaʼee Yohaannis 1:1

 Hubannaa dogoggoraa: Gaaleen dhumaa Yohaannis 1:1 irra jiru “sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” jedhamee hiikamuu qaba.

 Dhugaa isaa: Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hedduun caqasa kana akkasitti kan hiikan taʼus, warri kaan karaa kan biraatiin hiikuun barbaachisaa akka taʼe hubataniiru. Barreeffama afaan jalqabaa Yohaannis 1:1 irratti argamu keessatti iddoowwan lamaan “Waaqayyo” (Giriikii, the·osʹ) jedhan itti argaman akki itti taaʼan garaa gara dha. Jechi “Waaqayyo” jedhu inni jalqabaa addeessaa murtaaʼe kan of duraa qabu siʼa taʼu, inni lammaffaan garuu hin qabu. Hayyoonni hedduun the·osʹ isa lammaffaa dura addeessaan murtaaʼe dhabamuun isaa iddoo guddaa akka qabu hubataniiru. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun, The Translator’s New Testament jedhamu sababa addeessaan murtaaʼe itti dhabame akka itti aanutti ibseera: “Addeessaan murtaaʼe dhabamuun isaa Theos (Waaqayyo) inni lammaffaan amala Waaqayyoo qabaachuu isaa argisiisa, kanaafuu gaaleen kun ‘Sagalichi amala Waaqayyoo qaba’” jechuu dha. a Hayyoonni b kan biroonii fi hiiktonni Kitaaba Qulqulluu kan biroon garaagarummaa kana irratti walii galaniiru. “ Yohaannis 1:1 Hiikawwan kan Biroo Irraa” ilaali.

 Hubannaa dogoggoraa: Caqasni kun Dubbichi Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu wajjin tokko akka taʼe barsiisa.

 Dhugaa isaa: Caqasa kana irratti yaadni “sagalichi Waaqayyo bira ture” jedhu qaamonni adda addaa lama akka jiran argisiisa. Sagalichi al tokkotti ‘Waaqayyo bira taʼuu’ fi Waaqayyo Hundumaa Dandaʼu taʼuu hin dandaʼu. Yaadni naannoo isaa jiru sagalichi Waaqayyo Hundumaa Dandaʼu akka hin taane mirkaneessa. Yohaannis 1:18, “Yeroo kamitti iyyuu namni Waaqayyoon arge hin jiru” jedha. Haa taʼu malee, Yohaannis 1:14, “Dubbichi foon taʼee nu gidduu jiraate; nutis ulfina isaa argine” waan jedhuuf namoonni Dubbicha, jechuunis Yesuusiin arganiiru.

 Hubannaa dogoggoraa: Dubbichi yeroo hundumaa jira.

 Dhugaa isaa: Caqasa kana irratti jechi “jalqaba” jedhu Waaqayyo jalqaba waan hin qabneef, “jalqaba” Waaqayyoo kan argisiisu miti. Yihowaan c “Bara baraa hamma bara baraatti” jira. (Faarfannaa 90:1, 2) Haa taʼu malee, Dubbichi, Yesuus Kiristoos jalqaba qaba. “Inni uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa” ti.—Mulʼata 3:14.

 Hubannaa dogoggoraa: Dubbicha “waaqayyo” jedhanii waamuun barumsa waaqolii hedduu waaqeffachuu jajjabeessa.

 Dhugaa isaa: Jechi afaan Giriikii “Waaqayyo” ykn “waaqayyo” (the·osʹ) jedhan, jechoota afaan Ibrootaa Kakuu Haaraa keessatti yeroo baayʼee ʼel fi ʼelo·himʹ jedhamanii itti hojjetamanii wajjin tokko dha. Jechoonni afaan Ibrootaa kun hiika “Isa Jabaa; Isa Cimaa” jedhu kan qaban siʼa taʼu, Waaqayyo hundumaa dandaʼu, waaqolii kan biroo fi namoota illee argisiisuuf itti hojjetamaniiru. (Faarfannaa 82:6; Yohaannis 10:34) Waaqayyo waan hundumaa uumuuf Dubbichatti waan fayyadameef, isa jabaa jedhamuun isaa sirrii dha. (Yohaannis 1:3) Dubbicha “waaqayyo” jedhanii ibsuun, raajii Isaayyaas 9:6 irratti Masiihichi ykn Kiristoos inni Waaqayyo filate, “Waaqa Hundumaa Dandaʼu” (ʼEl Shad·daiʹ) utuu hin taʼin, “Waaqa Jabaa” (Afaan Ibrootaa, ʼEl Gib·bohrʹ) akka jedhamu ibsamee wajjin kan wal simu dha.—Uumama 17:1; 35:11; Baʼuu 6:3; Hisqiʼel 10:5.

 Kitaabni Qulqulluun waaqolii hedduu waaqeffachuu hin deggeru. Yesuus Kiristoos akkas jedheera: “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi.” (Maatewos 4:10) Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “‘waaqolii’ hedduunii fi ‘gooftolii’ hedduun jiru; taʼus, samii irrattis taʼe lafa irratti waaqolii kan jedhaman yoo jiraatan iyyuu, nuuf garuu Waaqa tokkicha isa Abbaa keenya taʼe, isa wantoonni hundi biraa argamanii fi nutis kan isaa taane qofatu jira; akkasumas, Gooftaa tokkicha isa wantoonni hundi karaa isaa argamanii fi nutis karaa isaa argamne Yesuus Kiristoos qofatu jira.”—1 Qorontos 8:5, 6.

 Yohaannis 1:1 Hiikawwan kan Biroo Irraa

 “Jalqaba Dubbichatu ture. Dubbichi Waaqayyoo wajjin ture, Dubbichi amala akka Waaqayyoo qaba ture.”—The Bible—An American Translation, 1935, by J.M.P. Smith and E. J. Goodspeed.

 “Loogoos jalqaba jira ture, Loogoos Waaqayyoo wajjin jira ture, Loogoos amala akka Waaqayyoo qaba ture.”—The Bible—Containing the Old and New Testaments, 1950, by James Moffatt.

 “Jalqaba Dubbichatu ture, dubbichi Waaqayyoo wajjin ture, dubbichi waaqayyo ture.”—The New Testament in an Improved Version, 1808, edited by Thomas Belsham, based on a New Testament translation by William Newcome.

 “Jalqaba Dubbichatu ture. Dubbichi Waaqayyo wajjin ture. Kanaafuu Dubbichi amala akka Waaqayyo qaba ture.”—The Authentic New Testament, 1958, by Hugh J. Schonfield.

a The Translator’s New Testament, fuula 451.

b Hayyuun Jeesan Deeviid Beeduun jedhamu akka jedhetti, addeessaan murtaaʼe bakka jechi “Waaqayyo” jedhu jiru lamaan keessaa tokko qofa irratti galuun isaa “Afaan Ingiliffaatiin jechi ‘waaqayyo’ jedhu isa ‘Waaqayyo’ jedhu irraa adda akka taʼe argisiisa.” Itti dabalees akkas jedheera: “Dubbichi Yohaannis 1:1 irratti ibsame, Waaqayyo isa tokkicha miti, kanaa mannaa, waaqayyo ykn amala akka Waaqayyoo kan qabu dha.”—Truth in Translation: Accuracy and Bias in English Translations of the New Testament, fuula 115, 122 fi 123.

c Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18.