Wangeela Yohaannis 17:1-26

  • Kadhannaa dhumaa Yesuus ergamoota isaa wajjin dhiheesse (1-26)

    • Waaqayyoon beekuun jireenya bara baraa ti (3)

    • Kiristiyaanonni kutaa addunyaa miti (14-16)

    • “Dubbiin kee dhugaa dha” (17)

    • ‘Ani maqaa kee beeksiseera’ (26)

17  Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, gara samii ilaalaa akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatichi gaʼeera. Ilmi kee ulfina akka sii kennuuf, ilma keetiif ulfina kenni;+  kunis akkuma ati namoota* hunda irratti aangoo isaaf kennite,+ innis warra ati isaaf kennite hundaaf+ jireenya bara baraa akka kennuufi.+  Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif,+ si Waaqa dhugaa isa tokkichaa+ fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu* qabu.+  Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree+ lafa irratti ulfina siif kenneera.+  Kanaafuu, yaa Abbaa, ulfina ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, of biratti ulfina anaaf kenni.+  “Ani namoota ati addunyaa keessaa anaaf kennitetti maqaa kee mulʼiseera.*+ Isaan kan kee turan; ati anaaf isaan kenniteetta; isaanis dubbii kee eeganiiru.*  Isaan wanti ati anaaf kennite hundi si biraa akka dhufe amma beekaniiru;  sababiin isaas, ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneera;+ isaanis kana fudhataniiru; ani bakka buʼaa kee taʼee akkan dhufe sirriitti beekaniiru;+ akka ati na ergites amananiiru.+  Ani waaʼee isaanii sin kadhadha; kanan si kadhadhu waaʼee addunyaa utuu hin taʼin, waaʼee warra ati anaaf kennite sanaa ti; sababiin isaas, isaan kan kee ti; 10  wanti kan koo taʼe hundi kan kee ti; wanti kan kee taʼe hundis kan koo ti;+ anis isaan gidduutti ulfina argadheera. 11  “Ani gara kee waanan dhufuuf, kana booda addunyaa keessa hin jiraadhu; isaan garuu addunyaa keessa jiraatu.+ Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nuti tokko taane* isaanis tokko akka taʼaniif* maqaa kee isa anaaf kennite sanaaf jedhiitii isaan eegi.+ 12  Yeroon isaanii wajjin turetti, maqaa kee isa ati anaaf kennite sanaaf jedhee isaan eegaan ture;+ ani isaan eegeera; wanti Kitaabonni Qulqulluun jedhan akka raawwatamuuf,+ ilma badiisaa sana malee+ isaan keessaa tokko illee hin badne.+ 13  Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koo isaan keessatti guutuu akka taʼuuf, wantoota kana addunyaa keessatti nan dubbadha.+ 14  Ani dubbii kee isaaniif kenneera; taʼus akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa waan hin taaneef addunyaan isaan jibbe.+ 15  “Ani isa hamaa sana irraa akka isaan eegduuf malee, addunyaa keessaa akka isaan baastu si hin kadhadhu.+ 16  Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane,+ isaanis kutaa addunyaa miti.+ 17  Dhugichaan isaan qulqulleessi;*+ dubbiin kee dhugaa dha.+ 18  Akkuma ati gara addunyaatti na ergite, anis gara addunyaatti isaan ergeera.+ 19  Isaanis dhugaadhaan akka qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa. 20  “Ani warra kanaaf qofa utuu hin taʼin, warra dubbii isaanii dhagaʼanii anatti amananiifis nan kadhadha; 21  kanan kadhadhus, hundi isaanii tokko akka taʼaniif,+ yaa Abbaa, akkuma ati anaa wajjin tokkummaa qabduu fi anis sii wajjin tokkummaa qabu,+ isaanis nuu wajjin tokkummaa akka qabaataniifi; kunis addunyaan akka ati na ergite akka amanuufi. 22  Akkuma nuti tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif,+ ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera. 23  Ani isaanii wajjin tokkummaa qaba; atis anaa wajjin tokkummaa qabda; kun immoo isaanis tokkummaa cimaa akka qabaataniifi;* kanaan kan kaʼes, addunyaan akka ati na ergitee fi akkuma na jaallatte isaaniinis jaallachuu kee ni beeka. 24  Yaa Abbaa, warri ati anaaf kennite bakka ani jiru anaa wajjin akka taʼan nan barbaada;+ kunis, ulfina koo isa ati addunyaan hundeeffamuu isaa dura waan na jaallatteef naaf kennite akka arganiifi.+ 25  Yaa Abbaa isa qajeelaa, addunyaan si hin beekne,+ ani garuu si beeka;+ warri kunis akka ati na ergite beekaniiru. 26  Jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka taʼuu fi anis isaanii wajjin tokkummaa akkan qabaadhuuf,+ maqaa kee isaanitti beeksiseera; gara fuulduraattis nan beeksisa.”+

Miiljaleewwan

Kal., “foon.”
Ykn., “ilaalchisee beekumsa argachuu isaanii itti fufuu.”
Ykn., “beeksiseera.”
Ykn., “dubbii keetiif ajajamaniiru.”
Ykn., “tokkummaa akka qabaataniif.”
Ykn., “tokkummaa qabnu.”
Ykn., “adda isaan baasi.”
Ykn., “guutummaatti tokkummaa akka qabaataniifi.”