Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Dhiifama Gaafachuu Kanan Qabu Maaliifi?

Dhiifama Gaafachuu Kanan Qabu Maaliifi?

 Utuu haalawwan armaan gadii si mudatanii maal goota?

  1.   Barsiisaan kee kutaa keessatti waan jeeqxeef sitti dheekkame.

     Karaa sirrii hin taaneen akka sitti dubbate sitti dhagaʼamu illee, barsiisaa kee dhiifama gaafachuu qabdaa?

  2.   Hiriyaan kee waaʼee ishii wanta gaarii hin taane akka dubbatte dhageesse.

     Wanti ati dubbatte dhugaa taʼuu isaa kan amantu taʼu illee, hiriyaa kee dhiifama gaafachuu qabdaa?

  3.   Abbaa keetti waan aarteef karaa ulfina hin qabneen deebii isaaf kennite.

     Kan si aarse isa akka taʼe kan sitti dhagaʼamu taʼu illee, abbaa kee dhiifama gaafachuu qabdaa?

 Deebiin gaaffiiwwan sadan kanaa “Eeyyee” kan jedhu dha. Guutummaatti balleessaa kee akka hin taane kan sitti dhagaʼamu taʼu illee, “Dhiifama naa godhi” jechuu kan qabdu maaliifi?

 Dhiifama gaafachuu kan qabdu maaliifi?

  •   Dhiifama gaafachuun gaʼeessa taʼuu kee argisiisa. Wanta dubbatteef ykn wanta gooteef itti gaafatamummaa isaa fudhachuun kee, amalawwan yeroo nama guddaa taatu si barbaachisan guddifachaa akka jirtu argisiisa.

     “Gad of qabuunii fi obsi dhiifama gaafachuuf, akkasumas wanta namni kan biraan jedhu dhaggeeffachuuf nu gargaaruu dandaʼa.”—Reechal.

  •   Dhiifama gaafachuun nagaa uumuuf si gargaara. Namoonni dhiifama gaafatan, wanti caalaatti isaan yaaddessu, isaan sirrii akka taʼan, namni kaan immoo akka balleesse mirkaneessuu utuu hin taʼin, nagaa uumuu akka taʼe argisiisu.

     “Balleessaa kee akka hin taane kan yaaddu taʼu illee, wanti dursi kennamuufii qabu nagaa uumuu dha. ‘Dhiifama naa godhi’ jechuun gatii kan hin baasisne taʼus, michummaa haaressuu dandaʼa.”—Miiriyaam.

  •   Dhiifama gaafachuun miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu godha. Gaabbiin dubbiidhaan ykn gochaan nama tokko miidhuu keetti sitti dhagaʼamu baʼaa ulfaataa dha. Takkaa dhiifama erga gaafattee booda garuu, akkuma baʼaan sun gatiittii kee irraa buʼetti sitti dhagaʼama. a

     “Yeroon haadha kootti ykn abbaa kootti aariidhaan dubbadhe jira ture. Kanan gadde taʼu illee, dhiifama gaafachuun baayʼee natti ulfaata ture. Yeroon dhiifama isaan gaafadhu garuu maatichaa gidduu nagaan waan buʼuuf yeroo hunda miira gaariitu natti dhagaʼama.”—Niiyaa.

    Gaabbiin akkuma baʼaa ulfaataa ti; takkaa dhiifama gaafannaan garuu baʼaan sun si irraa buʼa

 Dhiifama gaafachuun carraaqqii gaafataa? Eeyyee! Shamarreen Diinaa jedhamtu haadha ishiitti karaa kabaja hin qabneen dubbattee waan turteef, irra deddeebitee dhiifama gaafachuun ishii barbaachisee ture; akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti: “‘Dhiifama naa godhi’ jechuun salphaa miti. Afaan koo keessaa jechoota ‘Dhiifama naaf godhi’ jedhan baasuun na hudha!”

 Dhiifama gaafachuu kan dandeessu akkamitti?

  •   Dandaʼamnaan qaamaan dhaqiitii dhiifama gaafadhu. Qaamaan dhaqxee dhiifama gaafachuun kee namni sun garaadhaa gaabbuu kee akka argu godha. Ergaa barreeffamaatiin dhiifama yoo gaafatte garuu, namni sun si amanuu dhiisuu dandaʼa. Fakkii (emoji) fuula gadde argisiisu ergitu illee, kan gaddite garaadhaa taʼuu isaa kan argisiisu taʼuu dhiisuu dandaʼa.

     Gorsa gaarii: Qaamaan dhaqxee dhiifama gaafachuu hin dandeessu taanaan, bilbila bilbiluu ykn poosti kaardii irratti barreessitee erguufii dandeessa. Dhiifama gaafachuuf mala isa kam iyyuu yoo filatte, jechoota itti fayyadamtu irratti of eeggannoodhaan yaadi.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada.”—Fakkeenya 15:28.

  •   Utuu hin turin dhiifama gaafadhu. Dhimmi tokko dafee furmaata argachuu baannaan, caalaatti cimaa kan deemu taʼuu isaa irra iyyuu, hariiroon nama sanaa wajjin qabdan mancaʼaa deema.

     Gorsa gaarii: Fakkeenyaaf, ‘Harʼa dhiifama gaafachuun qaba’ jedhiitii galma baafadhu. Yoom dhiifama gaafachuu akka qabdu murteessi; achiis murtoo kee raawwadhu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dafiitii isaa wajjin araarami.”—Maatewos 5:25.

  •   Garaadhaa dhiifama gaafadhu. “Akkas sitti dhagaʼamuu isaatti baayʼeen gadda” yoo jette akka dhiifama gaafatetti hin lakkaaʼamu! Shamarreen Jaaneel jedhamtu, “Yeroo baayʼee namni mufachiiste sun balleessaa raawwatteef itti gaafatamummaa guutuu fudhachuu kee yommuu argu si kabaja” jetteetti.

     Gorsa gaarii: Yeroo dhiifama gaafattu yoo kun taʼe malee akkas hin godhu hin jedhin. Karaa biraatiin “Balleessaa keetiif dhiifama yoo gaafatte anis balleessaa kootiif dhiifama nan gaafadha” hin jedhin.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wantoota nagaa argamsiisan . . . haa hordofnu.”—Roomaa 14:19.

a Miʼa namaa yoo gatte ykn yoo balleessite, dhiifama gaafachuu qofa utuu hin taʼin, miʼa sana bakka buusuuf ykn sirreessuuf tarkaanfii fudhachuun kee gaarii dha.