Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DUBBISTOOTAA

Waaʼee Tamboo Xuuxuu fi Waaʼee Sijaaraa Eleektiroonikii Xuuxuu Maal Beekuun Qaba?

Waaʼee Tamboo Xuuxuu fi Waaʼee Sijaaraa Eleektiroonikii Xuuxuu Maal Beekuun Qaba?

 “Naannoo ani jiraadhutti dargaggoonni umurii waggaa 25 gad tamboo xuuxee ykn sijaaraa eleektirooniksii xuuxee hin beekne argachuun rakkisaadha.”—Juuliyaa.

Mata duree kana keessatti

 Wanta beekuu qabdu

  •   Sijaaraa xuuxuun si ajjeesa. Wanti niikootiinii jedhamuu fi adda durummaadhaan sijaaraan irraa hojjetamu summii araada guddaa nama qabsiisudha. Akka Wiirtuun Toʼannaa fi Ittisa Dhibee Yuunaayitid Isteetis jedhetti, “tamboo xuuxuun addunyaa maratti sababiiwwan umurii malee duʼuu fi dhukkubaa hambisuun dandaʼamu isa guddaa keessaa tokkodha.”

     “Kutaa raajii kaasuu keessa waanan hojjedhuuf, miidhaa xuuxuun nama dhukkubsatu irratti geessisu fakkii altirasaawundiin argisiisu ilaaluuf carraa qaba. Fakkiiwwan namoota xuuxaa turan irratti hammam miidhaa qaama akka geessise yommuun argu baayʼee na naasisa. Xuuxuu dhiisuuf yaaluudhaan qaama kootiif bakka guddaa kennuun barbaada.”—Teeresaa.

     Kana beektaa? Sijaaraan keemikaalota gara 7,000 kan qabu yommuu taʼu, hedduun isaanii immoo summii kan taʼanidha. Waggaa waggaadhaan, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dhukkuba tamboo wajjin wal qabateen lubbuu isaanii dhabu.

  •   Sijaaraa eleektiroonikii fayyadamuunis keemikaalota summii qabaniif nama saaxila. Sijaaraan eleektiroonikii somba kan miidhuu fi duʼaaf kan nama saaxiludha. Kana malees, akkuma sijaaraa kaanii sijaaraan eleektiroonikii hedduun niikootiinii qaba. Odeeffannoon sijaaraa eleektiroonikii ilaalchisee baʼe akka ibsetti, niikootiiniin araada cimaa kan nama qabsiisu waan taʼeef, “dargaggoonni araada qorichawwan sammuu namaa hadoochan kan biraatiin akka qabaman” taasisuu dandaʼa.

     “Oomishawwan sijaaraa eleektiroonikii kotan kaandii fi cheerii boombi jedhaman urgaa namatti tolu waan qabaniif, keessumaa ijoollee fi dargaggoota umurii kurnanii keessa jiran baayʼee hawwata. Urgaan isaa kun, miidhaa isaa akka dagatan taasisa.”—Miraandaa.

     Kana beektaa? Hurki sijaaraa eleektiroonikii keessaa baʼu bishaan qofa miti. Yeroo baayʼee keemikaala summii cimaa taʼe gara sombaatti akka seenan godha.

 Miidhaawwan tamboo ykn sijaaraa eleektiroonikii xuuxu wajjin walqabatan

  1.  (1) Rakkina hubachuu fi wanta tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu, rakkina miiraa, keessumaa immoo miidhaa guddina sammuu irratti geessisu

  2.  (2) Foonii fi qaawwa ilkaanii dhiitaʼuu

  3.  (3) Sombi dhiitaʼuu fi dhukkuba onnee

     Dhukkuba xiichaa itti caalchisuu

     Dhukkuba garaachaa fi lollocuu

 Wanta gochuu dandeessu

  •   Dhugaa isaa hubadhu. Wanta dhageessu hunda hin amanin, fakkeenyaaf, sijaaraan eleektiroonikii miidhaa hin qabu ykn dhiphina irraa boqonnaa argachuuf gaariidha jedhan hin fudhatin. Kanaa mannaa, ofuma keetiin qorannaa godhi; akkasumas odeeffannoo argatte irratti hundaaʼuudhaan murtoo gaarii godhi.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.

     “Miidhaan tamboo xuuxuunii fi sijaaraa eleektiroonikii xuuxuun geessisu yommuu yaaddu, namoonni beekamoon ykn hiriyoonni kee bashannanuu caalaa wanta dabalatu akka qabu hubatta.”—Eevaan.

     Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Dhuguma dargaggoonni tamboo xuuxanii fi sijaaraa eleektiroonikii xuuxan caalaatti gammadoodhaa? Haalawwan dhiphisoo ammas taʼe gara fuulduraatti isaan mudatan dandamachuuf caalaatti qophaaʼaniiruu? Moo rakkina dabalataa facaasaa jiru?

  •    Karaa buʼa qabeessa dhiphina dandamachuun itti dandaʼamu barbaadadhu. Karaa gaariin dhiphina dandamachuun itti dandaʼamu, sochiiwwan gaarii kanneen akka sochii qaamaa gochuu, dubbisuu ykn hiriyoota kee si jajjabeessanii wajjin yeroo gaarii dabarsuu kan dabalatudha. Wantoota gaarii hedduu irratti xiyyeeffachuu dandeessu waan qabduuf, xuuxuuf fedhii hin qabaattu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba, dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.”—Fakkeenya 12:25.

     “Namoonni tamboo xuuxuunii fi sijaaraa eleektiroonikii xuuxuun dhiphina irraa boqonnaa akka isaaniif argamsiisan yaadu. Haa taʼu malee, wantoonni kun yeroodhaaf qofa boqonnaa kennu, garuu immoo miidhaa umurii guutuu turu geessisu. Karaa hundumaa caalaa gaariin dhiphina dandamachuun itti dandaʼamu jira.”—Anjeelaa.

     Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Karaawwan ati dhiphina dandamachuu itti dandeessu tokko tokko kamfaʼi? Gama kanaan gargaarsa yoo barbaadde, kutaa “Gaaffii Dargaggootaa” jedhu jalatti mata duree “Dhiphina damdamachuu kanan dandaʼu akkamitti?” jedhu akka dubbistu si affeerra.

Dhiphina dandamachuuf jecha wantoota araada namatti taʼan fudhachuun, bokkaa baqachuuf garba keessa utaalanii seenuu wajjin walfakkaata; kun immoo rakkina ofiitti dabaluudha!

  •    Dhiibbaa hiriyaa dandamachuuf of qopheessi. Ijoollee sii wajjin baratan ykn wanta itti bohaartu irraa illee dhiibbaan sitti dhufuu dandaʼa. Fiilmiiwwan, sagantaalee televizyinii fi weebsaayitii hawaasaa yeroo baayʼee tamboo xuuxuunii fi sijaaraa eleektiroonikii xuuxuun rakkina akka hin qabnee fi bashannanaaf akka taʼe dubbatu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “[Namoonni bilchaatoon] warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan [leenjisanidha].”—Ibroota 5:14.

     “Yeroon mana barumsaa barachaa turetti, ijoolleen umurii koo irra jiran tamboo ykn sijaaraa eleektiroonikii waanan hin xuuxneef na kabaju turan. Ejjennoo koo takkaa ifa ergan godhee booda, anaaf dubbachuu illee eegalaniiru. Kanaafuu, kan hin fakkaanne taʼus, ejjennoo ofii beeksisuun eegumsa namaaf argamsiisa.”—Aanaa.

     Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Dhiibbaa hiriyaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti? Yeroowwan itti kana gootee turte ni yaadattaa? Gama kanaan gargaarsi yoo si barbaachise, kitaaba Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2​ffaa irraa, boqonnaa 15 mata duree “Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuuf” jedhu dubbisi.

  •   Hiriyoota kee of eeggannoodhaan filadhu. Hiriyoonni kees gochawwan kanaaf ilaalcha akka kee yoo qabaatan, qorumsi tamboo ykn sijaaraa eleektiroonikii akka xuuxu siif dhihaatu ni hirʼata.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.”—Fakkeenya 13:20.

     “Namoota of toʼatanii fi amanamummaa isaanii eeganii wajjin hiriyaa taʼuun baayʼee nama gargaara. Jireenya isaanii keessatti buʼaa gaarii akka argatan yommuu hubattan, isinis akka isaanii taʼuuf kakaatu.”—Kaalviin.

     Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Hiriyoonni kee baayʼee sitti dhihaatan murtoo jireenya qulqulluu fi gaarii jiraachuuf goote kan deggeran moo laaffisuuf kan yaalanidha?

 Waaʼee maariwaanaa maal jechuutu dandaʼama?

 Namoonni hedduun maariwaanaan miidhaa hin qabu jedhu. Kun garuu sobadha!

  •   Dargaggoonni maariwaanaa fayyadaman araada isaanitti taʼa. Qorannoowwan geggeeffaman akka argisiisanitti maariwaanaa fayyadamuun dandeettii namaa hirʼisuu isaa irra iyyuu sammuu irratti miidhaa guddaa geessisa.

  •   Dhaabbanni Ameerikaa Seeraan ala Qorichatti fayyadamuu fi Bulchiinsa Tajaajila Nagaa Sammuu akka ibsetti, “qorannaan akka argisiisutti namoonni maariwaanaa fayyadaman namootaa wajjin hariiroo uumuun isaan rakkisa, barumsa irratti dadhaboodha, hojii isaanii irratti milkaaʼina hin qaban, jireenya isaaniitti hin gammadan.”

     “Keessumaa dhiphina koo irraa boqonnaa argachuu waanan barbaaduuf, maariwaanaa xuuxuufan qorama ture. Araada namatti taʼuu akka dandaʼu yommuun yaadu garuu, maallaqan ittiin bituu fi miidhaa fayyaa koo irratti geessisu, maariwaanaa xuuxuun dhiphina koo natti caalchisuu malee faayidaa akka hin qabne hubadheera.”—Juudaa.