Dhimma ijoo ta'etti seeni

Cubbuun Dhiifama hin Qabne Maali Dha?

Cubbuun Dhiifama hin Qabne Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Cubbuun dhiifama hin qabne gochaa fi amala namni cubbuu raawwate tokko dhiifama Waaqayyoo akka hin arganne taasisu dha. Namni tokko haala akkasii irratti argamuu kan dandaʼu akkamitti?

 Waaqayyo namoota cubbuu isaanii irraa yaada geddarataniif, jireenya isaanii keessatti ulaagaalee isaa hordofanii fi Yesuus Kiristoos irratti amantii qabaniif dhiifama ni godha. (Hojii Ergamootaa 3:19, 20) Haa taʼu malee, namni tokko cubbuu hojjechuu isaa itti fufuu fi ilaalcha ykn amala isaa matumaa jijjiiruu dhiisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun namni akkanaa “garaa hamaa,” “humna gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa” taʼe akka qabu ibsa. (Ibroota 3:12, 13) Garaan nama kanaa akkuma suphee ibiddaan gubamee fi bocni isaa jijjiiramuu hin dandeenyee yeroo hundumaa Waaqayyoon kan mormu taʼa. (Isaayaas 45:9) Namni akkasii dhiifama akka argatuuf wanti buʼuura taʼu matumaa hin jiru; kanaafuu, namni kun cubbuun isaa dhiifama hin argatu.—Ibroota 10:26, 27.

 Geggeessitoonni amantii Yihudii bara Yesuus turan tokko tokko cubbuu dhiifama hin qabne raawwatanii turan. Yesuus dinqii kan raawwate hafuura qulqulluu Waaqayyootiin akka taʼe beeku turan; haa taʼu malee, namoonni kun hamminaan kakaʼanii Yesuus humna kana kan argate Seexana irraa akka taʼe dubbataniiru.—Maarqos 3:22, 28-30.

Cubbuuwwan dhiifama qaban

  •  Otoo hin beekin Waaqayyoon arrabsuu.

     Phaawulos ergamaan yeroo taʼe tokkotti Waaqayyoon arrabsaa kan ture taʼus yeroo booda, “Wallaalummaa fi amantii dhabuudhaan kana waanan godheef gara laafina natti argisiiseera” jedheera.—1 Ximotewos 1:13.

  •  Ejja. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo namoota yeroo taʼe tokkotti ejja raawwachaa turanii fi amala isaanii jijjiiraniif dhiifama akka godhe dubbata.—1 Qorontos 6:9-11.

“Cubbuu dhiifama hin qabne raawwadheeraa laata?”

 Cubbuu kanaan dura raawwachaa turte garaadhaa kan jibbituu fi dhugumaan jijjiiramuu kan barbaaddu yoo taʼe, cubbuu dhiifama hin qabne hin raawwanne jechuu dha. Waaqayyo garaan kee yeroo hunda didaa hamma hin taanetti irra deddeebitee cubbuu wal fakkaatu yoo raawwatte illee dhiifama sii gochuu dandaʼa.—Isaayyaas 1:18.

 Namoonni tokko tokko miirri balleessaa cimaan waan isaanitti dhagaʼamuuf, cubbuu dhiifama hin qabne akka raawwatan isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yeroo hunda miira keenya amanuu akka hin dandeenye barsiisa. (Ermiyaas 17:9) Waaqayyo ofii keenyattis taʼe nama kamitti iyyuu akka murteessinu aangoo nuuf hin kennine. (Roomaa 14:4, 12) Inni yeroo garaan keenya nutti murteessutti illee dhiifama nuu gochuu dandaʼa.—1 Yohaannis 3:19, 20.

Yihudaa Asqorotichi cubbuu dhiifama hin qabne raawwatee?

 Eeyyee. Sassataan kakaʼee maallaqa hojii qulqulluudhaaf buusii godhame irraa hateera. Fedhiin isaa inni dhugaan maallaqa dabalataa hatu argachuu taʼee otoo jiruu, hiyyeeyyiidhaaf akka yaadu fakkeessuuf illee yaaleera. (Yohaannis 12:4-8) Yihudaan garaan isaa wanta dogoggoraa raawwachuu isaa waan itti fufeef, saantima meetii 30f jedhee Yesuusiin dabarsee kenneera. Yesuus, Yihudaan wanta raawwateef dhugumaan yaada geeddarachuu akka hin dandeenye waan beekeef, “ilma badiisaa” jedhee isa waameera. (Yohaannis 17:12) Kana jechuun Yihudaan yommuu duʼu abdii duʼaa kaʼuu otoo hin qabaatin bara baraaf badee hafa jechuu dha.—Maarqos 14:21.

 Yihudaan cubbuu raawwateef garaadhaa yaada hin geeddaranne. Cubbuu isaa Waaqayyotti otoo hin taʼin, geggeessitoota amantii Yesuusiin dabarsee akka kennuuf isa wajjin walii galanitti himateera.—Maatewos 27:3-5; 2 Qorontos 7:10.