Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Maatii Gammachuu Qabu Akkan Qabaadhu Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Kitaabni Qulqulluun Maatii Gammachuu Qabu Akkan Qabaadhu Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee. Gorsawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman maatii gammachuu qabu akka qabaatan garagaran armaan gaditti tarreeffamaniiru:

  1.   Gaaʼela kee seera qabeessa gochuu. Gaaʼelli umurii guutuu waliin jiraachuuf seeraan hundeeffamu, maatiin gammachuu akka qabaatu godha.—Maatewos 19:4-6.

  2.   Jaalalaa fi kabaja argisiisuu. Kun, hiriyaa gaaʼelaa keetiif wanta ofii barbaaddu gochuufii kan dabalatu dha.—Maatewos 7:12; Efesoon 5:25, 33.

  3.   Dubbii nama miidhu dubbachuu dhiisuu. Hiriyaan gaaʼelaa kee wanta si miidhu yoo dubbate ykn yoo raawwate illee gaarummaadhaan dubbadhu. (Efesoon 4:31, 32) Akkuma Kitaabni Qulqulluun Fakkeenya 15:1 irratti dubbatu, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.”

  4.   Waliif amanamuu. Miira jaalalaa argisiisuu fi fedhii saalaa qabaachuu kan qabdu hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin qofa taʼuu qaba. (Maatewos 5:28) Kitaabni Qulqulluun, “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu” jedha.—Ibroota 13:4.

  5.   Ijoollee keessan jaalalaan leenjisuu. Ijoollee gadhiisiitti guddisuus taʼe, garmalee isaan hacuucuu irraa of eegi.—Fakkeenya 29:15; Qolosaayis 3:21.