Wangeela Maatewos 7:1-29

  • LALLABA GAARAA (1-27)

    • Warra kaanitti murteessuu dhiisaa (1-6)

    • Kadhachuu, barbaaduu, balbala rurrukutuu keessan itti fufaa (7-11)

    • Seera Isa Beekamaa (12)

    • Karra dhiphaa (13, 14)

    • Firii isaaniitiin beekamu (15-23)

    • Mana qarsaa irraattii ijaaramee fi mana cirracha irratti ijaarame (24-27)

  • Namoonni hedduun barumsa Yesuus baayʼee dinqisiifatan (28, 29)

7  “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa;+  sababiin isaas, murtiin namoota irratti murteessitan isin irratti ni murteeffama;+ safartuu isin itti safartanitti isiniif ni safaru.+  Maarree, jirma ija kee keessa jiru arguu dhiistee, huuba ija obboleessa kee keessa jiru maaliif ilaalta?+  Yookiin utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Huuba ija kee keessa jiru siifan baasa’ jetta?  Fakkeessituu nana! Dura jirma ija kee keessa jiru baafadhu; sana booda huuba ija obboleessa kee keessa jiru baasuuf sirriitti ilaaluu dandeessa.  “Wanta qulqulluu sarootaaf hin kenninaa, callee* keessanis booyyee duratti hin darbatinaa;+ akkana yoo gootan isaan miila isaaniitiin isa dhidhiitu, garagalaniis isin miidhu.  “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama;+ barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama;+  kan kadhatu hundi ni kennamaaf,+ kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama.  Isin keessaa namni ilmi isaa daabboo yoo isa kadhate dhagaa isaaf kennu jiraa? 10  Yookiin qurxummii yoo isa kadhate bofa ni kennaafii? 11  Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif wanta gaarii+ caalchisee hin kennuu ree?+ 12  “Kanaafuu, wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.+ Wanti Seerichii fi Raajonni jedhanis kanuma.+ 13  “Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa;+ karri badiisatti geessu balʼaa dha, daandiin isaas guddaa dha; namoonni achiin seenanis baayʼee dha; 14  karri gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha, daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa.+ 15  “Raajota sobaa,+ keessa isaaniitti yeeyyii beelaʼe taʼanii utuu jiranii, kalʼee hoolaa uffatanii+ gara keessan dhufan irraa of eeggadhaa.+ 16  Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu. Namoonni qoree irraa firii wayinii yookiin sokorruu irraa firii harbuu funaanuu dandaʼuu ree?+ 17  Haaluma wal fakkaatuun, mukti gaariin hundi firii gaarii godhata; mukti tortore hundi garuu firii gadhee godhata.+ 18  Mukti gaariin firii gadhee godhachuu hin dandaʼu; mukti tortores firii gaarii godhachuu hin dandaʼu.+ 19  Mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama.+ 20  Kanaafuu, namoota sana firii isaaniitiin adda baastanii beektu.+ 21  “Mootummaa samiitti kan galu, nama fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu+ qofa malee nama, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hunda miti. 22  Guyyaa sanatti namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa,+ nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Maqaa keetiin jinniiwwan hin baasnee? Akkasumas maqaa keetiin+ dinqiiwwan hedduu hin raawwannee?’ naan jedhu. 23  Yeroo sanatti ani immoo, ‘Ani matumaa isin hin beeku! Isin warri hammina hojjettan nana, na biraa deemaa!’ isaaniin nan jedha.+ 24  “Kanaafuu, namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.+ 25  Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute; haa taʼu malee, manichi qarsaa irratti waan ijaarameef hin jigne. 26  Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra hin oolchine garuu, nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata.+ 27  Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute,+ manichis ni jige; guutummaattis ni hurraaʼe.” 28  Yesuus yommuu wantoota kana dubbatee xumuru, namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan;+ 29  sababiin isaas, inni akka barsiisota seeraa isaaniitti utuu hin taʼin, akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisaa ture.+

Miiljaleewwan

Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.