Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaʼee Maalii Kadhachuun Dandaʼa?

Waaʼee Maalii Kadhachuun Dandaʼa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti, ulaagaa Waaqayyo baase wajjin hamma wal simetti wanta barbaadde kam iyyuu ilaalchisee kadhachuu dandeessa. “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii [Waaqayyootti] yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.” (1 Yohaannis 5:14) Wantoota dhuunfaatti nu yaaddessan kaasnee kadhachuu ni dandeenyaa? Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta garaa keessanitti yaaddan [Waaqayyo] duratti dhangalaasaa!” jedha.—Faarfannaa 62:8.

Wantoota armaan gadii ilaalchisee kadhachuu dandeenya

  •   Waaqayyo irratti amantii qabaachuuf.—Luqaas 17:5

  •   Wantoota gaarii hojjechuuf hafuura qulqulluu ykn humna Waaqayyoo isa hojii irra jiruu argachuuf.—Luqaas 11:13.

  •   Jabina rakkoowwanii fi qorumsawwan dandamachuuf nu gargaaru argachuuf.—Filiphisiyus 4:13.

  •   Nagaa keessaa fi tasgabbii argachuuf.—Filiphisiyus 4:6, 7.

  •   Ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru argachuuf.—Yaaqoob 1:5.

  •   Wantoota guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisan argachuuf.—Maatewos 6:11.

  •   Dhiifama cubbuu argachuuf.—Maatewos 6:12.