Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Kadhannaawwan Tokko Tokko kan hin Dhageenye Maaliifi?

Waaqayyo Kadhannaawwan Tokko Tokko kan hin Dhageenye Maaliifi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kadhannaawwan Waaqayyoo deebii hin kennineef tokko tokko jiru. Sababii Waaqayyo kadhannaa nama tokkoo itti hin dhageenye lama haa ilaallu.

1. Kadhannichi faallaa fedha Waaqayyoo yoo taʼe

 Waaqayyo kadhannaa fedha ykn ulaagaa isaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru wajjin faallaa taʼeef deebii hin kennu. (1 Yohaannis 5:14) Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun sassatoo taʼuu irraa akka fagaannu nu ajaja. Qumaara taphachuun sassata jajjabeessa. (1 Qorontos 6:9, 10) Kanaaf, lootoriin akka siif baʼu kadhannaa yoo dhiheessite Waaqayyo deebii siif hin kennu. Waaqayyo wanta barbaaddu hunda akka siif kennu eeguu hin qabdu. Dhugaa isaa dubbachuuf, kun taʼuu dhiisuu isaatti galateeffachuu qabda. Taʼuu baannaan garuu, kadhannaan warri kaan dhiheessan si yaaddessuu qaba.—Yaaqoob 4:3.

2. Namni kadhatu sun gocha hammeenyaa kan raawwatu yoo taʼe

 Waaqayyo kadhannaa namoonni taʼe jedhanii gocha isa gaddisiisu raawwatan dhiheessan hin dhagaʼu. Fakkeenyaaf, Waaqayyo namoota isa tajaajilla jedhanii dubbachaa gocha hamminaa raawwachaa turaniin akkana jedhee ture: “Harka keessan keessa dhiigni waan guuteef, kadhata yoo baayʼiftan iyyuu ani isiniif hin dhagaʼu.” (Isaayaas 1:15) Haa taʼu malee, akkaataa jireenyaa isaanii sirreessuudhaan hariiroo Waaqayyo wajjin qaban utuu fooyyessaniiru taʼee inni kadhannaa isaanii ni dhagaʼa ture.—Isaayaas 1:18.