Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?

Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Yohaannis Cuuphaan raajii Waaqayyoo ture. (Luqaas 1:76) Dhaloota Kiristoos Dura xumura jaarraa jalqabaa dura dhalate, hamma Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti jiraateera. Waaqayyo Masihiichaaf ykn Kiristoosiif karaa akka qopheessu hojii isaaf kennee ture. Yohaannis Yihudoonni sanyii isaa taʼan garaa isaanii gara Waaqayyootti akka deebisan ergaa Waaqayyoo lallabuudhaan kana raawwateera.—Maarqos 1:1-4; Luqaas 1:13, 16, 17.

 Ergaan Yohaannis lallabe namoonni garaa qajeelaa qaban Yesuus inni nama Naazireet Masiihicha abdachiifame taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaareera. (Maatewos 11:10) Yohaannis namoonni isa dhaggeeffataa turan cubbuu raawwatanitti akka gaabbanii fi yaada geeddarachuu isaanii argisiisuuf akka cuuphaman isaan gorsee ture. (Luqaas 3:3-6) Yohaannis namoota hedduu waan cuupheef, Yohaannis Cuuphaa ykn Cuubdicha jedhameera. Cuuphaan hunda caalaa barbaachisaa taʼe cuuphaa Yohaannis Yesuusiin cuuphe ture. aMaarqos 1:9.

Mata duree kana keessatti

 Wanti Yohaannis Cuuphaa adda taasisu maal ture?

 Hojiin inni hojjetu raajiidhaan dubbatamee ture: Yohaannis hojii lallabaa raawwateen, raajiin ergamaa Yihowaa ilaalchisee dubbatame raawwii isaa akka argatu godheera. (Miilkiyaas 3:1; Maatewos 3:1-3) Inni isa “namoota Yihowaadhaaf qopheessu,” jechuunis Yihudoonni sanyii isaa taʼan ergaa Yesuus Kiristoos isa bakka buʼaa Yihowaa isa guddaa taʼe akka fudhatan karaa qopheessu akka taʼe mirkaneesseera.—Luqaas 1:17.

 Seenaa: Yesuus, “Namoota . . . keessaa Yohaannis Cuuphaa irra kan caalu tokko illee hin kaane; namni Mootummaa samii keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala” jedheera. (Maatewos 11:11) Yohaannis raajii qofa utuu hin taʼin ergamaa raajiidhaan dubbatame waan taʼeef, tajaajiltoota Waaqayyoo isa dura jiraatan hunda irra kan caalu akka taʼee ibsameera. Kana malees, wanti Yesuus dubbate Yohaannis Mootummaa samii irratti mootii akka hin taane kan argisiisu dha. b Raajiin amanamaan kun Kiristoos jireenya samiitiif karaa banuu isaa dura duʼe. (Ibroota 10:19, 20) Haa taʼu malee, Yohaannis namoota lafa irratti Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan keessaa tokko taʼuudhaan abdii Jannata keessa bara baraaf jiraachuu qaba.—Faarfannaa 37:29; Luqaas 23:43.

 Warri Yohaannis Cuuphaa eenyu faʼi?

 Warri Yohaannis Zakkaariyaasii fi Elsaabex jedhamu. Zakkaariyaas luba Yihudii ti. Haati Yohaannis dhabduu waan turteef akkaataan inni itti dhalate dinqii ture. Kana malees, ishii fi Zakkaariyaas “dulloomanii turan.”—Luqaas 1:5-7, 13.

 Yohaannis Cuuphaa kan ajjeesise eenyu?

 Heroodis Antiphaas Mootichi mataa Yohaannis irraa mursiise. Kanas kan godhe haadha manaa isaa Heroodiyaasiin kan kaʼe dha. Ishiin Yohaannis Heroodis inni nama Yihudii akka taʼe dubbatu, ishii fuudhuun isaa seera Yihudootaatiin sirrii akka hin taane waan isatti himeef isa jibbiti turte.—Maatewos 14:1-12; Maarqos 6:16-19.

 Yohaannis Cuuphaan morkataa Yesuus turee?

 Yaanni ilaalcha kana deggeru Kitaaba Qulqulluu keessa hin jiru. (Yohaannis 3:25-30) Yohaannis isaa wajjin morkachuu mannaa, Masihiichaaf karaa qopheessuun itti gaafatamummaa isaa akka taʼe ifatti dubbateera. Yohaannis, “Ani bishaaniin cuuphaa kanan dhufe . . . inni Israaʼelitti akka mulʼatuufi” jedheera. Achiis itti dabaluudhaan, “Inni Ilma Waaqayyoo [ti]” jedheera. (Yohaannis 1:26-34) Kanaafuu, Yohaannis Yesuus tajaajila irratti milkaaʼina argachuun isaa isa gammachiisa ture.

a Yesuus “cubbuu tokko illee hin hojjenne.” (1 Pheexiros 2:21, 22) Kanaaf, inni kan cuuphame cubbuu raawwateetti akka gaabbe argisiisuuf utuu hin taʼin, fedha Waaqayyoo raawwachuuf of dhiheessuuf jedhee ti. Kunis Yesuus nuuf jedhee lubbuu isaa dabarsee kennuu isaa kan dabalatu dha.—Ibroota 10:7-10.

b Mata duree “Gara Samii Kan Deeman Eenyu Faʼi?” jedhu ilaali.