Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gara Samii Kan Deeman Eenyu Faʼi?

Gara Samii Kan Deeman Eenyu Faʼi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo Kiristiyaanota amanamoo lakkoofsi isaanii murtaaʼe filachuudhaan erga duʼanii booda duʼaa kaʼanii jireenya samii akka argatan qophii godheera. (1 Pheexiros 1:3, 4) Namoonni kun takkaa erga filatamanii booda, dhaala isaanii isa samii akka hin dhabneef amantii isaanii cimsachuu fi amala qulqulluu qabaatanii jiraachuu isaanii itti fufuu qabu.—Efesoon 5:5; Filiphisiyus 3:12-14.

Warri samii dhaqan achitti maal raawwatu?

 Yesuusii wajjin taʼuudhaan waggaa 1,000f moototaa fi luboota taʼanii tajaajilu. (Mulʼata 5:9, 10; 20:6) Namoonni kun “samii haaraa” ykn bulchiinsa samii taʼuudhaan “lafa haaraa” ykn saba lafa irratti argamu bulchu. Bulchitoonni samii kun ilmaan namootaa haala gaarii Waaqayyo jalqaba yaadetti akka deebiʼan godhu.—Isaayaas 65:17; 2 Pheexiros 3:13.

Samii irra jiraachuuf duʼaa kan kaʼan namoota meeqa dha?

 Kitaabni Qulqulluun namoonni 144,000 taʼan jireenya samii argachuuf duʼaa akka kaʼan ibsa. (Mulʼata 7:4) Mulʼata kitaaba Mulʼataa 14:1-3 irratti galmeeffame irratti Yohaannis ergamaan, ‘hoolichi Gaara Xiyoon irra akka dhaabate, warri 144,000 taʼanis isaa wajjin akka turan’ argeera. Mulʼata kana irratti “Hoolicha” kan jedhame Yesuus isa duʼaa kaʼe argisiisa. (Yohaannis 1:29; 1 Pheexiros 1:19) ‘Gaarri Xiyoon’ sadarkaa ol aanaa Yesuusii fi namoota 144,000 warra isaa wajjin samii irratti bulchanii kan argisiisu dha.—Faarfannaa 2:6; Ibroota 12:22.

 Namoonni Kiristoosii wajjin Mootummicha irratti bulchuuf ‘waamamanii fi filataman,’ “tuuta xinnoo” jedhamaniiru. (Mulʼata 17:14; Luqaas 12:32) Kun immoo lakkoofsa hoolota Yesuus taʼan hundumaa wajjin yommuu wal bira qabamee ilaalamu lakkoofsi isaanii xinnoo akka taʼe argisiisa.—Yohaannis 10:16.

Warra gara samii deeman ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru

 Yaada dogoggoraa: Namoonni gaariin hundi gara samii deemu.

 Dhugaan jiru: Waaqayyo namoonni gaarii taʼan hedduun lafa irratti jireenya bara baraa akka argatan abdii kenneera.—Faarfannaa 37:11, 29, 34.

  •   Yesuus, “Namni gara samiitti ol baʼe tokko illee hin jiru” jedheera. (Yohaannis 3:13) Akka kanaan namoonni gaariin inni dhalachuu isaa dura duʼan, kanneen akka Abrahaam, Musee, Iyoobii fi Daawit jiran gara samii akka hin deemne ibseera. (Hojii Ergamootaa 2:29, 34) Kanaa mannaa namoonni kun duʼaa kaʼanii lafa irra jiraachuuf abdii qabu.—Iyoob 14:13-15.

  •   Samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼuun, “duʼaa kaʼuu isa jalqabaa” jedhama. (Mulʼata 20:6) Kun immoo duʼaa kaʼuu kan biraan akka jiru argisiisa. Kunis abdii lafa irratti duʼaa kaʼuu ti.

  •   Kitaabni Qulqulluun Mootummaa Waaqayyoo jalatti ‘duuti kana booda akka hin jiraanne’ barsiisa. (Mulʼata 21:3, 4) Samii irratti duuti matumaa jiraatee waan hin beekneef abdiin kun lafa irratti kan raawwatamu taʼuu qaba.

 Yaada dogoggoraa: Namni samii irras taʼe lafa irra bakka barbaade jiraachuuf filachuu dandaʼa.

 Dhugaa jiru: “Badhaasa . . . waamicha isa olii,” jechuunis abdii samii irra jiraachuu argachuu kan qabu Kiristiyaana amanamaa isa kam akka taʼe kan murteessu Waaqayyo dha. (Filiphisiyus 3:14) Fedhiin ykn hawwiin nama tokkoo namni sun filatamuu isaatiif ragaa hin taʼu.—Maatewos 20:20-23.

 Yaada dogoggoraa: Abdiin lafa irra bara baraaf jiraachuu abdii warra gara samii deemuun isaaniif hin malleef kennamee fi gad aanaa taʼe dha.

 Dhugaan jiru: Waaqayyo namoota lafa irratti jireenya bara baraa argatan ‘saba koo,’ ‘warra ani foʼadhe,’ akkasumas “warra Waaqayyo eebbise” jedhee isaan waameera. (Isaayaas 65:21-23) Namoonni kun kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif baase raawwachuuf, mudaa kan hin qabne taʼanii lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf mirga argatu.—Uumama 1:28; Faarfannaa 115:16; Isaayaas 45:18.

 Yaada dogoggoraa: Lakkoofsi 144,000 fakkeenya malee, wanta kallattiidhaan fudhatamu miti.

 Dhugaan jiru: Kitaabni Mulʼataa lakkoofsota fakkeenyaan ibsaman kan qabate taʼus, lakkoofsonni tokko tokko kallattiidhaan kan caqasamani dha. Fakkeenyaaf, kitaabni kun waaʼee, “maqaawwan 12n ergamoota Hoolichaa 12” ni dubbata. (Mulʼata 21:14) Mee ragaa lakkoofsi 144,000 kallattiidhaan fudhatamuu akka qabu ibsan ilaalaa.

 Mulʼanni 7:4, ‘lakkoofsi warra chaappaan itti godhame [ykn samii irratti jireenya akka argatan mirkaneeffame] sanaa 144,000 akka taʼe’ ibsa. Yaanni caqasa kanatti aanee jiru garee lammaffaa kan biraan, jechuunis ‘tuutni uummataa guddaan eenyu illee lakkaaʼuu hin dandeenye’ akka jiru dubbata. ‘Tuutni uummataa guddaanis’ Waaqayyo irraa fayyina argatu. (Mulʼata 7:9, 10) Lakkoofsi 144,000 kun fakkeenyaan kan ibsamee fi garee lakkoofsi isaa hammana hin jedhamne tokko kan argisiisu utuu taʼee garee lamaan kana wal bira qabanii ibsuun hiika hin qabaatu. a

 Dabalataanis namoonni 144,000 jedhaman “warra firii jalqabaa taʼanii . . . ilmaan namootaa keessaa bitaman” akka taʼan ibsameera. (Mulʼata 14:4) Jechi “firii jalqabaa” jedhu namoota muraasa warra kaan bakka buʼuuf filataman argisiisa. Lakkoofsi kun warra Kiristoosii wajjin samii irra taʼuudhaan namoota lafa irra jiraatanii fi lakkoofsi isaanii hin murteeffamne irratti bulchan kan argisiisu taʼuun isaa sirrii dha.—Mulʼata 5:10.

a Haaluma wal fakkaatuun Piroofeesar Roobarti Toomaas lakkoofsa 144,000 isa Mulʼata 7:4 irratti ibsame ilaalchisee akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Lakkoofsi kun lakkoofsa Mulʼata 7:9 irra jiruu fi baayʼinni isaa hin ibsamne irraa haala adda taʼeen ibsamee kan kaaʼame dha. Lakkoofsi kun akka fakkeenyaatti fudhatama taanaan, lakkoofsi kitaabicha keessatti ibsame kam iyyuu kallattiidhaan fudhatamuu hin dandaʼu.”—Mulʼata 1-7: An Exegetical Commentary, fuula 474.