Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU

Jaalala Argisiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Jaalala Argisiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

 Waggoonni darbaa yommuu adeeman, hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko jaalalli isaan walitti argisiisan hirʼachaa adeema. Kun gaaʼela keessan mudateera yoo taʼe, dhimmi kun isin yaaddessuu qabaa?

 Wanta beekuu qabdan

 Gaaʼela cimaa taʼeef jaalalli barbaachisaa dha. Qaamni keenya cimaa fi fayya buleessa akka taʼu gochuuf yeroo hunda nyaannii fi bishaan akkuma barbaachisu, gaaʼela cimsuufis yeroo hunda jaalala argisiisuun barbaachisaa dha. Abbaan manaa fi haati manaa gaaʼela erga godhatanii waggoonni hedduun darban illee hiriyaan gaaʼelaa isaanii akka isaan jaallatuu fi isaaniif yaadu yeroo hunda mirkanaaʼoo taʼuu barbaadu.

 Jaalalli dhugaan ofittoo miti. Warri kaan gammachuu akka qabaatan barbaada. Kanaafuu, hiriyaan gaaʼelaa namaaf yaadu tokko yeroo jaalala argisiisuu akka qabu isatti dhagaʼamutti qofa jaalala isaa ibsuu mannaa, hiriyaan gaaʼelaa isaa jaalalli akka barbaachisu ni hubata, fedhii kana guutuufis carraaqqii ni godha.

 Haadhotiin manaa, abbootii manaa caalaa hiriyaan gaaʼelaa isaanii jaalala akka isaaniif ibsu barbaadu. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa baayʼee jaallata taʼa. Haa taʼu malee, jaalala isaa kan ibsu ganamaa fi galgala ykn saalqunnamtii raawwachuu isaanii dura qofa yoo taʼe, haati manaa isaa dhugumaan akka inni ishiidhaaf yaadu mirkanaaʼaa taʼuu dhiisuu dandeessi. Kanaafuu, guyyaa hunda jaalala argisiisuun gaarii dha.

 Maal gochuu dandeessu?

 Jaalala keessan jechaan ibsaa. Jechoonni salphaan akka “Sin jaaladha” ykn “Ati anaaf bakka guddaa qabda” jedhan hiriyaan gaaʼelaa kee akka jaalatamtu akka ishiitti dhagaʼamu godha.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Afaan wanta garaa keessa guute dubbata.”—Maatewos 12:34.

 Gorsa gaarii: Jaalala kee kan ibsitu jechaan qofa taʼuu hin qabu. Barreeffamaan, iimeeliidhaan ykn ergaa gabaabaadhaan hiriyaa gaaʼelaa keetiif barreessi.

 Jaalala kee gochaan argisiisi. Hiriyaa gaaʼelaa kee hammachuun, dhungachuun ykn harka qabuun qofti, “Sin jaaladha” kan jettu garaadhaa akka taʼe argisiisuu dandaʼa. Harkaan qaqqabuudhaan, ija jaalalaatiin ilaaluudhaan ykn darbee darbee kennaa kennuudhaanis jaalala dhugaa argisiisuun ni dandaʼama. Haadha manaa teetiif wantoota tokko tokko hojjechuudhaan jechuunis, baʼaa baachuu gargaaruudhaan, balbala banuudhaan, miʼa manaa fi uffata miiccuudhaan ykn nyaata qopheessuudhaan gargaaruu dandeessa. Wantoonni kun hiriyoota gaaʼelaa hedduudhaaf gargaarsa qofa utuu hin taʼin, jaalala guddaa gochaan argisiifamu dha.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dubbiidhaan yookiin afaaniin [qofa] utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna.”—1 Yohaannis 3:18.

 Gorsa gaarii: Akkuma yeroo wal qorattan gochaa turte, hiriyaa gaaʼelaa kee gaarummaadhaan qabi.

 Yeroo waliin dabarsitan qabaadhaa. Kophaa keessan waliin taʼuun gaaʼela keessan cimsa; akkasumas hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin taʼuun akka isin gammachiisu isaaf mirkaneessa. Dhugaadha, ijoollee yoo qabaattan ykn wantoonni barbaachisoon guyyaa guyyaadhaan irratti mariʼattan yoo jiraate, yeroo itti kophaa keessan taatan argachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Tarii lamaan keessan qofti wantoota sasalphaa tokko tokko waliin raawwachuuf sagantaa baafachuu dandeessu.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.

 Gorsa gaarii: Hiriyoonni gaaʼelaa hojiin itti baayʼatu tokko tokko yeroo baayʼee galgala galgala ykn Sanbadduraa fi Dilbata hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin dabarsuuf sagantaa baafatu.

 Hiriyaa gaaʼelaa keessan sirriitti beekaa. Namni hundi akkaataan jaalalli akka isaanitti argisiifamu barbaadan garaa gara dha. Akkaataa itti jaalalli akka isiniif ibsamu barbaaddan ilaalchisee waliin dubbadhaa. Achiis, wanta hiriyaan gaaʼelaa keessan barbaadu guutuuf carraaqqii godhaa. Gaaʼela cimaa taʼeef jaalalli barbaachisaa taʼuu isaa yaadadhaa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jaalalli . . . faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.”—1 Qorontos 13:4, 5.

 Gorsa gaarii: Jaalalli akka sitti argisiifamu gaafachuu mannaa, ‘Hiriyaan gaaʼelaa koo caalaatti akka na jaallatuuf maal gochuun dandaʼa?’ jedhii of gaafadhu.