Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Garee Amantii Kan Biraa Irraa Fottoqani Dhaa?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Garee Amantii Kan Biraa Irraa Fottoqani Dhaa?

 Lakki, Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii biraa irraa kan fottoqan miti. Kanaa mannaa, nuti Kiristiyaanota fakkeenya Yesuus Kiristos hordofuuf hamma dandeenye carraaqqii goonuu fi barumsa isaatiin jiraannu dha.

‘Amantii biraa irraa kan fottoqe’ jechuun maal jechuu dha?

 ‘Amantii biraa irraa kan fottoqe’ jechuun namoota garaa garaatiif hiika adda addaa qaba. Haa taʼu malee, kana ilaalchisee yaadawwan dubbataman lamaa fi yaadonni kun kan nuuf hin hojjenne taʼuu isaanii ilaali.

  •   Namoonni tokko tokko amantii biraa irraa kan fottoqe yeroo jedhamu amantii haaraa ykn amantii Ortodoksii irraa adda taʼe jechuu akka taʼetti dubbatu. Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii haaraa hin hundeessine. Faallaa kanaatiin, waaqeffannaan keenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, warra fakkeenyii fi barumsi isaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamee kan hordofe dha. (2 Ximotewos 3:16, 17) Waaqeffannaa ilaalchisee Wanta itti amannu irratti aangoo kan qabu amantii ortodoksii utuu hin taʼin, Caaffanni Qulqullaaʼoon wanta jedhan taʼuu qaba.

  •   Namoonni tokko tokko amantii amantaa kan biraa irraa fottoqe namootaan kan geggeeffamu siʼa taʼu miidhaa kan geessisu dha jedhu. Dhugaa Baatonni Yihowaa nama tokko iyyuu akka geggeessaa isaaniitti hin fudhatan. Kanaa mannaa, qajeelfama Yesuus duuka buutota isaatiin, “Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa” jechuudhaan kenne hordofna.—Maatewos 23:10.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa miidhaa tokko iyyuu kan hin geessisne siʼa taʼu, amantii ofii isaaniitiis taʼe namoota kaan fayyadu hordofu. Fakkeenyaaf, tajaajilli keenya namoonni hedduun araadawwan miidhaa geessisan kan akka qoricha sammuu nama hadoochanii fi alkoolii akka moʼan gargaareera. Kana malees, barumsa idilee namoota barsiisuudhaan addunyaa maratti namoonni hedduun dubbisuu fi barreessu akka baran gargaarra. Akkasumas yeroo balaan mudatutti gargaarsa ni goona. Akkuma Yesus duuka buutota isaa abboome nutis namootaaf fakkeenya taʼuu barbaanna.—Maatewos 5:13-16.