Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Dhalootaa Kan Hin Kabajne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Dhalootaa Kan Hin Kabajne Maaliifi?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa qophiin akkasii Yihowaa akka hin gammachiisne waan beekaniif guyyaa dhalootaa hin kabajan. Macaafni Qulqulluun guyyaa dhalootaa kabajuun sirrii akka hin taane ifatti dubbachuu baatus, wantoota gurguddaa ayyaana kanaa wajjin wal qabatan irratti qorannaa gochuu fi Waaqayyo wantoota kanaaf ilaalcha akkamii akka qabu hubachuuf nu gargaara. Wantoota kana keessaa arfan isaanii fi seerawwan buʼuuraa kanaa wajjin wal qabatan haa ilaallu.

  1.   Guyyaa dhalootaa kabajuun namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne irraa kan dhufe dha. Barreeffamni Funk & Wagnalls Standard Dictionary of Folklore, Mythology, and Legend, jedhamu, guyyaa dhalootaa kabajuun amantii “qaamonni hafuuraa hamoo taʼanii fi dhiibbaawwan tokko tokko nama guyyaa dhalootaa isaa kabajatu sana miidhuu” waan dandaʼaniif, guyyaa sanatti “hiriyoonni isaa jiraachuun isaanii fi wanta gaarii isaaf hawwuun isaanii nama sanaaf eegumsa godha” jedhu irraa kan madde akka taʼe dubbateera. Kitaabni The Lore of Birthdays jedhamu, bara duriitti guyyaan dhalootaa kan galmeeffamu “urjii lakkaaʼuudhaan carraa gara fuulduraa beekuuf baayʼee barbaachisaa waan taʼeef” akka taʼe dubbateera. Kitaabni kun itti dabaluudhaan “akka aadaa duriitti dungoon guyyaa dhalootaatti qabsiifamu, wanti gaariin guyyaa sanatti nama sanaaf hawwamu humna hafuura hamaatiin hojii irra akka oolu godha” jedhamee akka amanamu ibseera.

     Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun gocha hafuurota hamoo, hooda dubbachuu, ayyaana heduu fi wantoota akkasii ni balaaleffata. (Keessa Deebii 18:14; Galaatiyaa 5:​19-​21) Sababiin Waaqayyo Baabilon ishee durii itti balaaleffate, namoonni achi jiraachaa turan urjii lakkaaʼuu isa gosa hooda dubbachuu taʼe raawwachaa waan turaniifi dha. (Isaayaas 47:11-​15) Dhugaa Baatonni Yihowaa madda aadaa hundumaa qorachuuf kan yaalan taʼuu baatus, Caaffanni Qulqullaaʼoon qajeelfama ifa taʼe akkasii yeroo kennanitti ni ajajamu.

  2.   Kiristiyaanonni durii guyyaa dhalootaa hin kabajne. Kitaabni The World Book Encyclopedia jedhamu Kiristiyaanonni durii “guyyaa dhalootaa nama kamii iyyuu kabajuu akka barsiifata saboota Waaqayyoon hin beekneetti ilaalu turan” jedheera. Ergamoonnii fi Kiristiyaanonni warri kallattiidhaan Yesus irraa baratan fakkeenya Kiristiyaanonni hundi hordofuu qaban akka kaaʼan Macaafa Qulqulluu irraa hubachuun ni dandaʼama.​—2 Tasaloniiqee 3:6.

  3.   Ayyaanni Kiristiyaanonni kabajuu qaban guyyaa dhalootaa utuu hin taʼin duʼa Yesusi dha. (Luqaas 22:17-​20) Kun immoo nu dinqisiisuu hin qabu; sababni isaas Macaafni Qulqulluun, “guyyaa dhalatan irra, guyyaa duʼan wayya” jedha. (Lallaba 7:1) Yesus yeroo duʼuu jala gaʼetti guyyaa dhalootaa isaa irra guyyaa duʼa isaatii faayida qabeessa gochuudhaan, Waaqayyo biratti maqaa gaarii qabaachuu dandaʼeera.​—Ibroota1:4.

  4.   Macaafni Qulqulluun tajaajiltoonni Waaqayyoo guyyaa dhalootaa akka kabajan hin dubbatu. Kana jechuun waaʼee guyyaa dhalootaa matumaa hin dubbatu jechuu miti; kanaa mannaa namoota Waaqayyoon hin tajaajillee fi guyyaa dhalootaa isaanii kabajan lama ni caqasa. Yeroowwan kun lamaan garuu kan caqasaman gaarii akka taʼanitti miti.​—Uumama 40:20-​22; Maarqos 6:​21-​29.

Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa guyyaa dhalootaa isaanii kabajuu dhiisuu isaaniitti akka hacuucaman itti dhagaʼamaa?

 Akkuma abbaa fi haadha gaarii tokkoo, warri Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanis waggaa guutuu ijoollee isaaniitti jaalala argisiisu; kun immoo kennaa isaaniif kennuu fi yeroo gaarii waliin dabarsuu dabalata. Fakkeenya Waaqayyo isa utuu wal irraa hin kutin ijoollee isaatiif waan gaarii kennuu hordofuuf carraaqu. (Maatewos 7:​11) Yaadawwan armaan gaditti kennaman akka mulʼisanitti, ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa akka hacuucaman isaanitti hin dhagaʼamu:

  •   “Kennaan tokko kan si gammachiisu utuu ati hin eegin yeroo sii kennamu dha.”​—Taamii, waggaa 12.

  •   “Guyyaa dhalootaa koo irratti kennaan kan naaf hin kennamne taʼus, warri koo yeroowwan gara biraatti kennaa naa bitu. Kun immoo utuun hin eegin waan taʼeef baayʼee na gammachiisa.”​—Giriigoorii, waggaa 11.

  •   “Daqiiqaan kudhan, keekii muraasnii fi faarfannaan waamicha taʼuu dandaʼa jettanii yaadduu? Waamicha jechuun maal jechuu akka taʼe mana keenya dhuftanii ilaaluu qabdu!”​—Eeriik, waggaa 6.