Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Maatii Ni Diigumoo Ni Ijaaru?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Maatii Ni Diigumoo Ni Ijaaru?

 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, maatii keenyas taʼe kan olloota keenyaa ijaaruuf carraaqqii goona. Maatii kan hundeesse Waaqayyo akka taʼetti amanna. (Uumama 2:​21-​24) Seera buʼuuraa maatiin addunyaa maratti argamu cimaa fi gammachuu akka qabaatu godhu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibseera.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Maatiin Cimaa Akka Taʼu Kan Gargaaran Akkamitti?

 Abbaa manaa gaarii, haadha manaa gaarii fi warra gaarii akka taanu waan nu gargaaruuf, gorsa Kitaaba Qulqulluu hordofuuf carraaqqii cimaa goona. (Fakkeenya 31:10-​31; Efesoon 5:22–​6:4; 1 Ximotewos 5:8) Ogummaan Kitaaba Qulqulluu irraa argamu, maatii miseensonnisaa amantii garaagaraa hordofan keessattillee milkaaʼina argamsiisa. (1 Pheexiros 3:​1, 2) Muuxannoo namoota hiriyoonni gaaʼelaasaanii Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane dubbatanii fi armaan gaditti argamu ilaali:

  •   “Waggoottan jaʼan waliin dabarsine lolaa fi wal dhabiinsaan kan guutame ture. Iiveet Dhugaa Baatuu Yihowaa erga taatee booda garuu caalaatti kan nama jaallattuu fi obsa qabeettii taateetti. Jijjiirama akkasii gochuunshee gaaʼelli keenya akka hin diigamne godheera.”​—Kilaaʼur, Biraaziil irraa.

  •   “Abbaan manaa koo Chaawusaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qayyabachuu yeroo jalqabu, maatii akkasaan diiganitti waanan yaadeef isa mormeen ture. Erga inni qayyabachuu jalqabee kaasee Kitaabni Qulqulluun gaaʼela keenya keessatti akka nu gargaare argeera.”​—Aagnes, Zaambiyaa irraa.

 Tajaajila keenya irratti, namoonni haasofsiisnu ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessaa argamu hojii irra oolchuun isaanii karaawwan armaan gadiitiin akkamitti isaan gargaaruu akka dandaʼu itti argisiisna

Amantii jijjiiruun maatii keessatti wal dhabiinsi akka uumamu ni godhaa?

 Eeyyee, darbee darbee walitti buʼiinsi uumamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf gabaasni dhaabbata qorannaa Soofresiin bara 1998tti dhihaate, hiriyoota gaaʼelaa 20 hiriyaan gaaʼelaasaanii Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe keessaa gidduusaaniitti walitti buʼiinsi kan uumame 1 qofa akka ture argisiisa.

 Yesuus namoonni barumsasaa duukaa buʼan darbee darbee maatiisaanii keessatti walitti buʼiinsi akka isaan mudatu dursee dubbateera. (Maatewos 10:32-​36) Barreessaan seenaa Wiil Duuraant “Kiristiyaanummaan maatii diiguudhaan himatamaa ture” jechuudhaan kan barreesse siʼa taʼu, yeroo harʼaas Dhugaa Baatota Yihowaarratti himannaan akkasii dhihaachaa jira. Kana jechuun, walitti buʼiinsa uumamu kanaaf sababa kan taʼe, Dhugaa Baatuu Yihowaa isa taʼedha jechuudhaa?

Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa

 Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, himata Dhugaa Baatonni Yihowaa maatii diigu jedhamee dhihaate yommuu ilaalutti, walitti buʼiinsi kan uumamu miseensi maatii Dhugaa Baatuu hin taane “mirga firoonnisaanii amantiisaanii beeksisuufi geggeeffachuuf qaban isaaniif kabajuu dhiisuu isaaniitiin” akka taʼe ibseera. Manni Murtii kun itti dabaluudhaan, “Kun immoo Dhugaa Baatota Yihowaa qofa utuu hin taʼin, hiriyoota gaaʼelaa amantii garaagaraa hordofan hunda kan mudatudha” jedheera. a Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa amantii dhiibbaan yommuu isaan mudatutti illee gorsa Kitaaba Qulqulluu isa, “Eenyuuf iyyuu wanta hamaa hamaadhaan hin deebisinaa. . . . Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.” jedhu hojiirra oolchuuf carraaqqii godhu.​—Roomaa 12:17, 18.

Dhugaa Baatonni Yihowaa nama amantiisaanii hordofuu wajjin qofa gaaʼela dhaabbachuu akka qaban kan amanan maaliifi?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa gorsa Kitaaba Qulqulluu isa “Gooftaadhaan qofa,” jedhu hordofu; kunimmoo nama amantii tokko waliin hordofanii wajjin qofa gaaʼela dhaabbachuu qabu jechuu dha. (1 Qorontos 7:​39) Gorsi kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼee fi sirrii kan taʼe dha. Fakkeenyaaf, akka kitaabni Journal of Marriage and Family jedhamu ibsetti, “hiriyoonni gaaʼelaa amantii fi barsiifata wal fakkaatu hordofan” walitti dhufeenyi isaanii itti fufiinsa kan qabuu fi gaarii taʼa. b

 Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane qaban akka wal hiikan hin jajjabeessan. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Obboleessi tokko haadha manaa hin amanne yoo qabaatee fi ishiinis isaa wajjin jiraachuuf yoo walii galte ishii hin dhiisin; dubartiin tokkos abbaa manaa hin amanne yoo qabaattee fi innis ishii wajjin jiraachuuf yoo walii gale, ishiin abbaa manaa ishii hin dhiisin.” (1 Qorontos 7:​12, 13) Dhugaa Baatonni Yihowaa ajaja kanaan geggeeffamu.

a Murtoo gama kanaan darbe ilaalchisee Jehovah’s Witnesses of Moscow and Others v. Russia, fuula 26-​27, keeyyata 111 ilaali.

b Journal of Marriage and Family, Jildii 72, Lakkoofsa 4, (Hagayya 2010), fuula 963 ilaali.