Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Yakkii fi Jaalalli Maallaqaa Dhiphina Hedduu Natti Fideera”

“Yakkii fi Jaalalli Maallaqaa Dhiphina Hedduu Natti Fideera”
  • Bara Dhalootaa: 1974

  • Biyya Dhalootaa: Albaaniyaa

  • Seenaa: Hattuu, nama qoricha sammuu namaa hadoochu daldalu, hidhamee kan ture

JIREENYA KOO DURAA

 Magaalaa guddittii Albaaniyaa Tiiraanaa jedhamtu keessatti maatii harka qalleeyyii taʼan keessattin dhaladhe. Abbaan koo nama amanamaa nu kunuunsuuf jecha saʼaatii dheeraa hojjetu ture. Haa taʼu malee, maallaqa gaʼaa jireenyaaf nu barbaachisu hin qabnu turre. Yeroon ijoollee turetti harka qalleeyyii taʼuun keenya baayʼee na gaddisiisa ture. Ijoollummaa kootti yeroo baayʼee kophee hin qabun ture, nyaata gaʼaas hin argannu turre.

 Hatuu kanan jalqabe ijoollummaa kootti ture. Kana gochuudhaanis maatii koo gargaaraa akkan jiru natti dhagaʼama ture. Yeroo boodas poolisoonni na qaban. Kanaaf bara 1988⁠tti, yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu abbaan koo mana amala sirreessaatti na erge. Achitti waggoota lama dabarseera, hojii sibiilaas baradheera. Yommuun achii baʼu amanamummaadhaan jiraachuu barbaadeen ture; garuu hojii argachuu hin dandeenye. Yeroo sanatti Albaaniyaan jeequmsa siyaasaa keessa waan turteef, namoonni hedduun hojii hin argatan turan. Kunis abdii waan na kutachiiseef, michoota koo durii wajjin yeroo dabarsuu fi deebiʼee hatuun jalqabe. Yeroo boodas, anii fi michoonni koo qabamnee hidhaan waggaa sadii nutti murteeffame.

 Ergan mana hidhaatii gadhiifamee booda, yakka raawwachuu koo ittan fufe. Dinagdeen Albaaniyaa waan kufeef biyyattiin jeequmsa guddaa keessa turte. Yeroowwan tasgabbiin hin turre kanatti, hojiiwwan seeraan ala taʼan hojjechuudhaan maallaqa hedduu walitti qabadheen ture. Yeroo tokko meeshaa waraanaa hidhannee utuu saamnuu michoonni koo lama ni qabaman, ani immoo waggoota dheeraa hidhamuu waanan sodaadheef biyyaan baʼe. Yeroo kanatti Yuliindaa wajjin gaaʼela godhannee turre, ilma tokkos godhanneerra.

 Achiis Ingilaandi keessa jiraachuu jalqabne. Haadha manaa tiyyaa fi ilma koo wajjin jireenya haaraa jalqabuun barbaada ture, garuu amalli koo inni durii baayʼee na rakkisa ture. Utuma baayʼee hin turinis yakka raawwachuttin deebiʼe; yeroo kanatti garuu qoricha sammuu namaa hadoochu waanan daldaluuf maallaqa hedduu of harkaa qaban ture.

 Yuliindaan qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluu koo ilaalchisee maaltu ishiitti dhagaʼama ture? Akkana jetteetti: “Kanan guddadhe Albaaniyaa keessatti waan taʼeef, hiyyummaa keessaa baʼuuf hawwii guddaan qaba ture. Jireenya gaarii jiraachuuf jecha wanta kam iyyuu raawwachuuf fedhiin qaba. Maallaqni jireenya keenya ni fooyyessa jedhee waanan yaaduuf, Aartaan sobuu, hatuu fi qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluu dabalatee wanta maallaqa argachuuf raawwatu hunda irratti guutummaattin isa deggera ture.”

‘Aartaan sobuu, hatuu fi qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluu isaa guutummaattin deggera ture.’—Yuliindaa

 Achiis bara 2002⁠tti, jireenyi keenya ni jijjiirame, abdiin gara fuulduraatti jireenya fooyyaʼaa jiraachuuf qabnus utuu hin milkaaʼin hafe. Qoricha sammuu namaa hadoochu feʼee utuun deemuu qabamee ammas nan hidhame.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Kitaabni Qulqulluun utuma natti hin beekamin jireenya koo jijjiiruu jalqabe. Bara 2000⁠tti Yuliindaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdee turte. Nuffisiisaa akka taʼe waan natti dhagaʼamuuf, waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuu hin barbaadun ture. Yuliindaan garuu qoʼannaa ishii jaallatteetti. Akkana jetteetti: “Maatii cimsee amantii hordofu keessatti waanan guddadheef, Kitaaba Qulqulluudhaaf jaalalaa fi kabaja qaba. Yeroo hunda wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuun barbaada, Dhugaa Baatotaa wajjin qoʼachuun koos na gammachiisa ture. Kanaafuu barumsawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu hubachuu dandaʼeera. Wantin baradhes jireenya koo keessatti jijjiirama tokko tokko akkan godhu na gargaareera. Taʼus, hamma Aartaan qabamee hidhamutti ilaalchin maallaqaaf qabu hin jijjiiramne ture. Aartaan hidhamuun isaa garuu ilaalchi koo guutummaatti akka jijjiiramu godheera. Akkuma tasaa wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa dubbatu dhugaa taʼuu isaan hubadhe. Sooreyyii taʼuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gooneerra, garuu gammachuu nuuf hin argamsiisne. Anis gama kanaan ulaagaa Waaqayyo baase guutummaatti hordofuun barbaachisaa akka taʼe hubachuu dandaʼeera.”

 Bara 2004⁠tti, mana hidhaatiin gadhiifame, utuma baayʼee hin turinis qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluutti deebiʼuuf yaaleen ture. Haa taʼu malee ilaalchi Yuliindaa jijjiiramee ture, wanti ishiin akkana jechuudhaan dubbatte dhimmicha irratti akkan yaadu na taasise: “Kana booda maallaqa kee hin barbaadu. Ani kanan barbaadu abbaan manaa koo fi abbaan ijoollee koo nu wajjin akka taʼu dha.” Akkana jechuun ishii na naasiseera, garuu dhugaa ishii ti. Waggoota hedduudhaaf maatii koo irraa adda baʼeen ture. Kana malees, karaa sirrii hin taaneen maallaqa argachuuf yaalii gochuun koo miidhaa hangana hin jedhamne na irraan geessisuu isaan yaade. Kanaafuu, jireenya koo jijjiiruu fi michoota koo warra durii irraa fagaachuufan murteesse.

 Wanti jijjiirama akkan godhu na kakaase inni guddaan garuu, haadha manaa koo fi ijoollee koo lamaan wajjin walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuu koo ti. Achitti namoota garraamii fi salphaatti namootatti dhihaatan arguun koo baayʼee na dinqisiise. Yeroo boodas, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe.

Maallaqa hedduu yoo qabaanne gammachuu arganna jedheen yaada ture

 Kitaaba Qulqulluu irraa, “jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa” akka taʼee fi ‘namoonni tokko tokko jaalala kana utuu hordofanii dhiphina hedduudhaan akka of waraanan’ baradheera. (1 Ximotewos 6:9, 10) Wanta na irra gaʼe irraa kun dhugaa taʼuu isaa akka gaariitti hubadheera! Dogoggorri ani kanaan dura raawwadhe anaa fi maatii koo miidhuu isaatti baayʼeen gadda. (Galaatiyaa 6:7) Yihowaa fi Ilmi isaa Yesuus Kiristoos akka nu jaallatan yommuun beeku amala koo jijjiiruun jalqabe. Waaʼee koo utuu hin taʼin, waaʼee warra kaanii caalaatti yaaduun jalqabe, kunis maatii koo wajjin yeroo dheeraa dabarsuu kan dabalatu dha.

FAAYIDAA ANI ARGADHE

 Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa” jedhu hordofuun koo faayidaa naaf argamsiiseera. (Ibroota 13:5) Amma nagaa sammuu fi qalbii qulqulluun qaba. Kun immoo gammachuu kanaan dura matumaa argadhee hin beekne naaf argamsiiseera. Gaaʼelli koo caalaatti cimeera, maatiin koos caalaatti walitti dhihaachuu dandaʼeera.

 Maallaqa hedduu yoo qabaanne gammachuu arganna jedheen yaada ture. Amma garuu yakkii fi jaalalli maallaqaa dhiphina guddaa akka natti fide sirriitti hubadheera. Maallaqa hedduu qabaachuu baannus, wanta jireenya keenya keessatti baayʼee barbaachisaa taʼe arganneerra, jechuunis Yihowaa wajjin michummaa uumuu dandeenyeerra. Tokko taanee maatiidhaan isa waaqeffachuu dandaʼuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.

Maatii koo wajjin walgaʼii naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti