Warra Galaatiyaatiif 6:1-18

  • Baʼaa walii baadhaa (1-10)

    • Waanuma facaasan haammachuu (7, 8)

  • Dhaqna qabachuun faayidaa hin qabu (11-16)

    • Uumama haaraa (15)

  • Xumura (17, 18)

6  Yaa obbolootaa, namni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate, isin warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabdan nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf yaalii godhaa.+ Haa taʼu malee, yeroo kanatti atis ofii keetii akka hin qoramne of eeggadhu.+  Baʼaa walii baachuu keessan itti fufaa;+ karaa kanaan seera Kiristoos ni raawwattu.+  Namni tokko iddoo guddaa utuu hin qabaatin iddoo guddaa akka qabutti yoo of ilaale+ of gowwoomsaa jira.  Haa taʼu malee, namni hundi hojii ofii isaa haa qoru;+ achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin,+ waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.  Sababiin isaas, namni hundi baʼaa* ofii isaa baata.+  Kana malees, namni dubbicha barachaa* jiru hundi, isa barumsa* akkasii isaaf kennuu wajjin wanta gaarii hunda haa hirmaatu.+  Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata;+  sababiin isaas, namni fooniif jedhee facaasu, foon isaa irraa tortoruu haammata; namni hafuuraaf jedhee facaasu garuu, hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.+  Kanaafuu, yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.+ 10  Egaa hamma carraa argannetti,* namoota hundumaatiif, keessumaa immoo warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii haa goonu. 11  Qubeewwan guguddaa akkamiitiin harkuma kootiin akkan isiniif barreesse ilaalaa. 12  Warri fooniin fudhatama argachuu barbaadan* hundi akka dhaqna qabattan isin dirqisiisuuf kan yaalan, muka dhiphinaa* Kiristoosiif jedhanii ariʼatamuu irraa ooluuf qofa dha. 13  Sababiin isaas, warri dhaqna qabatan iyyuu Seericha hin eegan;+ taʼus, akka isin dhaqna qabattan kan barbaadan waaʼee foon keessanii wanta ittiin boonan argachuuf jedhanii ti. 14  Ani garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa muka dhiphinaa* irratti fannifameen+ malee wanta kan biraatiin matumaa hin boonu; akka ilaalcha kootti karaa isaa addunyaan duʼeera, akka ilaalcha addunyaatti immoo karaa isaa ani duʼeera.* 15  Sababiin isaas, uumama haaraa+ taʼuu malee, dhaqna qabachuunis taʼe dhaqna qabachuu dhiisuun homaa miti.+ 16  Namoota seera amalaa kana hordofanii sirriitti deddeebiʼan hundumaaf, eeyyee, Israaʼel Waaqayyootiif+ nagaa fi gara laafinni haa taʼu. 17  Godaannisni garbicha Yesuus taʼuu koo argisiisu qaama koo irra waan jiruuf, kana booda namni kam iyyuu na hin rakkisin.+ 18  Yaa obbolootaa, gaarummaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura isin argisiistanii wajjin haa taʼu. Ameen.

Miiljaleewwan

Ykn., “baʼaa itti gaafatamummaa.”
Ykn., “afaaniin barachaa.”
Ykn., “barumsa afaanii.”
Kal., “yeroo murteeffametti.”
Ykn., “warri alaan gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan.”
Ykn., “muka irratti fannifameera.”