Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dabbasaa Bineensa Bishaan Keessaa Ootar Jedhamuu

Dabbasaa Bineensa Bishaan Keessaa Ootar Jedhamuu

HOOSIFTOOTA bishaan qorraa keessa jiraatan keessaa baayʼeen isaanii gogaa isaanii jalaa moora furdaa kan qaban siʼa taʼu, kunis qaamni isaanii hoʼaa taʼee akka turu isaan gargaara. Bineensi Ootar * jedhamu garuu mala kan biraatti fayyadama; jechuunis, dabbasaa furdaa qaama isaa haguugee jirutti fayyadama.

Mee yaadi: Dabbasaan Ootar, dabbasaa hoosiftoota kaanii caalaa kan gobbatu siʼa taʼu, balʼina iskuweer seenti meetira tokko keessa dabbasaawwan gara 155,000 taʼantu argama. Bineensi kun yeroo bishaan daakutti dabbasaan isaa qilleensa of keessatti ukkaamsee qabata. Qilleensi kun immoo, bishaan qorraan gogaa isaa akka hin tuqnee fi hoʼi qaama isaa akka hin baane gochuudhaan isa golbooba.

Saayintistoonni dabbasaa Ootar irraa barumsi akka argamu amanu. Dheerinaa fi balʼina dabbasaa sana gidduu jiru irratti hundaaʼuudhaan, dabbasaa irraa uffata namtolchee hojjechuu yaalaniiru. Qorattoonni kun, “hammuma dabbasaan sun gobbatee fi dheerate, iddoon dabbasaan haguuge sun qooraa akka taʼuu fi bishaan kan isa hin tuqne” taʼuu isaa hubataniiru. Kana jechuun Ootar uffata dabbasaa baayʼee gaarii taʼe qaba jechuu dha.

Qorattoonni, qoʼannaan isaanii kun teknoolojii uffata bishaan of keessa hin galchine hojjechuuf gargaaru akka argamsiisu abdatu. Kunis, namoonni tokko tokko namoonni bishaan qorraa keessa gadi lixan, utuu akkuma Ootarii uffata dabbasaa qabu uffatanii akka wayyu akka yaadan godheera.

Maal sitti Fakkaata? Dabbasaan Ootar hoʼa ukkaamsee qabatu kun jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

[Miiljalee]

^ key. 3 Bineensi Ootar jedhamu kun dabbasaa bifa bunaa qabu kan qabuu fi qubni miilla isaa qeensa kan qabu siʼa taʼu, quboonni isaa gogaa haphii balʼaa taʼeen kan wal qabatani dha. Akkasumas qurxummii soorata.