Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Goraa Pooliyaa Halluu Cuquliisaa Qabu

Goraa Pooliyaa Halluu Cuquliisaa Qabu

FIRII xixiqqaan gosa mukaa Pooliyaa kondensaataa jedhamuu Afriikaa keessatti kan argamu siʼa taʼu, halluu cuquliisaa muka kam irratti illee hin argamne qaba. Taʼus, uumamaan halluu cuquliisa taʼe hin qabu. Maarree, halluu baayʼee dinqisiisaa akkasii kan qabaate akkamitti?

Mee yaadi: Cichaan seelii (cell wall) qola goraa kanaa jalatti argamu foʼaawwan baayʼee xixinnoo taʼanii fi akka ija kibriitiitti tarree galan of keessaa qaba. Foʼaawwan kun wal irra namʼanii kan jiran siʼa taʼu, tokkoon tokkoon foʼaa kanaa immoo isa isaa gadi jiru irraa hamma tokko jalʼatee jira; kun taʼuun isaa immoo boci geengoon wal irratti marame ykn mimicciiramaa taʼe akka uumamu godha. Foʼaawwan kun bifa cuquliisa taʼe hin qaban. Halluun kun kan argame akkaataa foʼaawwan kun itti wal irra naqaman irraa ti. Kanaaf, halluun goraa baayʼee ifuu fi calaqqisu kun kan argame, halluu sana qabaatee waan uumameef utuu hin taʼin, caasaa foʼaawwan kanaatiini jechuu dha. Seelonni hedduun cuquliisa fakkaatu. Haa taʼu malee, kallattii adda addaa irraan yommuu ilaalaman, akkaataa wal irra itti naqaman irratti hundaaʼuudhaan tokko tokko halluu magariisaa, roozii (pink) ykn keelloo fakkaatu uumuu dandaʼu. Kana malees, gadi fageenyaan yeroo qoratamu, halluun isaanii kan wal qixxaatee mulʼatu utuu hin taʼin, akkuma iskiriinii Kompiitaraa irratti mulʼatu halluu dimimmisaaʼaa taʼe qabu.

Goraawwan Pooliyaa uumamaan halluu waan hin qabneef, erga muka irraa harcaʼanii booda illee bifa isaanii qabatanii turuu ni dandaʼu. Firiiwwan goraa jaarraa tokko dura funaanaman tokko tokko waanuma reefuu funaanaman fakkaatu. Akka qorattoonni jedhanitti firiin goraa kun firii malee, foon of keessaa waan hin qabneef, hin nyaatamu; taʼus, simbirroota naannoo isaa jiran hawwachuu isaa itti fufeera.

Saayintistoonni halluu goraa Pooliyaa jedhamu kana irratti hundaaʼuudhaan, wantoota halluun isaanii hin gadhiisnee fi waraqaawwan fakkeessanii hojjechuun hin dandaʼamne oomishuun akka dandaʼamu amanu.

Maal sitti fakkaata? Gosti goraa Pooliyaa jedhamuu fi firiin isaa halluu cuquliisa baayʼee miidhagaa taʼe qabu kun jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?