Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | DARGAGGOOTA

Gammadduuf Jedhanii Balaadhaaf Of Saaxiluun Sirrii Dhaa?

Gammadduuf Jedhanii Balaadhaaf Of Saaxiluun Sirrii Dhaa?

HAALA RAKKISAA

“Baabura karaa lafa jalaa keessa saffisa guddaadhaan deemutti siqeen dhaabadhe. Yeroo kanatti aadreenaaliin qaama koo keessa jiru waan dabaleef, rakkoon koo hundi waan badde natti fakkaate.”—Liiyan. *

“Fiixee kattaa baayʼee dheeraa taʼe irra yeroon bishaan keessatti utaalee gad lixu, sekoondii muraasaaf guutummaatti walaba akkan taʼe natti dhagaʼama ture. Yeroo baayʼee kanan gammadu taʼus, yeroo tokko tokko garuu nan sodaadha ture.”—Laariisaa.

Akkuma Liiyanii fi Laariisaa, dargaggoonni hedduun dandeettii isaanii qoruudhaan gammachuu argachuuf carraaqu; yeroo tokko tokko haala balaadhaaf isaan saaxiluun kana raawatu. Ati hoo gocha akkana raawwachuuf ni qoramtaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa.

WANTA BEEKUU QABDU

Gammachuu guddaa argachuu barbaaduun araada taʼuu dandaʼa. Yeroo gabaabaaf gammachuu guddaa si kenna taʼa; taʼus gammachuu sana caalu argachuuf akka dharraatu godha. Maarkoon inni akkuma Liiyan karaa baaburaa lafa jalaa keessaa seene beeku akkana jedheera: “Gocha kana irra deddeebiʼeen raawwadha ture. Yeroo muraasaaf nan gammada ture. Taʼus sana booda gammachuu dabalataa argachuun barbaada.”

Jastiin inni konkolaattota saffisaan deemaan qabatee kophee gommaa qabuun deemu akkana jedheera: “Gammachuu guddaan natti dhagaʼame, wanta sana irra deebiʼee akkan raawwadhu na kakaase. Namoonni akka na dinqisiifatan barbaadeen ture, dhumni koo garuu hospitaala seenu taʼe.”

Dhiibbaan hiriyaa baalaa gaʼuu dandaʼu sirriitti akka hin yaanne si gochuu dandaʼa. Dargageessi Maarvan jedhamu akkana jedheera: “Hiriyoonni koo meeshaa tokko malee gamoo dheeraa tokko irra akkan ol baʼuuf, ‘Jabaadhu. Kun si hin dhibu’ jechuudhaan dhiibbaa na irra geessisan. Ani garuu baayʼee sodaadheen ture. Keenyan sana irra yeroon ol baʼuuf tataafadhu hollachaan ture.” Laariisaan ishiin olitti caqasamtes, “Waan namoonni hundi godhan nan godha ture. Akkasumattan isaan hordofa ture” jechuudhaan dubbatetti.

Namoonni tokko tokko warra gammaduuf jecha balaadhaaf of saaxilan jajuu fi balaa gochi sun qabu immoo xiqqeessuudhaan dhibbaa geessisuuf intarneetiitti fayyadamu. Kana malees, namoonni tokko tokko viidiyoo namoota gocha akkasii raawwataniif beekamtii fi xiyyeeffannaa akka kennan argisiisu weebsaayitii hawaasaa irratti gadhiisaniiru.

Fakkeenyaaf, viidiyoowwan beekamoon sochii paarkoor jedhamu qabatan tokko tokko, namoonni meeshaa of eeggannoo malee keenyan, manneenii fi kortuuwwan irra yommuu saffisaan fiigan, yaabbatan ykn utaalan argisiisu. Viidiyoowwan kana yommuu ilaaltu xumura dogoggoraa kana irra gaʼuu dandeessa: (1) Miidhaa guddaa hin qabu. (2) Wanta namni hundi godhu dha. Kun immoo, atis sochiiwwan balaadhaaf si saaxilan irratti hirmaachuuf akka qoramtu si gochuu dandaʼa.

Karaawwan balaadhaaf utuu of hin saaxilin humna kee madaaluuf si dandeessisan kan biroon jiru. Kitaabni Qulqulluun, “Leenjiin qaamaa wantoota muraasaaf fayyada” jedha. (1 Ximotewos 4:8) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ‘sirriitti yaaduudhaan akka jiraannu’ nu akeekkachiisa. (Tiitoo 2:12) Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Balaa gaʼu yaadi. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni afchaalli hundinuu beekumsaan hojjeta, gowwaan garuu goowwuma isaa bakkeetti in mulʼisa.” (Fakkeenya 13:16) Waan tokko raawwachuu kee dura, balaa akkamii akka qabu hubachuuf yaali. Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Sochii kana irratti hirmaachuun koo balaa guddaadhaaf ykn duʼaaf na saaxilaa?’—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 14:15.

Hiriyoota jireenyaaf kabaja qaban filadhu. Michoonni dhugaa balaadhaaf akka of saaxiltu ykn wanta itti hin amanne akka raawwattu si hin jajjabeessan. Laariisaan akkana jetti: “Michoonni gaarii fi hin jijjiiramne, gocha ani irratti hirmaadhu ilaalchisee filannoo sirrii gochuu akkan dandaʼu na gargaaraniiru. Michoonni koo yeroo jijjiiraman, jireenyi koos ni jijjiirame.”—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 13:20.

Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Sochii kana irratti hirmaachuun koo balaa guddaadhaaf ykn duʼaaf na saaxilaa?’

Utuu balaadhaaf of hin saaxilin dandeettii qabdutti fayyadami. Kitaabni Adolescent Risk Behavior jedhamu akka ibsutti guddinni, “qajeelfama ofiif baafachuu fi daangaa ofii murteessuu” akka dabalatu dubbateera. Meeshaa of eeggannoo gochuuf gargaarutti fayyadamtee, naannoo balaadhaaf si hin saaxille keessatti dandeettii kee madaaluu dandeessa.

Ofii keetiif kabaja sirrii qabaadhu. Namoonni akka si kabajan kan godhu, rakkoowwan jireenya keessatti si mudatan akka gaariitti moʼuu kee ti malee, gammachuu argachuuf gochawwan balaadhaaf si saaxilan raawwachuu kee miti. Laariisaan akkana jetteetti: “Wantoota jireenya koo balleessan gochuu kanan jalqabe, fiixee kattaa baayʼee dheeraa taʼe irraa yeroon bishaan keessa utaalee lixetti ture. Lakki jechuu utuun baradheera taʼee gaarii ture.”

Yaada ijoo: Gammachuu yeroo gabaabaaf turu argachuuf jettee, utuu hin barbaachisin balaadhaaf of saaxiluu mannaa, wanta itti bashannantu filachuu irratti murtoo gaarii godhi.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 15:24.

^ key. 4 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.