Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Waraana

Waraana

Bara duriitti Israaʼeloonni maqaa Waaqa isaanii, maqaa Yihowaatiin waraana geggeessu turan. Kana jechuun Waaqayyoo waraana yeroo harʼaatti geggeeffamu ni deggera jechuu dha?

Israaʼeloonni durii waraana kan geggeessan maaliif ture?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

 

Israaʼeloonni “waaqa waraanaa” dhiiga dheebote waaqeffatu turan jedhu.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Saboonni Israaʼeloonni injifatanii turan dimshaashumatti jalʼoota, akkasumas gochawwan ciiggaasisoo jechuunis horii wajjin saalqunnamtii kan raawwatan, firoota dhiigaa gidduutti saalqunnamtii kan raawwatanii fi daaʼimman ibiddaan aarsaa godhanii kan dhiheessan turan. Amala isaanii akka jijjiirrataniif jaarraawwan hedduu erga isaaniif kennee booda Waaqayyo, “Sabni ani isin duraa oofee baasuudhaaf jedhu akkasitti . . . of xureessan” jechuudhaan dubbateera.—Lewwoota 18:21-25; Ermiyaas 7:31.

“Waaqayyo gooftaan kee saba kana jalʼina isaatiif jedhee si duraa oofaa [jira].” —Keessa Deebii 9:5.

Waaqayyoo waraana yeroo harʼaatti gaggeeffamu irratti garee isa tokko ni deggeraa?

MUUXANNOO IRRAA MAAL HUBATTA?

 

Walitti buʼiinsa hedduu keessatti geggeessitoonni amantii garee lamaanuu keessa jiran Waaqayyo isaanii wajjin akka jiru dubbatu. Kitaabni The Causes of War jedhamu, “Amantaan waraana kanaan dura gaggeeffamee ture kam iyyuu keessatti shoora guddaa qaba” jechuudhaan dubbateera.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Kiristiyaanonni diinota isaanii akka waraanan mirgi isaaniif hin kennamne. Phaawulos ergamaan xalayaa Kiristiyaanotaaf barreesse irratti akkas jedhe ture: “Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa . . . Ofii keessan haaloo hin baʼinaa.”—Roomaa 12:18, 19.

Yesuus duuka buutota isaa gara waraanaatti bobbaasuu mannaa, “Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa; kana yoo gootan ilmaan Abbaa keessan isa samii irraa taʼuu keessan argisiistu” isaaniin jedhee ture. (Maatewos 5:44, 45) Kiristiyaanonni lammiiwwan biyyaa isaanii waraanaaf yeroo bobaʼanitti iyyuu, “kutaa addunyaa waan hin taaneef” waraana isa kam irratti iyyuu hirmaachuu hin qaban. (Yohaannis 15:19) Waaqayyoo waaqeffattoonni isaa addunyaa maratti argaman diinota isaani akka jaallatanii fi dhimmoota addunyaa irraa walaba akka taʼan kan barbaadu erga taʼe, yeroo harʼaatti gareewwan walitti buʼan akkamitti deggeru dandaʼa?

“Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti. Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa utuu taʼee, Yihudootatti dabarfamee akkan hin kennamneef tajaajiltoonni koo anaaf lolu turan. Amma garuu Mootummaan koo addunyaa kana irraa miti.”—Yohaannis 18:36.

Yeroon waraanni itti dhaabatu ni dhufaa laata?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

 

Waraanni matumaa hafuu hin dandaʼu. Kitaabni War and Power in the 21st Century jedhamu akkana jedheera: “Waraanni gara fulduraattis itti fufa. Jaarraa kana keessatti nageenyi itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maratti taʼu matumaa jiraachuu hin dandaʼu.”

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Waraanni kan dhaabatu namni waraana labsuuf fedhii qabu yoo dhabame qofa dha. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo, jechuunis bulchiinsi samii irraa bulchu, yeroo dhihootti meeshaalee waraanaa addunyaa maratti argaman balleessee, ilmaan namootaa nagaa akka hordofan barsiisa. Kitaabni Qulqulluun “[Waaqayyoo] saba jajjaboo fagoo jiraataniifis murtoo in godha; isaan billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxaʼan in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebiʼaniis lola hin baran” jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—Miikiyaas 4:3.

Kitaabni Qulqulluun bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo keessatti mootummoonni ilmaan namoota fedhii dhunfaa isaanii guuttachuuf wal morkan hin jiraatan, imaammata qajeela taʼe dhabuudhaan jeequmsi uummataa kaaʼu hin jiraatu, akkasumas jibbiinsi sanyii wal qooduun akka babalʼatu godhu hin jiraatu. Kanaan kan kaʼes waraansi ni bada. Waaqayyoo, “Nama kan miidhu, yookiis waa kan balleessu hin jiru; akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta” jechuudhaan waadaa galeera.—Isaayaas 11:9.

“Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha, iddaa in cabsa, eeboos in hurreessa; inni konkolaataa [waraanaa] harkifamu ibiddaan in guba.”—Faarfannaa 46:9.