Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaan Waaqayyoo Eenyu Dha?

Maqaan Waaqayyoo Eenyu Dha?

Nama tokkoo wajjin wal baruuf yommuu yaaltu tarii jalqaba irratti, “Maqaan kee eenyu?” jettee gaafatta taʼa. Gaaffii kana utuu Waaqayyoon gaafattee, maal jedhee siif deebisa?

“Ani Yihowaa dha, maqaan koo isa kana.”Isaayaas 42:8, NW.

Maqaan kun siif haaraadhaa? Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaa Waaqayyoo darbee darbee qofa waan itti fayyadamaniif ykn guutummaatti waan itti hin fayyadamneef haaraa siif taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee maqaa ulfinaa “GOOFTAA” jedhuun bakka buusu. Taʼus maqaan Waaqayyoo afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame keessatti gara al 7,000 argama. Maqaan kun qubee afaan Ibrootaa dubbifamoo taʼanii fi YHWH ykn JHVH jedhaniin bakka buʼan afur kan qabu siʼa taʼu, afaan Ingiliffaatiin “Jehovah” jedhamee hiikamuudhaan beekama.

Maqaan Waaqayyoo guutummaa Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa fi hiikawwan hedduu keessatti ni argama

Maraa kitaaba Faarfannaa Galaana Duʼaa Dh.K.B jaarraa tokkoffaa, AFAAAN IBROOTAA

Hiikaa Tiindal 1530, INGILIFFA

Hiikaa Reenaa Vaaleeraa 1602, ISPAANISH

Hiikaa Yuuniyeen 1919, CHAAYINAA

MAQAAN WAAQAYYOO BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Maqaan Kun Waaqayyoof barbaachisaadha. Maqaa Waaqayyoo namni kam iyyuu isaaf hin baasne; maqaa kana kan ofii isaatiif filate isuma dha. Yihowaan, “Bara baraaf maqaan koo isa kana; dhalootaa hamma dhalootaattis kanaan nan yaadatama” jedheera. (Baʼuu 3:15) Maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaan Kitaaba Qulqulluu keessatti, maqaawwan ulfinaa isaa kan akka Hundumaa kan Dandaʼu, Abbaa, Gooftaa ykn Waaqayyo jedhamanii fi maqaawwan namootaa kan akka Abrahaam, Musee, Daawit ykn Yesuus caalaa baayʼinaan argama. Kana malees, Yihowaan maqaan isaa akka beekamu barbaada. Kitaabni Qulqulluun, “Maqaan kee “Yihowaa, NW” akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!” jedha.—Faarfannaa 83:18.

Maqaan kun Yesuusiif barbaachisaadha. Kadhannaa Yaa Abbaa Keenya ykn Kadhannaa Gooftaa jedhamee beekamu keessatti, Yesuus duuka buutonni isaa “Maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Yesuusis, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kennijedhee Waaqayyotti kadhannaa dhiheesseera. (Yohaannis 12:28) Yesuus jireenya isaa keessatti hundumaa caalaa maqaa Waaqayyootiif ulfina kenneera, kanaan kan kaʼes, “Ani maqaa kee isaanitti beeksiseera; gara fuulduraattis nan beeksisa” jechuudhaan kadhannaa dhiheesseera.—Yohaannis 17:26.

Maqaan kun warra Waaqayyoon beekaniif barbaachisaadha. Sabni Waaqayyoo bara durii jiraatan eegumsaa fi fayyina argachuun isaanii maqaa Waaqayyoo isa adda taʼee wajjin akka wal qabate hubatanii turan. “Maqaan Waaqayyoo [“Yihowaa”, NW] gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola.” (Fakkeenya 18:10) “Maqaa Waaqayyoo [“Yihowaa”, NW] warri waammatan hundinuu garuu in oolu.” (Yoʼel 2:32) Kitaabni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo namoota isa tajaajilan adda baasee akka beeksisu argisiisa. “Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebi’u; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo [“Yihowaa”, NW] keenya gooftichaatiin in deddeebina.”—Miikiyaas 4:5; Hojii Ergamootaa 15:14.

MAQAAN KUN HIIKA MAALII QABA?

Maqaan kun hunda caalaa Waaqayyoon adda baasee beeksisa. Hayyoonni hedduun maqaan Yihowaa jedhu, “Akka Taʼu Godha” jechuu akka taʼe irratti walii galu. Yihowaan waaʼee ofii isaa Museedhaan, “Ani Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa” yommuu jedhu hiika maqaan isaa qabu irratti hubannaa guddaa kenneera. (Baʼuu 3:14) Kanaafuu, maqaan Waaqayyoo, inni Uumaa wanta hunda gara jireenyaatti fide taʼuu isaa argisiisuu caalaa waan ibsu qaba. Maqaan isaa dandeettii inni kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf ofii isaas taʼe uumamni isaa wanta barbaachisu hunda akka taʼan gochuuf qabu argisiisa. Maqaawwan ulfinaa aangoo ykn taayitaa Waaqayyoo argisiisuu kan dandaʼan taʼus, eenyummaa isaa fi wanta inni taʼuu dandaʼu hundumaa kan argisiisu maqaa isaa isa Yihowaa jedhamu qofa dha.

Maqaan kun jaalala Waaqayyo nuuf qabu argisiisa. Hiikni maqaa Waaqayyoo, nuun dabalatee jaalala inni uumama isaatiif qabu argisiisa. Kana malees, Waaqayyo maqaan isaa akka beekamu gochuun isaa, akka isa beeknu akka barbaadu argisiisa. Hunda caalaa immoo, inni utuu nuti maqaan kun akka nu barbaachisu hin beekiin illee dursa fudhatee maqaa isaa nutti himeera. Ifatti hubachuun akka dandaʼamu Waaqayyo akka qaama waaʼee isaa beekuun hin dandaʼamnee fi nu irraa fagoo taʼeetti utuu hin taʼin, akka qaama isatti dhihaachuu dandeenyu tokkootti akka isa ilaallu barbaada.—Faarfannaa 73:28.

Maqaa Waaqayyootti fayyadamuun jaalala isaaf qabnu argisiisa. Kana fakkeenyaan ibsuuf, namni michuu godhachuu barbaaddu tokko maqaa keetiin akka si waamu gaafatte haa jennu. Namichi kun irra deddeebiʼee maqaa keetti fayyadamuu yoo dide maaltu sitti dhagaʼama? Yeroo booda, namichi kun dhugumaan sitti michoomuu kan barbaadu taʼuu isaa shakkuun kee hin oolu. Waaqayyoo wajjin haala wal qabateenis haalli isaa akkasuma dha. Yihowaan maqaa isaa namootatti himeera; maqaa kanatti akka fayyadamnus nu jajjabeesseera. Maqaa kanatti yommuu fayyadamnu, akka isatti dhihaachuu barbaannu Yihowaatti argisiisna. Kana malees, inni “warra maqaa isaa irratti xiinxalan [ykn, “maqaa isaatiif bakka guddaa kennan,” miiljalee] ni hubata.—Miilkiyaas 3:16, NW

Maqaa Waaqayyoo barachuun, isa beekuu irratti tarkaanfii jalqabaa barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, wanti gochuu qabnu kana qofa miti. Qaama maqaa kana duuba jiru beekuu nu barbaachisa. Amalawwan isaa maal akka taʼan barachuu nu barbaachisa.

MAQAAN WAAQAYYOO EENYU? Maqaan Waaqayyoo Yihowaa dha. Maqaan kun Waaqayyo qaama kaayyoo isaa galmaan gaʼuu dandaʼu taʼuu isaa adda baasee beeksisa