Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | JIREENYAA FI DUʼA ILAALCHISEE KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Kitaabni Qulqulluun Jireenyaa fi D⁠u⁠ʼa Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Jireenyaa fi D⁠u⁠ʼa Ilaalchisee Maal Jedha?

Seenaa uumamaa, kitaaba Seera Uumamaa irraatti barreeffame dubbisuudhaan, Waaqayyo Addaam isa nama jalqabaa taʼeen akkana jedhee akka ture hubanna: “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uumama 2:16, 17) Yaanni ifa taʼee fi salphaa taʼe kun, utuu Addaam Waaqayyoof ajajame utuu hin duʼin dhaaba Eeden keessa bara baraaf jiraachuu akka dandaʼu argisiisa.

Kan nama gaddisiisu garuu, Addaam Waaqayyoof ajajamee bara baraaf jiraachuu mannaa, yeroo haati manaa isaa Hewwaan firii dhorkame isaaf kennitu nyaachuudhaan ajaja Waaqayyoo cabsuu filateera. (Uumama 3:1-6) Kanaan kan kaʼes, hanga harʼaatti miidhaan nu irraa gaʼaa jira. Phaawulos ergamaan haala kana yommuu ibsu, “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedheera. (Roomaa 5:12) Inni “nama tokko” jedhame sun Addaami. Haa taʼu malee, cubbuun sun maal ture? Gara duʼaattis kan nama geesse maaliifi?

Addaam taʼe jedhee ajajamuu diduun isaa ykn seera Waaqayyoo cabsuun isaa cubbuu ture. (1 Yohaannis 3:4) Akkuma Waaqayyo Addaamiin akeekkachiisee turetti immoo, adabni cubbuu duʼa dha. Addaamii fi sanyii isaa hamma ajaja Waaqayyoo eeganitti, cubbuu hin qabaatan, akkasumas hin duʼan turan. Waaqayyo namoota kan uume akka duʼaniif utuu hin taʼin, bara baraaf akka jiraataniif ture.

Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti duuti, ‘namoota hundumaa akka waliin gaʼe’ gaaffii hin qabu. Haa taʼu malee, erga duunee booda wanti nu keessaa jiraachuu itti fuftu tokko jirtii? Namoonni hedduun, eeyyee wanti nu keessa jirtuu fi lubbuu jedhamtu hin duutu jedhanii dubbatu. Akkas taanaan garuu, Waaqayyo Addaamiin sobeera jechuu taʼa. Akkamitti? Sababiin isaas, yeroo duunu wanti samii irra ykn addunyaa hafuuraa keessa jiraachuu ishii itti fuftu jirti yoo taʼe, akka Waaqayyo dubbatee ture duuti adaba cubbuu taʼuu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun, ‘Waaqayyo sobuu hin dandaʼu’ jedha. (Ibroota 6:18) Dhugaa isaa yoo ilaalle garuu, “Hin duutan” jechuudhaan Hewwaaniin kan sobe Seexana dha.—Uumama 3:4.

Kun immoo gaaffii akkana jedhu kaasa: ‘Barumsi lubbuun hin duutu jedhu soba irratti kan hundaaʼe yoo taʼe, yeroo duunu maaltu taʼa ree?’

KITAABNI QULQULLUUN ISA DABE QAJEELCHA

Seenaan uumama ilaalchisee kitaaba Seera Uumamaa keessatti argamu akkana jedha: “Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni [“jireenyi kan keessa jiru lubbuu taʼe,” hiika bara 1899].” Ibsi ‘namni jireenyi kan keessa jiru’ jedhu, jecha Afaan Ibrootaa nafeesh jedhamu irraa kan hiikame siʼa taʼu, kallattiidhaan “uumama hafuura baafatu” jechuu dha.—Uumama 2:7.

Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa lubbuu hin duunee qabaatanii akka hin uumamne ifatti dubbata. Kanaa mannaa tokkoon tokkoon namaa ‘jireenyi kan keessa jiru lubbuu akka taʼe’ ibsa. Kitaaba Qulqulluu keessaa hangam iyyuu yoo barbaadde, caqasa “lubbuun hin duutu” jedhu argachuu kan hin dandeenye kanaafi.

Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa lubbuu hin duune qabu jedhee kan hin barsiifne taʼus, dhaabileen amantii hedduun faalaa kanaa kan barsiisan maaliifi? Deebiin gaaffii kanaa gara Gibxii ishii duriitti nu geessa.

BARUMSI SOBAA NI BABALʼATE

Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa 5ffaatti, barreessaan seenaa Herodotas jedhamuu fi lammii Giriikii taʼe, warri Gibxii “seenaa ilmaan namootaa keessatti lubbuun hin duutu jedhanii falmuudhaan warra jalqabaa ti” jedhee dubbateera. Kana malees, aadaa Baabilon durii keessatti yaanni lubbuun hin duutu jedhu fudhatama argatee ture. Aleeksaandar Guddichi Dh.K.D. bara 332tti yeroo Biyyoota Baha Biiftuu Giddu Galaa toʼannaa isaa jala oolchetti, falaastonni Giriikii barumsichi akka beekamu waan godhaniif, yeroo muraasa gidduutti Bulchiinsa Giriik hunda keessatti babalʼachuu dandaʼeera.

Kitaaba Qulqulluu keessaa caqasa yaada “lubbuun hin duune jirti” jedhu qabu argachuu hin dandeessu

Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti immoo, gareen amantaa warra Yihudii beekamoon lama, warri Eeseensii fi Fariisota jedhaman yommuu qaamni duʼu lubbuun jiraachuu ishii itti fufti jedhanii barsiisu turan. Kitaabni The Jewish Encyclopedia jedhamu akkana jedha: “Yihudoonni amantaa lubbuun hin duutu jedhu kan fudhatan, barumsa warra Giriikii, keessattuu falaasama Pilaatoo wajjin hariiroo qabaachuu isaaniitiini.” Haaluma wal fakkaatuun, barreessaan seenaa jaarraa tokkoffaa lammii Yihudii taʼee fi Joseefas jedhamu, barumsi kun Kitaaba Qulqulluu keessaa utuu hin taʼin, “amantaa ilmaan Giriikii” isa sheekkoo namoonni oduu durii himan walitti qaban irraa kan dhufe akka taʼetti ilaala ture.

Aadaan warra Giriikii kun babalʼachaa yommuu deemu, warri Kiristiyaana ofiin jedhanis barumsa sobaa kana fudhachuu jalqaban. Barreessaan seenaa Yoonaa Leendeeriingi akka barreessetti, “Yaanni qabatamaa hin taanee fi Pilaatoon dubbate, lubbuun keenya yeroo tokko bakka baayʼee gaarii turtee fi amma immoo addunyaa gatamte keessa jiraatti jedhu, falaasama Pilaatoo fi barumsa Kiristiyaanummaa walitti makuuf mijataa taʼeera.” Kanaaf, barumsi amantii sobaa lubbuun hin duutu jedhu gara waldaa “Kiristiyaanaatti” kan gale siʼa taʼu, buʼuura amantaa isaanii keessaa tokko taʼeera.

‘DHUGAAN BILISA ISIN BAASA’

Phaawulos ergamaan jaarraa jalqabaatti akeekkachiisa akkana jedhu kennee ture: “Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame, baroota boodaatti namoonni tokko tokko yaadawwan Waaqayyo biraa dhufan fakkaatanii fi barumsa jinniiwwaniitiif xiyyeeffannaa kennanii amantii keessaa akka baʼan ifatti dubbata.” (1 Ximotewos 4:1) Jechoonni kun dhugaa taʼuun isaanii mirkaneeffameera! Barumsi amantaa lubbuun hin duutu jedhu kun, “barumsa jinniiwwan” babalʼisan keessa isa tokko qofa dha. Deggersa Kitaaba Qulqulluu kan hin qabne, barumsa amantii sobaa fi falaasama bara durii irratti kan hundaaʼe dha.

Yesuus, “Dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” waan jedheef sababa itti gammannu qabna. (Yohaannis 8:32) Beekumsa dhugaa Kitaaba Qulqulluu sirrii taʼe waan arganneef, barumsawwan Waaqayyoof ulfina hin kenninee fi gochawwan dhaabbilee amantii addunyaa hedduun babalʼisan irraa bilisa baaneerra. Dabalataanis, dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru, barsiifataa fi amantaa sobaa duʼa wajjin wal qabate irraa bilisa nu baasa.—Saanduqa “Warri Duʼan Eessa Jiru?” jedhu ilaali.

Uumaan keenya ilmaan namootaa kan uume, waggoota 70 fi 80 qofa lafa irra erga jiraatanii booda, samii ykn addunyaa hafuuraa gara biraa irra bara baraaf akka jiraataniif hin turre. Kaayyoon jalqabaa inni namootaaf qabu, lafuma kana irra ijoollee isaa ajajamoo taʼanii bara baraaf akka jiraataniif ture. Kaayyoon guddaan kun jaalala Waaqayyoo ilmaan namootaaf qabu kan argisiisuu dha; wanti kaayyoon isaa akka galma hin geenye dhorkuu dandaʼu hin jiru. (Miilkiyaas 3:6) Faarfatichi hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, “Toloonni lafa in dhaalu isa irras bara baraan in jiraatu” jedhee nuuf mirkaneesseera.—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899.