Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dinqiiwwan Yesuus Raawwate Irraa Maal Barachuu Dandeessa?

Dinqiiwwan Yesuus Raawwate Irraa Maal Barachuu Dandeessa?

Dinqiiwwan Yesuus Raawwate Irraa Maal Barachuu Dandeessa?

SEENAAN Kitaaba Qulqulluu waaʼee jireenya Yesuus isa lafa irraa ibsu afaan jalqabaa ittiin barreeffameen jecha dinqii jedhutti matumaa akka hin fayyadamne yommuu beektu si dinqisiisa taʼa. Jechi Afaan Giriikii (teenaamis) jedhuu fi yeroo tokko tokko “dinqii” jedhamee hiikamu kallattiidhaan “humna” jechuu dha. (Luqaas 8:46) Akkasumas “dandeettii” ykn “hojiiwwan dinqisiisoo” jedhamee hiikamuu dandaʼa. (Maatewos 11:20; 25:15) Hayyuun tokko akka jedhanitti, jechi Afaan Giriikii kun “hojii guddaa raawwatame, keessumaa immoo humna wanti sun ittiin raawwatame argisiisa.” Taʼeen sun gocha humni Waaqayyoo hojiidhaan itti mulʼatu akka taʼetti ibsameera.

Jechi Afaan Giriikii (teeraas) jedhamus yeroo baayʼee “dinqii” jedhamee hiikama. (Yohaannis 4:48; Hojii Ergamootaa 2:19) Jechi kun dhiibbaa namoota dinqii sana argan irratti geessisu kan ibsu dha. Yeroo baayʼee namoonnii fi barattoonni isaa dinqiiwwan Yesuus raawwate yommuu argan baayʼee dinqisiifamu, akkasumas ni ajaaʼibsiifamu turan.—Maarqos 2:12; 4:41; 6:51; Luqaas 9:43.

Jechi Afaan Giriikii inni sadaffaan (seemeeʼoon) jedhamuu fi dinqiiwwan Yesuus raawwate argisiisu “mallattoo” jechuu dha. Hayyuun Roobarti Dafiinbaawu jedhaman jechi kun “hiika guddaa dinqiin sun qabu irratti xiyyeeffata” jedhaniiru. Itti dabaluudhaanis, “Mallattoon, dinqii waaʼee Gooftaa keenya Yesuus dhugaa isaa ibsu dha” jedhaniiru.

Gowwoomsaa moo Humna Waaqayyoo Ti?

Kitaabni Qulqulluun dinqiiwwan Yesuus raawwate gowwoomsaa namoota bashannansiisuuf raawwatamu akka taʼe hin ibsu. Seenaa Yesuus mucaa tokko keessaa jinnii akka baase ibsu irraa akka hubannutti, dinqiiwwan “humna Waaqayyoo isa guddaa” kan mulʼisan turan. (Luqaas 9:37-43) Dinqiiwwan kun Waaqa Hundumaa Dandaʼuu fi ‘jabina guddaa’ akka qabu ibsameef kan hin dandaʼamne dhaa? (Isaayyaas 40:26) Matumaa!

Seenaan Wangeelota irratti ibsame Yesuus dinqiiwwan gara 35 taʼan akka raawwate dubbatu. Haa taʼu malee, dinqiiwwan inni raawwate walumaa galatti meeqa akka taʼan hin ibsamne. Fakkeenyaaf, Maatewos 14:14, “[Yesuus] namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde; dhukkubsattoota isaan gidduu jiranis ni fayyise” jedha. Yeroo kanatti namoota dhukkubsatan meeqa akka fayyise hin beekamu.

Dinqiiwwan kunneen Yesuus Ilma Waaqayyoo akka taʼee fi Masiihicha abdachiifame akka ture kan argisiisani dha. Kitaabni Qulqulluun Yesuus dinqiiwwan sana akka raawwatu kan godhe humna Waaqayyo isaaf kenne akka taʼe ibsa. Pheexiros ergamaan Yesuusiin ilaalchisee akkana jedheera: “Hojiiwwan guguddaa, dinqiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyo karaa isaa isin gidduutti raawwateen, nama Waaqayyo ifatti isinitti mulʼise taʼuu isaa isinumti iyyuu ni beektu.” (Hojii Ergamootaa 2:22) Yeroo kan biraatti immoo Pheexiros, “Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan akkamitti akka [Yesuusiin] dibe, akkasumas Waaqayyo isaa wajjin waan tureef wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa biyyattii keessa akka naannaʼe” dubbateera.—Hojii Ergamootaa 10:37, 38.

Dinqiiwwan Yesuus raawwate ergaa isaa wajjin kan wal siman turan. Maarqos 1:21-27 namoonni wanta inni barsiisuu fi dinqii inni raawwate tokko ilaalchisee maaltu akka isaanitti dhagaʼame ibsa. Maarqos 1:22 namoonni “akkaataa inni itti barsiisu baayʼee dinqisiifatan” jedha; lakkoofsi 27 immoo yeroo inni jinnii baasu “dinqisiifatanii” akka turan ibsa. Dinqiiwwan Yesuus raawwates taʼe ergaan inni lallabe Masiihicha abdachiifame taʼuu isaa mirkaneessu.

Yesuus akkasumaan Masiihii akka taʼe hin dubbanne; dubbii fi gochawwan isaa kaan dabalatee, humni Waaqayyo dinqiiwwan akka raawwatu isaaf kenne inni Masiihii taʼuu isaa ragaa quubsaa taʼu. Gaʼee isaa fi ergama isaa ilaalchisee gaaffiin yeroo kaʼutti, Yesuus ija jabinaan akkana jedhee deebiseera: “Ani . . . Yohaannis [Cuuphaa] caalaa dhugaa kan anaaf baʼu qaba; sababiin isaas, hojiiwwan akka ani hojjedhu Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, Abbaan akka na erge dhugaa baʼu.”—Yohaannis 5:36.

Ragaalee Dhugaa Taʼuu Isaanii Mirkaneessan

Dinqiiwwan Yesuus raawwate dhugaa taʼuu isaanii mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Mee ragaalee dhugaa taʼuu isaanii mirkaneessan tokko tokko haa ilaallu.

Yesuus yeroo dinqiiwwan raawwatu xiyyeeffannaa namootaa matumaa ofitti harkisee hin beeku. Dinqii raawwatu kamiif iyyuu Waaqayyo jajannaa fi ulfina akka argatu godha ture. Fakkeenyaaf, nama qaro dhabeessa taʼe tokko fayyisuu isaa dura, dinqiin sun kan raawwatame “hojiin Waaqayyoo isa irratti akka mulʼatuuf” akka taʼe dubbateera.—Yohaannis 9:1-3; 11:1-4.

Yesuus dinqii raawwachaa kan ture, akkuma namoota dawweessaa, xonqolaa fi amantiidhaan namoota akka fayyisan dubbatanii, sammuu namootaa toʼachuudhaan, malawwan gowwoomsaatti fayyadamuudhaan, wantoota xiyyeeffannaa namootaa harkisanii fi qoricha namatti gochuudhaan ykn sirna adda taʼe raawwachuudhaan hin turre. Gochawwan xonqolaa ykn miʼoota amantii qulqulluu akka taʼanitti ilaalamanitti hin fayyadamne. Namoota qaro dhabeeyyii lama gaarummaadhaan akkamitti akka isaan fayyise hubadhaa. Seenaan isaa, “Yesuusis isaaniif gaddee ija isaanii qaqqabe; ijji isaaniis yeruma sana deebiʼee ilaaluu jalqabe; isaanis isa duukaa buʼan” jedha. (Maatewos 20:29-34) Sirnii fi qophiin adda taʼe ykn wanti xiyyeeffannaa namaa harkisu hin raawwatamne. Yesuus dinqiiwwan isaa kan raawwate ifatti, yeroo baayʼee immoo bakka namoonni hedduun isa arguu dandaʼanitti ture. Ibsaa addaa, waltajjii ykn meeshaa kan biraa fayyadamuun isa hin barbaachisne. Faallaa kanaatiin garuu, dinqiiwwan yeroo harʼaatti raawwataman dhugaa taʼuu isaanii wanti mirkaneessu hin jiru.—Maarqos 5:24-29; Luqaas 7:11-15.

Yesuus yeroo tokko tokko namoonni inni dinqii raawwateef amantii akka qaban ni dubbata ture. Haa taʼu malee, namni tokko amantii kan hin qabne taʼuun isaa dinqii akka hin raawwanne isa hin dhowwine. Yeroo Qifirnaahom ishii Galiilaatti argamtu keessa turetti, “namoonni warra jinniidhaan qabaman hedduu gara isaatti fidan; innis jechuma tokkoon hafuurota sana isaan keessaa baase; namoota dhukkubaan dhiphachaa turan hundas ni fayyise.”—Maatewos 8:16.

Yesuus dinqiiwwan kan raawwate, rakkina namootaa furuuf malee fedhii namoonni beekuuf qaban guutuuf hin turre. (Maarqos 10:46-52; Luqaas 23:8) Kana malees, buʼaa dhuunfaa argachuuf jedhee matumaa dinqiiwwan raawwatee hin beeku.—Maatewos 4:2-4; 10:8.

Seenaawwan Wangeelota Keessatti Ibsaman hoo Amanamuu Dandaʼuu?

Dinqiiwwan Yesuus raawwate beekuu kan dandeenye Wangeelota afur keessatti waan ibsamaniifi dha. Dinqiiwwan Yesuus raawwate dhugaa taʼuu isaanii yommuu qorrutti ragaaleen seenaawwan kun dhugaa taʼuu isaanii akka amannu nu taasisan jiruu? Eeyyee jiru.

Akkuma olitti ibsame, Yesuus dinqiiwwan kan raawwate ifatti, jechuunis bakka namoonni hedduun isa arguu dandaʼanitti ture. Wangeelonni jalqabaa kan barreeffaman, yeroo namoonni dinqiiwwan sana ijaan argan hedduun lubbuudhaan turanitti dha. Amanamummaa namoota Wangeela barreessanii ilaalchisee kitaabni The Miracles and the Resurrection jedhamu akkana jedheera: “Barreessitoonni Wangeelaa amantii isaanii babalʼisuuf jecha taʼe jedhanii dinqiiwwan hedduu barreessuudhaan, dhugaawwan seenaa keessatti raawwataman ni dhoksu jedhanii yaaduun waan hin fakkaanne dha. . . . Amanamummaadhaan dhugaa isaa galmeessuu barbaadu turan.”

Yihudoonni Kiristiyaanummaa morman dinqiiwwan Wangeelota keessatti ibsaman matumaa hin mormine. Gaaffii kan kaasan dinqiiwwan kunneen kan raawwataman humna eenyuutiin akka taʼe qofa dha. (Maarqos 3:22-26) Yeroo boodas qeeqxonni dinqiiwwan Yesuus raawwate hin haalle. Faallaa kanaatiin garuu Dh.K.B. jaarraa tokkoffaa fi lammaffaatti barreeffamoonni dinqiiwwan Yesuus raawwate ibsan jiru turan. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, dinqiiwwan isaa Wangeelota keessatti caqasaman dhugaa akka taʼan amanuuf ragaa quubsaa qabna.

Nama Dinqiiwwan Sana Raawwate

Dinqiiwwan Yesuus raawwate yommuu qorru ragaalee dhugaa taʼuu isaanii ibsu qofa irratti xiyyeeffachuun gaʼaa miti. Wangeelonni waaʼee dinqiiwwan Yesuus ibsan, Yesuus miira namootaa kan hubatu, gara laafina guddaa kan argisiisuu fi nageenya namootaatiif garaadhaa kan yaadu akka taʼe argisiisu.

Mee waaʼee nama dhukkuba nadaayiitiin qabamee fi “Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu dandeessa” jedhee Yesuusiin kadhatee haa ilaallu. Yesuus “baayʼee isaaf gaddee” harka isaa diriirsuudhaan isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!” isaan jedhe. Namichi sunis yeruma sana fayye. (Maarqos 1:40-42) Yesuus haala kanaan humna Waaqayyo dinqii akka raawwatu isaaf kennetti akka fayyadamu kan isa kakaase miira namootaa hubachuu isaa ti.

Yesuus namoota magaalaa Naayin keessaa baʼanii gara bakka awwaalchaa deemaa turan yeroo argu hoo maaltu raawwatame? Dargaggeessi duʼe sun ilma tokkicha dubartii abbaan manaa irraa duʼee ture. Yesuus “baayʼee ishiidhaaf gaddee” gara ishii dhaquudhaan “Hin booʼin” ishiidhaan jedhe. Achiis ilma ishii gara jireenyaatti deebise.—Luqaas 7:11-15.

Dinqiiwwan Yesuus raawwate irraa barumsa nama jajjabeessu arganna; Yesuus dinqii kan raawwate ‘baayʼee waan isaaniif gadduu’ fi namoota gargaaruu waan barbaaduuf ture. Haa taʼu malee, dinqiiwwan kun seenaa qofa miti. Ibroonni 13:8, “Yesuus Kiristoos kaleessas taʼe harʼa, bara baraaf isuma sana” jedha. Yeroo ammaa Mootii taʼee samii irratti bulchaa jira; humna dinqii raawwachuu Waaqayyo isaaf kenne yeroo nama taʼee lafa irra ture caalaa balʼinaan itti fayyadamuuf qophaaʼaa dha, akkasumas dandeettii isaa qaba. Dhiheenyatti Yesuus humna kana ilmaan namootaa ajajamoo taʼan fayyisuuf itti fayyadama. Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee abdii gara fuulduraa gammachiisaa taʼe kanaa caalaatti akka beektu si gargaaruuf fedhii guddaa qabu.

[Fakkii]

Dinqiiwwan Yesuus raawwate “humna Waaqayyoo isa guddaa” kan mulʼisani dha

[Fakkii]

Yesuus namootaaf kan garaa laafu ture