Wangeela Maatewos 8:1-34

  • Namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame ni fayye (1-4)

  • Amantii ajajaan dhibbaa argisiise (5-13)

  • Yesuus Qifirnaahomitti namoota hedduu fayyise (14-17)

  • Yesuus duukaa buʼuu (18-22)

  • Yesuus obomboleettii gab jechisiise (23-27)

  • Yesuus jinniiwwan gara booyyotaatti erge (28-34)

8  Yesuus gaara sana irraa erga gad buʼee booda, namoonni hedduun isa duukaa buʼan.  Kunoo, namni dhukkuba nadaayiitiin* qabame tokko gara isaa dhufee erga isaaf sagadee booda, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu* dandeessa” isaan jedhe.+  Kanaafuu, inni harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”*+ isaan jedhe. Namichis yeruma sana dhukkuba nadaayii sana irraa fayye.*+  Achiis Yesuus, “Eenyutti iyyuu akka hin himne of eeggadhu;+ garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi;+ isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe.  Yeroo Qifirnaahomitti seenus, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate:+  “Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo lamshaaʼee mana ciiseera; akka malees dhiphachaa jira.”  Yesuusis, “Dhufeen isa fayyisa” isaan jedhe.  Ajajaan dhibbaa sunis akkana jedhee isaaf deebise: “Yaa Gooftaa, ati baaxii mana koo jala seenuun kee kan anaaf malu miti; jechuma tokko dubbadhu, tajaajilaan koos ni fayya.  Anis aangoo nama kan biraa jala kanan jiru taʼus, loltoota anaaf ajajaman qaba; isa tokkoon, ‘Deemi!’ yommuun jedhu ni deema; isa tokkoon immoo, ‘Kottu!’ yommuun jedhu ni dhufa; garbicha kootiinis, ‘Kana godhi!’ yommuun jedhu ni godha.” 10  Yesuus yommuu kana dhagaʼu, baayʼee dinqisiifatee namoota isa duukaa buʼaa jiraniin akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, Israaʼel keessatti nama amantii guddaa+ akkanaa qabu tokko illee hin arganne. 11  Ani garuu isinitti nan hima, namoonni hedduun bahaa fi dhiha irraa dhufanii Mootummaa samii keessatti Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobii wajjin maaddiitti dhihaatu;+ 12  ilmaan Mootummichaa garuu dukkana ala jirutti gatamu. Achittis ni booʼu; ilkaan isaaniis ni qaru.”+ 13  Sana booda Yesuus ajajaa dhibbaa sanaan, “Dhaqi. Akkuma amantii keetii siif haa taʼu”+ jedhe. Tajaajilaan sunis saʼaatii sanatti ni fayye.+ 14  Yesuus gara mana Pheexiros yommuu dhufu, amaatiin+ Pheexiros dhukkuba dhaqna gubaatiin qabamtee utuu ciistuu arge.+ 15  Innis harka ishii yommuu qaqqabu+ dhaqna gubaan sun ishii gadhiise; ishiinis kaatee isa tajaajiluu jalqabde. 16  Erga dhihee boodas, namoonni warra jinniidhaan qabaman hedduu gara isaatti fidan; innis jechuma tokkoon hafuurota sana isaan keessaa baase; namoota dhukkubaan dhiphachaa turan hundas ni fayyise; 17  kanas kan godhe wanti karaa Isaayyaas raajichaa, “Inni dhukkuba keenya nu irraa fuudhe; dhibee keenyas ni baate”+ jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi. 18  Yesuus namoonni hedduun naannoo isaa akka jiran yommuu argu, barattoonni isaa gamatti akka ceʼan ajaje.+ 19  Barsiisaan seeraa tokko gara isaa dhufee, “Yaa Barsiisaa, bakka ati dhaqxu hundumaatti si duukaa nan buʼa”+ isaan jedhe. 20  Yesuus garuu, “Jeedaloonni boolla qabu; simbirroonni samiis manʼee qabu; Ilmi namaa garuu bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu”+ isaan jedhe. 21  Achiis barattoota isaa keessaa inni kan biraan gara isaa dhufee, “Yaa Gooftaa, jalqaba dhaqee abbaa koo akkan awwaalladhu anaaf heyyami”+ isaan jedhe. 22  Yesuusis, “Ati na duukaa buʼuu kee itti fufi; warri duʼan, duʼaa isaanii haa awwaallatan”+ isaan jedhe. 23  Sana booda Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii deeman.+ 24  Yeroo kanatti obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan kaʼeef, bishaanichi bidirichatti namʼuu jalqabe; Yesuus garuu rafee ture.+ 25  Isaanis gara isaa dhaqanii erga isa dammaqsanii booda, “Yaa Gooftaa, dhumuuf jenna, nu oolchi!” isaan jedhan. 26  Inni garuu, “Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”*+ isaaniin jedhe. Achiis kaʼee bubbee sanaa fi galaanicha ifate; tasgabbii guddaanis ni taʼe.+ 27  Kanaafuu, namoonni sun baayʼee dinqisiifatanii, “Kun nama akkamii ti? Bubbee fi galaanni illee isaaf ajajamu” jedhan. 28  Galaanicha gamatti ceʼee naannoo Gadaareensi yommuu gaʼu, namoonni jinniidhaan qabaman lama awwaala* gidduudhaa baʼanii isatti dhufan.+ Isaan baayʼee waan nama sodaachisaniif, eenyu iyyuu onnatee karaa sana irra hin darbu ture. 29  Isaanis, “Yaa Ilma Waaqayyoo, nuyii fi ati maal wal irraa qabna?+ Yeroon murteeffame sun utuu hin gaʼin nu dhiphisuuf+ dhuftee?” jedhanii iyyan.+ 30  Xinnoo isaan irraa fagaatee, hoomaan booyyee tokko ni dheeda ture.+ 31  Jinniiwwan sunis, “Kan nu baastu yoo taʼe, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii isa kadhachuu jalqaban.+ 32  Innis, “Dhaqaa!” isaaniin jedhe. Isaanis baʼanii booyyota sanatti seenan; yeroo kanatti guutummaan hoomaa booyyee sanaa qarqara hallayyaa irraa didichanii galaanicha keessa lixanii dhuman. 33  Tiksitoonni sun garuu baqatanii gara magaalattii dhaquudhaan wanta namoota jinniidhaan qabaman sana irratti taʼe dabalatee wanta hundumaa odeessan. 34  Yeroo kanatti namoonni magaalattii hundi Yesuusiin argachuuf baʼan; yommuu isa arganis biyya isaanii gadhiisee akka deemu cimsanii isa kadhatan.+

Miiljaleewwan

Kal., “qulqulleessuu.”
Ykn., “juzaamiin; qurciitiin.”
Kal., “Qulqullaaʼi.”
Kal., “qulqullaaʼe.”
Ykn., “naatan.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”