Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFA QULQULLUU QAYYABACHUU NI BARBAADDAA?

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuun Maaliif Barbaachise?

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuun Maaliif Barbaachise?
  • Kaayyoon jireenyaa maali dha?

  • Namoonni kan dhiphatanii fi kan duʼan maaliifi?

  • Gara fuulduraatti abdii akkamii qabna?

  • Waaqayyo anaaf ni yaadaa?

Gaaffilee akkasii of gaafattee beektaa? Taanaan, gaaffii kana kan gaafatu si qofa miti. Namoonni addunyaa mara irra jiran gaaffilee gurguddaa jireenya keessatti isaan mudatan sammuu isaanii keessa deddeebiʼu. Gaaffilee kanaaf deebii argachuu ni dandeessaa?

Namoonni miliyonaan lakkaaʼaman, gaaffii kanaaf deebii “Eeyyee!” jedhu kennu. Maaliif? Gaaffii isaaniitiif Macaafa Qulqulluu keessaa deebii quubsaa waan argataniifi. Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu beekuu ni barbaaddaa? Taanaan, sagantaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan irraa kaffaltii malee fayyadamuu ni dandeessa. *

Eeyyee, namoonni tokko tokko waaʼeen Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yeroo kaʼu, “Yeroo hin qabu,” “Baayʼee ulfaataa dha” ykn “Dirqama wayii keessa galuu hin barbaadu” jedhu. Namoonni kaan garuu ilaalcha kana irraa adda taʼe qabu. Carraa wanta Macaafni Qulqulluu barsiisu barachuuf argatanitti ni fayyadamu. Fakkeenyota muraasa ilaali:

  • “Waldaalee Kaatolikii fi Pirootestaantii, manneen sagadaa Siikii fi Budihaa deemeera, akkasumas yunivarsiitiitti tiʼooloojii (barumsa amantii) baradheera. Haa taʼu malee, Waaqayyoon ilaalchisee gaaffii ani qabu hedduun naaf hin deebine. Achiis, gaaf tokko Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko mana koo dhufte. Deebiin isheen Macaafa Qulqulluu irraa naa kennite waan na gammachiiseef, Macaafa Qulqulluu qayyabachuufan walii gale.”—Giil, Ingilaandi.

  • “Jireenya ilaalchisee gaaffii hedduun qaban ture; taʼus deebii paastariin waldaa keenyaa naa kenne na hin quufsine. Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko garuu Macaafa Qulqulluutti fayyadamee gaaffii koo naa deebise. Wanta dabalataa barachuuf fedhii akka ani qabu yeroo na gaafatetti, afeerraa isaa nan fudhadhe.”—Kaffii, Beeniin.

  • “Haala namoonni duʼan keessa jiran beekuuf fedhii guddaan qaban ture. Namoonni duʼan warra lubbuudhaan jiran miidhuu ni dandaʼu jedheen amana ture; taʼus wanta Macaafni Qulqulluun jedhu beekuun barbaade. Kanaaf, hiriyaa koo Dhugaa Baatuu taʼe tokkoo wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jalqabe.”—Joosee, Biraaziil.

  • “Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yaalee kan ani ture taʼus, hubachuu hin dandeenye. Yeroo booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa mana koo dhufanii, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran hedduu sirriitti naa ibsan. Kanaaf, wanta dabalataa barachuun barbaade.”—Deeniiz, Meeksikoo.

  • “Waaqayyo kan anaaf yaadu taʼuu isaa beekuu barbaadeen ture. Kanaaf, gara Waaqayyo isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameetti kadhannaa dhiheessuufan murteesse. Guyyaa itti aanutti, Dhugaa Baatonni mana koo kan dhufan siʼa taʼu, afeerraa Macaafa Qulqulluu akkan qayyabadhuuf naa dhiheessan nan fudhadhe.”—Aanjuu, Neeppaal.

Muuxannoowwan kun yaada Yesuus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisu. (Maatewos 5:3) Eeyyee, ilmaan namootaa uumamaan fedhii hafuuraa qabu. Fedhii isaanii kana guutuufii kan dandaʼu Waaqayyo qofa siʼa taʼu, akkas kan godhus karaa Macaafa Qulqulluu ti.

Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu maalfaa dabalata? Si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti? Gaaffileen kun mata duree itti aanu keessatti deebii argatu.

^ KEY. 8 Macaafni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe dubbata.