Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFA QULQULLUU QAYYABACHUU NI BARBAADDAA?

Sagantaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Namoota Hundaaf

Sagantaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Namoota Hundaaf

Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaaf lallabuudhaan beekamu. Haa taʼu malee, sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu addunyaa maratti geggeeffamu akka qabnu beektaa?

Bara 2014tti, Dhugaa Baatonni 8,000,000 ol taʼanii fi biyyoota 240 keessa jiran jiʼa jiʼaan namoota gara 9,500,000 taʼan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaniiru. * Baayʼinni namoota nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatanii baayʼina uummataa biyyoonni 140 taʼan dhuunfaatti qaban ni caala!

Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii barsiisuu kana raawwachuuf waggaa waggaatti gara afaan 700tiin Macaafa Qulqulluu, kitaabota, barruulee fi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran gara biliyoona tokkoo fi walakkaa maxxansu! Carraaqqiin guddaan taasifame kun namoonni afaan barbaadaniin Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan gargaara.

DEEBII GAAFFILEE SAGANTAA QAYYABANNAA MACAAFA QULQULLUU KEENYA ILAALCHISEE YEROO HEDDUU GAAFATAMANIIF KENNAME

Qayyabannaan kun haala akkamiitiin geggeeffama?

Yaada Macaafa Qulqulluu garaa garaa kaasnee, caqasoota dhimmichaa wajjin wal qabatan qorra. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun gaaffii akka armaan gadiitiif deebii kenna: Waaqayyo eenyu dha? Qaama akkamii qaba? Maqaa qabaa? Eessa jiraata? Isatti dhihaachuu ni dandeenyaa? Haalli isaa ulfaataa akka taʼu kan godhu, deebiin gaaffilee kanaa Macaafa Qulqulluu irraa eessatti akka argamu beekuu dadhabuu dha.

Namoonni gaaffilee kanaaf deebii akka argatan gargaaruuf, Kitaaba fuula 224 qabuu fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? * jedhamutti fayyadamna. Kitaabni kun namoonni barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf qophaaʼe. Kutaalee waaʼee Waaqayyoo, Yesus Kiristos, rakkina ilmaan namootaa, duʼaa kaʼuu, kadhannaa fi mata dureewwan kan biraa hedduu ibsan qabateera.

Qayyabannaan kun yoomii fi eessatti geggeeffamuu dandaʼa?

Qayyabannaan kun saʼaatii fi iddoo sii mijatutti geggeeffamuu dandaʼa.

Qayyabannaan yeroo tokkoo saʼaatii hammamii fudhata?

Namoonni baayʼeen Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaaf torbanitti saʼaatii tokko ykn isaa ol ramadu. Haa taʼu malee, dheerinni saʼaatii isaa akka haala isaatti kan jijijjiiramu dha. Sagantaa keetiif haala taʼuun sii mijeessina. Namoonni tokko tokko torbanitti daqiiqaa 10 ykn 15f qofa qayyabatu.

Qayyabannichi kaffaltii qabaa?

Barumsichis taʼe barreeffamoonni ittiin qayyabsiisnu kaffaltii malee kennamu. Kunis qajeelfama Yesus, “Gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!” jechuudhaan bartoota isaatiif kennee wajjin wal sima.—Maatewos 10:8.

Guutummaan qayyabannaa kanaa yeroo hammamiitiif tura?

Yeroon qayyabannaan kun fudhatu haala kee irratti kan hundaaʼe dha. Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 19 qaba. Boqonnaa filatte qofa ykn guutummaa isaa saffisa barbaaddeen qayyabachuu dandeessa.

Yeroon xumuru Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun qabaa?

Lakki. Namni hundi wanta itti amanu filachuuf mirga akka qabu sirriitti beekna. Haa taʼu malee, namoonni beekumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irraa argatan irratti hundaaʼanii, murtoo barbaadan gochuu dandaʼu.

Odeeffannoo dabalataa eessaan argachuu dandaʼa?

Weebsaayitiin jw.org jedhamu, wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amananii fi hojiiwwan isaan hojjetan ilaalchisee odeeffannoo sirrii kenna.

Macaafa Qulqulluu akka na qayyabsiisan gaafachuu kanan dandaʼu akkamitti?

^ KEY. 4 Macaafa Qulqulluu nama tokko dhuunfaatti ykn namoota muraasa wal faana ni qayyabsiisna.

^ KEY. 9 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe. Afaan 260 oliin koppiin miliyoona 230 ol maxxanfameera.