Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Daawit Goliyaadiin yommuu rukkutuuf jedhu

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

‘Lolichi kan Yihowaa Ti’

‘Lolichi kan Yihowaa Ti’

Amantiin Daawit Yihowaa irratti qabu beekumsaa fi wanta duraan isa mudate irratti kan hundaaʼe ture (1Sa 17:36, 37; wp16.5 11 key. 2-3)

Daawit Goliyaadiin ofii isaa wajjin utuu hin taʼin Yihowaa wajjin wal bira qabee ilaale (1Sa 17:45-47; wp16.5 11-12)

Yihowaan Daawit diina guddaa fi sodaachisaa taʼe tokko irratti injifannoo akka argatu godheera (1Sa 17:48-50; wp16.5 12 key. 4; fakkii qola isaa irra jiru ilaali)

Yeroo tokko tokko rakkoowwan ciccimoon nu mudatu; fakkeenyaaf ariʼatama ykn araada gadhee taʼe tokko moʼuun nu barbaachisa taʼa. Rakkinni nu mudatu guddaa akka taʼe yommuu nutti dhagaʼamutti, rakkinni keenya humna Yihowaa isaa daangaa hin qabne wajjin yeroo wal bira qabamu baayʼee xinnoo akka taʼe haa yaadannu.—Iyo 42:1, 2.