Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Misiyoonota “Hanga Andaara Lafaatti”

Misiyoonota “Hanga Andaara Lafaatti”

WAXABAJJII 1, 2021

 Yesuus barattoota isaatiin, “Hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” jedheera. (Hojii Ergamootaa 1:8) Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa abboommii kana hinaaffaadhaan hojii irra oolchaa jiru. Haa taʼu malee, naannoowwan bal‵ina qabanii fi bakka namoonni gobbatanii (iddoo tokkotti hedduummatanii) jiraatan dabalatee biyyoota tokko tokkotti misiraachichi guutummaatti hin lallabamne. Biyyoota tokko tokko keessa immoo Dhugaa Baatota Yihowaa muraasatu jira. (Maatewos 9:37, 38) Maarree hanga dandaʼametti namoota hundaaf lallabuuf maal gochaa jirra?

 Koreen Tajaajilaa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa, ajaja Yesuus kenne raawwachuuf misiyoonota tajaajila dirree taʼan addunyaa maratti bakka barbaachisetti ramada. Yeroo harʼaa addunyaa maratti misiyoonota dirree 3,090 tu jiru. a Hedduun isaanii mana barumsaa Kitaaba Qulqulluu kanneen akka Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii leenjii argataniiru. Misiyoononni fedhiidhaan biyya isaaniidhiisanii deemuudhaan biyya gara biraatti tajaajilu. Gaʼumsi, leenjii fi muuxannoon misiyoononni amanamoon kun qaban misiraachichi akka babalʼatu gargaareera; barattoota haaraafis fakkeenya gaarii taʼaniiru.

Misiyoononni bakka Dhugaa Baatonni barbaachisanitti misiraachicha lallabuudhaan gargaaru

Misiyoonota Gargaaruun Namoota Kaan Gargaaruu Dha

 Waajjira dame hunda keessatti Deeskiin Tajaajilaa Dippaartimantii Tajaajilaa jalatti argamu,Koree Waajjira Damee wajjin ta‵uudhaan bakka jireenyaa, yaalii fayyaa fi qarshii baasiiwwan tokko tokkoof barbaachisu dabalatee wantoota misiyoonotaaf barbaachisan kaan isaaniif guutuuf hojjeta. Bara tajaajilaa 2020 tti Dhugaa Baatonni Yihowaa wantoota misiyoonotaaf barbaachisan guutuuf gara doolaara Ameerikaa miliyoona 27 baasaniiru. Misiyoononni humna guutuudhaan tajaajila irratti akka xiyyeeffatanii fi gumii isaanii akka jajjabeessan waan gargaareef qophii kana baayʼee dinqisiifanna.

Misiyoononni gumiiwwan akka jabaatan gargaaru

 Misiyoononni dirree hojii tajaajilaa kan gargaaran akkamitti? Firaank Maadsan inni Maalaawwiitti miseensa Koree Waajjira Damee ta‵ee tajaajilu akkas jedheera: “Misiyoononni ija jabinaa fi dandeettii qabaniin gumiiwwan naannoowwan tajaajilaa rakkisoo jechuunis manneen eegumsa cimaa qabanii fi naannoo tajaajilaa namoonni afaan biyya alaa dubbatan keessa jiraatan keessatti akka lallaban isaan gargaaraniiru. Akkasumas afaanii fi aadaa naannichaa barachuuf carraaqqii godhaniin warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼaniiru; tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu ilaalchisees dargaggoota irratti dhiibbaa gaarii geessisaniiru. Misiyoonota tajaajila dirree waan nuu kenneef Yihowaa baayʼee galateeffanna.”

 Obboleessi Miseensa Koree Waajjira Damee ta‵e kan biraa immoo akkas jedheera: “Misiyoononni, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti tokkummaa kan qaban taʼuu isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼu. Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane illee barumsi Kitaaba Qulqulluu addunyaa maratti tokkummaa obbolummaa akka qabaannu waan nu taasiseef, aadaa irratti hundaa‵uudhaan akka wal hin qoqqoodne ifatti arguu dandaʼu.”

 Misiyoononni dirree babalʼistoota gumii kan gargaaran akkamitti? Paawuloo inni Timoor Listee jiraatu misiyoonota gumii isaatti ramadaman baayʼee dinqisiifata. Akkas jedheera: “Naannoon keenya baayʼee hoʼa. Misiyoononni kun naannoo baddaatii kan dhufan taʼus, haalli qilleensa naannoo kanaa lallaba akka isaan dhaabsisu hin heyyamne. Yeroo hunda ganama ganama walgaʼii tajaajila dirree irratti argamu. Yeroo baayʼee guyyaa saafaa saʼaatii baayʼee bulluqu keessa akkasumas galgala galgala deddeebii gaaffii yeroo godhan nan arga. Ana dabalatee namoonni hedduun dhugaa akka baratan gargaaraniiru. Guutummaa jireenya isaanii hinaaffaa fi miira hoʼaadhaan Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamaniiru. Kun immoo guutummaan gumichaa caalaatti Yihowaa akka tajaajilu isa kakaaseera.”

 Keetii ishiin Maalaawwiitti qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiltu, misiyoononni hiriyoota gaaʼelaa taʼan tokko maatii ishii akkamitti akka gargaaran akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Misiyoononni hiriyoota gaaʼelaa taʼan tokko gumii keenyatti yeroo ramadamanitti maatii koo keessaa Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taʼe ana qofa ture. Haata‵u malee misiyoonota kana irraa gargaarsa guddaa kanan argadhe yeroo taʼu, maatii keenyattis baayʼee dhihaatu turan. Fakkeenyi gaariin isaan taʼan ijoolleen koo Yihowaa tajaajiluun jireenya gammachiisaa jiraachuuf kan gargaaru ta‵uu isaa akka hubatan isaan gargaareera. Dhiibbaa gaarii misiyoononni kun godhaniin kan kaʼe ijoolleen koo sadan qajeelchitoota yeroo hundaa yommuu taʼan, abbaan manaa koo immoo walgaʼiiwwan irratti argamuu jalqabeera.”

 qarshiin baasiiwwan misiyoonota dirree uwwisuuf gargaaru kan argamu akkamitti? Buusiiwwan hojii addunyaa maraatiif godhaman keessaati; buusiiwwan kun hedduun isaanii karaa donate.dan124.com, godhamu. Buusiiwwan godhaman kana baayʼee dinqisiifanna.

a Misiyoononni kun iddoo gumiiwwan hojii lallabaa irratti labsitoota hedduu barbaadanitti ramadamu. Misiyoononni 1,001 taʼan immoo hojii aanaa irratti hirmaachaa jiru.