Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Tuqaalee Jireenya koo Jijjiiran

Tuqaalee Jireenya koo Jijjiiran

ONKOLOOLESSA 1, 2021

 Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1, 1912 yaada tarii dubbistoonni keenya hedduun waaʼee namoota qaro dhabeeyyii ni beeku taʼa” jechuudhaan caqasee ture. “Kaffaltii malee barreeffamoota dubbisan ni argatu . . . . Barreeffamoonni kun namoonni qaro dhabeeyyii taʼan dubbisuu akka dandaʼanitti qubeen isaa guguddifamanii kan barreeffamani dha.” Itti dabaluudhaanis Masaraan Eegumsaa kun akkas jedheera: “Namoonni qaro dhabeeyyii taʼan hedduun eebba gara fuulduraatti addunyaa haaraa keessatti dhufu baayʼee dinqisiifatu.”

 Yaanni kun yeroo baʼetti barreeffamni bireeyilii Afaan Ingiliffaa walii galaa namoonni itti fayyadaman hojii irra hin oolle ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu, dhugaan Kitaaba Qulqulluu bireeyilii qubeen isaa gurguddaa taʼeen akka baʼu godhaniiru. Kana yeroo ammaattis itti hojjechaa jirra! Yeroo harʼaatti afaan 50 oliin barreeffamoota bireeyilii qopheessina. Barreeffamni bireeyiliin kan qophaaʼu akkamitti?

Garee qabxiilee tokkoo hanga jaʼaatti guguddifamanii ramadaman argisiisu. Qabxiileen guguddatan kun cimdiidhaan bakka jaʼatti qoqqoodamanii

Barreessuu fi Boca itti baasuu

 Bireeyilii qopheessuu irratti tarkaanfiin inni jalqabaa barreeffama tokko gara qubee bireeyiliitti jijjiiruu dha. Obboleessi Maayikil Miileen jedhamuu fi Niiwu Yoorki, Paatarsanitti kutaa Text Processing Services keessa hojjetu akkana jedheera: “Jalqaba irratti bireeyilii irratti barreessuuf sooftiweerii ofii qopheessinetti fayyadamaa hin turre; taʼus sooftiweeriin kun afaan ittiin qopheessinu hundaan qopheessuu hin dandaʼu ture. Yeroo ammaa sagantaa Watchtower Translation System isa afaan addunyaa irratti dubbataman hunda barreessuu dandaʼutti fayyadamna. Sooftiweeriin kana caalu matumaa eessatti iyyuu hin argamu.”

 Barreeffama bireeyilii qopheessuun ibsa fakkii hiikuus kan dabalatu dha. Fakkeenyaaf fakkiin qola Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irra jiru akkasitti ibsameera: “Namichi tokko daandii jajalʼaa, biqiloota babbareedoo, gaarreenii fi tabbaan marfame irra deemuu jalqabe.” Obboleessi Yaamsheed inni qaro dhabeessaa fi tajaajilaa gumii taʼe akkana jedheera: “Ibsi fakkii kun anaaf hiika guddaa qaba.”

 Erga hiikamee booda faayilli kun biraayiliitti akka bocamuuf gara waajjira dameetti ergama. Achittis barreeffamichi waraqaa jabaa taʼe irratti qubeen isaa boca akka qabaatu taasifama. Achiis fuulli hundi walitti hidhamee erga jildii taasifamee booda barreeffamoota kaanii wajjin gara gumiiwwaniitti ykn manneen poostaa tajaajila akkanaa qabu taanaan “namoota qaro dhabeeyyiif tola kan ergame” jedhamee ergama. Barbaachisaa yeroo taʼutti waajjiroonni damee obboloonni qaro dhabeeyyiin barreeffama kana walgaʼiiwwan gumiitiif hatattamaan akka isaan gaʼuuf qophii godhu.

 Kun hundi yeroo fi qarshii baasii gochuu kan gaafatu dha. Meeshaan maxxansaa keenya Niiwu Yoorki Walkiilitti argamu al tokkotti Kitaabota Qulqulluu 50,000 kan maxxansu taʼus, Kitaaba Qulqulluu bireeyilii 2 qofa maxxansa. Tokkoon tokkoon Kitaaba Qulqulluu bireeyilii Ingiliffaa jildii 25 qaba: Wantoonni jildiiwwan kana qopheessuuf barbaachisan, wantoota Kitaaba Qulqulluu qopheessuuf barbaachisan baasii harka 123 caalu gaafata. a Kana jechuun jildii 25 kan qabu doolaara Ameerikaa 150 gaafata jechuu dha!

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa bireeyilii Afaan Ingiliffaa sadarkaa lammaffaan jildiiwwan 25 qaba

 Namoonni hojii barreeffamoota bireeyilii kana qopheessuu irratti hirmaatan hoo maaltu isaanitti dhagaʼama? Obboleettiin Naadiyaa jedhamtuu fi waajjira damee Afriikaa Kibbaatti tajaajiltu akkana jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya qaro dhabeeyyii taʼan jireenya baayʼee ulfaataa taʼe jiraatu: Kanaaf, kun karaan itti isaan gargaaruu isa guddaa akka taʼettan ilaala. Yihowaan baayʼee akka isaan jaallatu kan argisiisu dha.”

Bireeyilii Dubbisuu Baradhu

 Namni qaro dhabeeyyii taʼe tokko bireeyilii dubbisuu hin dandaʼu yoo taʼe hoo? Waggoota muraasa dura barruu Bireeyilii Dubbisuu Baradhu (Learn to Read Braille), jedhamuu fi barreeffama bireeyilii fi maxxansa kan biraa qabate qopheessinee turre. Barruun kun namoota qaroon isaanii akka gaariitti hin argine, akkasumas qaro dhabeeyyii taʼaniif kan qophaaʼe dha. Birooshurri kun meeshaalee namoonni qaro dhabeeyyii taʼan bireeyilii ittiin barreessuu dandaʼan kan qabate dha. Namni bireeyilii baratu tokko meeshaalee kanatti fayyadamuudhaan qubee bireeyilii ittiin barreessuu dandaʼa. Haala kanaan qubee bocuun namni sun salphaatti qubeewwan sana akka hubatu isa gargaara.

“Araada natti Taʼeera”

 Obboloonnii fi obboleettonni qaro dhabeeyyii taʼan barreeffamoota kana irraa faayidaa akkamii argataniiru? Erniis kan jedhamuu fi Haayitii kan jiraatu walgaʼiiwwan gumii irratti argamaa kan ture taʼus barreeffamoota bireeyiliin qophaaʼe hin qabu ture. Kanaafuu kutaawwan barattootaa haasaan dhihaatu akkasumas hirmaannaa kan gadhu wanta sammuutti qabateen qofa ture. Akkana jedheera: “Amma garuu yeroo kamitti iyyuu harka koo baasee deebii kennuu nan dandaʼa. Dhugumaan obbolootaa fi obboleettota koo wajjin tokkummaa akkan qabu natti dhagaʼama. Hundi keenya nyaata hafuuraa tokko sooranna!”

 Jaarsi gumii Yaan jedhamuu fi Austiriyaa jiraatu Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa geggeessu irratti akkana jedheera: “Barreeffamoonni keenya barreeffamoota bireeyilii kaan ani dubbise irraa baayʼee ifaa dha. Fakkeenyaaf fuulli isaa lakkoofsa qaba, salphaatti miiljalee argachuun ni dandaʼama, akkasumas odeeffannoo ibsa fakkii sirriitti qabateera.”

 Qajeelchituun Shiiʼook jedhamtuu fi Kooriyaa Kibbaa jiraattu qaro dhabeettii fi dhagaʼuu kan hin dandeenye dha. Kanaan dura walgaʼiiwwan irratti mallattoo qofatti fayyadamaa kan turte yommuu taʼu amma garuu Kitaaba Qulqulluu bireeyilii qoʼannaa ofii ishiitiin dubbisuu dandeessi. Akkana jetteetti: “Barreeffamoonni bireeyilii kaan mallattoo tuqaa waan hin qabneef, sararawwan jajalʼaa waan qabaniif, akkasumas waraqaa haphii irratti waan barreeffamaniif dubbisuun baayʼee rakkisaa dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu, waraqaa qulqullina qabuu fi tuqaatti fayyadamuudhaan salphaatti akka naaf dubbifamu godhaniiru.” Itti dabaluudhaanis akkana jetteetti: “Kanaan dura barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kan ani qoʼadhu gargaarsa warri kaan naaf godhaniin ture. Amma garuu ofuma kootiinan qoʼadha. Walgaʼiiwwan keenyaaf qophaaʼuu fi guutummaatti hirmaannaa gochuu dandaʼuun koo baayʼee na gammachiisa. Barreeffamoota bireeyilii keenya hunda nan dubbisa. Barreeffamoota kana dubbisuun araada natti taʼeera jechuun ni dandaʼama.”

 Akkuma barreeffamoota keenya kaanii barreeffamoonni bireeyiliidhaan qophaaʼan yaada armaan gadii qabu: “Barreeffamni kun hin gurguramu. Hojii addunyaa maratti Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf adeemsifamu keessaa tokko dha; buusii qarshii namoonni fedhiidhaan kennaniin qophaaʼa.” Karaawwan donate.dan124.com irratti ibsameen buusiiwwan gootaniif baayʼee isin galateeffanna. Buusiin arjummaan gootan qaro dhabeeyyii fi namoota dhagaʼuu hin dandeenye dabalatee namoota hundumaaf nyaata hafuuraa qopheessuuf kan gargaaru dha.

a Barreeffama bireeyilii tokko tokko irratti iddoo qusachuuf jecha jechoonni ni gabaabsamu. Fakkeenyaaf bireeyilii kutaa lammaffaa irratti jechoonnii fi qubeen gabaajeffamaniiru. Kanaafuu, kitaabni bireeyilii kutaa lammaffaatiin barreeffame kitaabuma wal fakkaataa bireeyilii kutaa tokkoffaatiin barreeffame irra xiqqaa dha.