Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 24, 2021
KAANAADAA

Amantii Dinqisiisaa Obboloonni Kaampiiwwan Hojii Humnaa Kaanaadaatti Argisiisan

Amantii Dinqisiisaa Obboloonni Kaampiiwwan Hojii Humnaa Kaanaadaatti Argisiisan

Bara 1946 waqtii bonaatti abbootiin taayitaa Kaanaadaa Dhugaa Baatota Yihowaa dargaggoota turanii fi kaampiiwwan hojiin humnaa itti hojjetamuu keessa turan gadhiisan; kaampiiwwan kun bosona Kaanaadaa keessa iddoo fagoo taʼetti argamu turan. Obboloonni keenya gara 300 taʼan loltuu taʼuuf sammuun isaanii waan isaaniif hin heyyamneef kaampiiwwan hojiin humnaa itti hojjetamu keessatti hojii humnaa akka hojjetan dirqisiifamaniiru. Obboloonni kun haala rakkisaa kana ija jabinaan moʼaniiru, akkasumas yeroo kaampii kana keessaa baʼan hariiroon Yihowaa wajjin qaban cimeera. Obboloonni jaallatamoon kun kaampiiwwan kanaa erga gadhiifamanii barana waggaa 75​ffaa qabataniiru. Doon Maakliin inni obboloota kana keessaa tokko taʼee fi amma iyyuu lubbuudhaan jiru akkas jedheera: “Yeroo waraanaatti wantoonni na mudatan hedduun amantii koo baayʼee cimsaniiru. Yeroon waaʼee isaan yaadadhu hundatti Yihowaan galateeffadha.”