Dhimma ijoo ta'etti seeni

Duʼaa Kaʼuun Maali Dha?

Duʼaa Kaʼuun Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “duʼaa kaʼuu” jedhamee hiikame jecha Afaan Giriikii anaastasiis [a·naʹsta·sis] jedhu irraa kan dhufe yeroo taʼu, hiika “ol kaʼuu” ykn “deebiʼaniin dhaabbachuu” jedhu qaba. Namni duʼaa kaafame tokko eenyummaa isaa isa duraanii utuu hin dhabin gara jireenyaatti deebiʼa.—1 Qorontos 15:12, 13.

 Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa yeroo baayʼee Kakuu Moofaa jedhamanii beekaman keessatti jechi “duʼaa kaʼuu” jedhu argamuu baatus, duʼaa kaʼuu ilaalchisee yaanni barumsa dabarsu garuu jira. Fakkeenyaaf, Waaqayyo karaa Hoseʼaa raajichaa, “Ani humna Awwaalaa jalaa isaan nan baasa; duʼa jalaas isaan nan fura” jedhee waadaa galeera.—Hoseʼaa 13:14; Iyyoob 14:13-15; Isaayyaas 26:19; Daaniʼel 12:2, 13.

 Namoonni duʼaa kan kaafaman eessatti dha? Namoonni muraasni Kiristoos wajjin samii irratti akka bulchaniif duʼaa kaafamu. (2 Qorontos 5:1; Mulʼata 5:9, 10) Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼuu kana “duʼaa kaʼuu isa jalqabaa” jedhee waama; ibsi kun duʼaa kaʼuu kan biraan akka jiru argisiisa. (Mulʼata 20:6; Filiphisiyus 3:11) Namoonni garri caalaan isaanii lafa irra akka jiraataniif duʼaa kaafamu.—Faarfannaa 37:29.

 Namoonni duʼaa kan kaafaman akkamitti? Waaqayyo namoota duʼan duʼaa akka kaasuuf Yesuusiif humna kenneera. (Yohaannis 11:25) Yesuus “warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi,” tokkoon tokkoon isaanii eenyummaa fi yaadannoo isaanii akkuma qabatanitti duʼaa akka kaʼan godha. (Yohaannis 5:28, 29) Namoonni samii irra jiraachuuf duʼaa kaafaman qaama hafuuraa qabaatu; namoonni lafa irra jiraachuuf duʼaa kaafaman immoo qaama foonii fayya buleessa taʼee fi mudaa tokko illee hin qabne qabaatu.—Isaayyaas 33:24; 35:5, 6; 1 Qorontos 15:42-44, 50.

 Namoota akkamiitu duʼaa kaafama? Kitaabni Qulqulluun “qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman” dubbata. (Hojii Ergamootaa 24:15) Namoota qajeeloo kana keessaa tokko tokko Noh, Saaraa fi Abrahaami dha. (Uumama 6:9; Ibroota 11:11; Yaaqoob 2:21) Warra jalʼoota jedhaman keessaa tokko namoota ulaagaalee Waaqayyoo utuu hin guutin hafanii fi ulaagaalee kana baratanii hojii irra oolchuuf carraa hin arganne dha.

 Haa taʼu malee, namoonni garmalee hamoo taʼuu isaaniitiin kan kaʼe jijjiiramuu hin dandeenye duʼaa hin kaafaman. Namoonni akkasii yeroo duʼan, abdii gara jireenyaatti deebiʼuu utuu hin qabaatin bara baraaf balleeffamu.—Maatewos 23:33; Ibroota 10:26, 27.

 Duʼaa kaʼuun yoom raawwatama? Kitaabni Qulqulluun namoonni samii irra akka jiraataniif duʼaa kan kaafaman yeroo argama Kiristoositti akka taʼe raajii dubbata; yeroon kun bara 1914⁠tti jalqabe. (1 Qorontos 15:21-23) Namoonni lafa irra akka jiraataniif duʼaa kan kaafaman immoo yeroo Bulchiinsa Barkumee Yesuus Kiristoositti, jechuunis yeroo lafti gara jannataatti jijjiiramtutti dha.—Luqaas 23:43; Mulʼata 20:6, 12, 13.

 Duʼaa kaʼuutti amanuun sirrii kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun seenaa duʼaa kaʼuu sagal balʼinaan kan ibsu yeroo taʼu, tokkoon tokkoon isaa raga baatotaan kan deggerame dha. (1 Mootota 17:17-24; 2 Mootota 4:32-37; 13:20, 21; Luqaas 7:11-17; 8:40-56; Yohaannis 11:38-44; Hojii Ergamootaa 9:36-42; Hojii Ergamootaa 20:7-12; 1 Qorontos 15:3-6) Keessumaa duʼaa kaʼuun Alaazaar xiyyeeffannaa kan harkisu dha; Alaazaar guyyaa afuriif duʼee kan ture yeroo taʼu, Yesuus duʼaa isa kaasuudhaan dinqii kan raawwates namoota hedduu duratti dha. (Yohaannis 11:39, 42) Diinonni Yesuus illee dhimma kana haaluu hin dandeenye; kanaan kan kaʼes Yesuusii fi Alaazaariin ajjeesuuf karoorfatanii turan.—Yohaannis 11:47, 53; 12:9-11.

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuuf dandeettiis taʼe fedhii akka qabu dubbata. Waaʼee tokkoon tokkoon namaa humna isaa isa gita hin qabneen duʼaa kaasuu yaadannoo isaa isa daangaa hin qabne keessatti qabata. (Iyyoob 37:23; Maatewos 10:30; Luqaas 20:37, 38) Waaqayyo nama duʼe duʼaa kaasuuf dandeettii qofa utuu hin taʼin fedhiis qaba! Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼaa kaʼuu gara fuulduraatti raawwatamuu yeroo dubbatu, “Hojii harka keetiis ni yaadda” jedha.—Iyyoob 14:15.

Yaada dogoggoraa duʼaa kaʼuu ilaalchisee dubbatamu

 Yaada dogoggoraa: Namni tokko yeroo duʼaa kaʼu lubbuu fi foon isaa walitti deebiʼa.

 Dhugaa isaa: Kitaabni Qulqulluun lubbuun kutaa qaamaa duʼa irraa oolu utuu hin taʼin namuma akka taʼe dubbata. (Uumama 2:7, miiljalee; Hisqiʼel 18:4) Namni tokko yeroo duʼaa kaafamu lubbuun isaa itti hin deebifamu; kanaa manaa, lubbuu jiraataa godhamee akka haaraatti uumama.

 Yaada dogoggoraa: Namoonni tokko tokko duʼaa erga kaafamanii booda yeruma sana balleeffamu.

 Dhugaa isaa: Kitaabni Qulqulluun “warri wanta hamaa hojjetan duʼaa kaʼuu murtii” akka argatan dubbata. (Yohaannis 5:29) Haa taʼu malee, murtiin kun kan hundaaʼu wanta duʼuu isaanii dura raawwatan irratti utuu hin taʼin, wanta erga duʼaa kaʼanii booda raawwatan irratti dha. Yesuus, ‘warri duʼan sagalee Ilma Waaqayyoo akka dhagaʼan, warri isa dhagaʼanis akka jiraatan’ dubbateera. (Yohaannis 5:25) Warri wanta erga duʼaa kaafamanii booda baratan “dhagaʼan,” jechuunis ajajamoo taʼan, maqaan isaanii “kitaaba jireenyaa” keessatti ni barreeffama.—Mulʼata 20:12, 13.

 Yaada dogoggoraa: Namni tokko yeroo duʼaa kaafamu qaamuma duʼuu isaa dura qabutu isaaf deebiʼa.

 Dhugaa isaa: Namni tokko erga duʼee booda qaamni isaa ni caccaba, akkasumas ni bada.—Lallaba 3:19, 20.