Mulʼata Yohaannis 20:1-15

  • Seexanni waggaa 1,000f ni hidhame (1-3)

  • Warra Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f bulchan (4-6)

  • Seexanni ni hiikama, achiis ni balleeffama (7-10)

  • Warri duʼan teessoo adii duratti murtiin isaaniif kenname (11-15)

20  Anis maleekaan furtuu qilee+ qabuu fi funcaa guddaa harkatti qabate tokko yommuu samii keessaa gad buʼu nan arge.  Inni jawwicha,+ jechuunis bofa isa jalqabaa+ isa Diyaabilosii+ fi Seexana+ taʼe qabee waggaa 1,000f hidhe.  Hamma waggaan 1,000 sun xumuramutti sana booda saboota akka hin dogoggorsineef, qilee+ keessatti isa darbatee itti cufe; chaappaas irratti godhe. Sana booda yeroo gabaabaadhaaf gadhiifamuu qaba.+  Achiis teessoowwan nan arge, warri isaan irra taaʼanis akka murteessaniif aangoon isaaniif ni kenname. Eeyyee, lubbuu* warra Yesuusiif waan dhugaa baʼaniif, akkasumas waaʼee Waaqayyoo waan dubbataniif ajjeefamanii,* lubbuu warra bineensicha yookiin bifa fakkeenyaa isaa hin waaqeffannee, akkasumas mallattoo bineensichaa adda isaanii fi harka isaanii irratti hin fudhannee nan arge.+ Isaan gara jireenyaatti deebiʼanii mootota taʼanii Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f bulchan.+  (Warra duʼan+ keessaa kanneen hafan garuu hanga waggaan 1,000 sun xumuramutti gara jireenyaatti hin deebine.) Kun duʼaa kaʼuu isa jalqabaa ti.+  Warri duʼaa kaʼuu isa jalqabaa keessaa qooda qaban hundi gammadoo fi qulqulloota dha;+ duuti inni lammaffaan+ isaan irratti aangoo hin qabu;+ kanaa mannaa, isaan luboota+ Waaqayyoo fi luboota Kiristoos taʼu; mootota taʼaniis waggaa 1,000f isaa wajjin ni bulchu.+  Akkuma waggaan 1,000 sun xumurameenis Seexanni iddoo itti hidhame sanaa ni gadhiifama;  achiis inni saboota golee lafaa arfanitti argaman, Googii fi Maagoogiin dogoggorsuuf, waraanaafis walitti isaan qabuuf ni baʼa. Lakkoofsi isaaniis akka cirracha galaanaa ti.  Isaan guutummaa lafaa irra tamsaʼanii buufata warra qulqullootaa fi magaalaa jaallatamtuu sanatti ni marsan. Taʼus, ibiddi samii irraa buʼee isaan fixe.+ 10  Diyaabilos inni isaan dogoggorsaa tures haroo ibiddaa fi dinyii keessatti, bakka bineensichii+ fi raajii sobduun sun jiranitti darbatame;+ isaan baraa hamma bara baraatti halkanii fi guyyaa dhiphatu.* 11  Anis teessoo adii guddaa fi isa teessicha irra taaʼe sana nan arge.+ Laftii fi samiin isa duraa baqatan,+ iddoonis isaaniif hin argamne. 12  Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti.+ Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+ 13  Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis* warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan; isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+ 14  Duutii fi Awwaalli* haroo ibiddaa keessatti darbataman.+ Haroon ibiddaa+ kun duʼa isa lammaffaa+ argisiisa. 15  Kana malees, kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamee kan hin argamne+ hundi haroo ibiddaa sana keessatti darbatame.+

Miiljaleewwan

Ibsa Jechootaa fi milj. Mul 6:9 ilaali.
Kal., “qottoodhaan ajjeefamanii.”
Ykn., “ittifamu; hidhamu.”
Ykn., “Haadisis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Haadis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.