Dhimma ijoo ta'etti seeni

Qumaarri Cubbuu Dhaa?

Qumaarri Cubbuu Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee qumaaraa balʼinaan kan hin ibsine taʼus, Waaqayyo qumaara akka cubbuutti akka ilaalu qajeelfamawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irraa hubachuu dandeenya.—Efesoon 5:17. a

  •   Qumaarri gocha namni tokko sassata isa Waaqayyo biratti jibbisiisaa taʼeen kakaʼee raawwatu dha. (1 Qorontos 6:9, 10; Efesoon 5:3, 5) Namoonni qumaara taphatan kasaaraa warra kaaniitiin buʼaa argachuuf abdatu; Kitaabni Qulqulluun garuu qabeenya warra kaanii hawwuu ni balaaleffata.—Baʼuu 20:17; Roomaa 7:7; 13:9, 10.

  •   Maallaqa xinnoodhaan illee qumaara taphachuun namni tokko jaalala maallaqaa isa miidhaa geessisuun akka qabamu gochuu dandaʼa.—1 Ximotewos 6:9, 10.

  •   Namoonni qumaara taphatan yeroo baayʼee humna addaatti ykn milkiitti amanamu. Haa taʼu malee, Waaqayyo amantii akkasii akka waaqolii tolfamoo waaqeffachuutti ilaala; kun immoo waaqeffannaa isaa wajjin wal faallessa.—Isaayaas 65:11.

  •   Kitaabni Qulqulluun akkasumaan waa argachuuf hawwuu mannaa, jabaannee akka hojjennu nu jajjabeessa. (Lallaba 2:24; Efesoon 4:28) Namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu hordofan ‘wanta ofiin hojjetanii argatan nyaachuu’ dandaʼu.—2 Tasalonqee 3:10, 12.

  •   Qumaara taphachuun morkii dogoggoraa Kitaabni Qulqulluun balaaleffatu kakaasuu dandaʼa.—Galaatiyaa 5:26.

a Waaʼeen qumaaraa Kitaaba Qulqulluu keessatti kan ibsame loltoota Roomaa warra ofittummaadhaan uffata Yesuus irratti carraa buufatan wajjin haala wal qabateen qofa dha.—Maatewos 27:35; Yohaannis 19:23, 24.