Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Qumaara

Qumaara

Namoonni tokko tokko qumaara akka bashannana gaarii taʼetti ilaalu; tokko tokko garuu gocha gadhee balaa geessisu akka taʼetti ilaalu.

Qumaara taphachuun dogoggora dhaa?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni hedduun, qumaarri karaa seera qabeessa taʼeen hamma taphatametti bashannana miidhaa hin qabne dha jedhu. Lootarii mootummaan qopheessu dabalatee taphawwan qumaaraa seera qabeessa taʼan tokko tokko, galii wantoota uummata fayyadan hojjechuuf gargaaru argamsiisu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun waaʼee qumaaraa kallattiidhaan hin dubbatu. Taʼus, yaadawwan Waaqayyo qumaaraaf ilaalcha akkamii akka qabu nu hubachiisan qabateera.

Qumaarri, jechuunis kasaaraa namoota kaaniitiin qarshii argachuun akeekkachiisa Macaafni Qulqulluun, “Sassata hundumaattiis of eeggadhaa!” jechuudhaan kennuu wajjin wal faallessa. (Luqaas 12:15) Qumaara taphachuuf kan nama kakaasu sassata dha. Dhaabbileen qumaara taphachiisan hawwiin namoonni qabeenya argachuuf qaban mana qumaaraatti qarshii hedduu qabsiisuuf akka isaan kakaasu beeku. Kanaafuu, carraan namni tokko moʼuuf qabu baayʼee xinnoo taʼuu isaa dhoksuudhaan, namoonni moʼanii qabeenya baayʼee akka argatan beeksisu. Qumaarri, namoonni sassata irraa akka of eegan gargaaruu mannaa, karaa salphaa taʼeen qarshii argachuuf akka hawwan godha.

Qumaarri tapha qarshii namoota kan biraa fudhachuuf taphatamu waan taʼeef, ofittummaa irratti kan hundaaʼe dha. Macaafni Qulqulluun garuu, ‘namni waan isatti tolu utuu hin taʼin, waan nama kan biraatti tolu akka barbaadu’ jajjabeessa. (1 Qorontos 10:24) Akkasumas, Abboommii Kurnan keessaa tokko, “Waanuma kan isaa taʼe [nama] duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!” jedha. (Baʼuu 20:17) Namni qumaara taphatu tokko moʼuuf yeroo hawwu, ofii isaatiif faayidaa argachuuf jecha namoonni kaan qarshii isaanii akka dhaban hawwaa jira jechuu dha.

Macaafni Qulqulluun carraa, humna dhokataa eebba argamsiisu akka taʼetti ilaaluun sirrii akka hin taane hubachiisa. Israaʼel durii keessa namoonni Waaqayyo irratti amantii dhabuudhaan ‘waaqayyolii milkiitiif maaddii qopheessuu’ jalqaban jiru turan. ‘Waaqayyolii milkiitiif’ waaqeffannaa akkasii dhiheessuun Waaqayyo biratti fudhatama qaba turee? Lakki! Waaqayyo, “Isin wanta ana duratti hamaa taʼe hojjettan, wanta ana hin gammachiifnes gootan” isaaniin jedheera.—Isaayaas 65:11, 12.

Dhugaa dha, naannoo tokko tokkotti, galiin qumaara seera qabeessa taʼe irraa argamu barumsaaf, guddina dinagdeetiif, akkasumas sagantaawwan hawaasa fayyadan kan biraatiif ni oola. Taʼus, galiin kun faayidaa kanaaf kan oolu taʼuun isaa, karaa qarshichi itti argame irratti jijjiirama hin fidu; qarshiin kun kan argamu gocha sassataa fi ofittummaa, akkasumas namoonni homaa utuu hin dhamaʼin qarshii akka argatan ifatti jajjabeessuuni dha.

“Waanuma kan isaa taʼe [nama] duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!”Baʼuu 20:17.

Qumaarri nama qumaara taphatu irratti miidhaa akkamii geessisa?

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun akkana jechuudhaan akeekkachiisa: “Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baayʼee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu.” (1 Ximotewos 6:9) Qumaarri sassata irratti kan hundaaʼe dha; sassanni immoo suuta suuta miidhaa cimaa waan geessisuuf Macaafni Qulqulluun “sassati” amalawwan irraa fagaachuu qabnu keessaa tokko akka taʼe ibseera.—Efesoon 5:3.

Qumaarri wanta karaa gabaabaa taʼeen qabeenya argachuuf raawwatamu waan taʼeef jaalala qarshii jajjabeessa; jaalalli qarshii immoo akka Macaafni Qulqulluun jedhutti “hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha.” Qarshii argachuuf hawwii guddaa qabaachuun salphaatti jireenya nama tokkoo toʼachuu fi dhiphinatti nama geessuu, akkasumas amantii namni tokko Waaqayyo irratti qabu balleessuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun namoota jaalala qarshiitiin qabaman, akka ‘waraansa baayʼeedhaan of waraananitti’ ibsa.—1 Ximotewos 6:10.

Sassanni namoonni waan qabanitti akka hin quufne godha; kun immoo gammachuu isaan dhabsiisa. “Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu.”—Lallaba 5:10.

Namoota qumaara taphatan keessaa miliyonaan kan lakkaaʼaman, araada qumaaraa hamaa taʼeen qabamaniiru. Rakkinni kun baayʼee kan babalʼate siʼa taʼu, Yunaayitid Isteetis keessatti qofa tilmaamaan namoonni miliyonaan lakkaaʼaman araada qumaaraatiin qabamaniiru.

Fakkeenyi tokko, “Qabeenyi dhaalaan dhufu jalqabatti dafee argamuu [ykn sassataan argamuu] in dandaʼa; dhumni isaa garuu eebba hin qabu” jedha. (Fakkeenya 20:21) Qumaarri namoota araada isaatiin qabaman liqiitti galcheera, kasaarseera, akkasumas hojii, gaaʼelaa fi michoota isaanii isaan dhabsiiseera. Namni tokko qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojii irra oolchuun isaa, miidhaa qumaarri jireenyaa fi gammachuu isaa irratti geessisu irraa akka of eegu isa gargaara.

“Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baayʼee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu.”1 Ximotewos 6:9.