Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Siyaasa Keessa Kan Hin Seenne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Siyaasa Keessa Kan Hin Seenne Maaliifi?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa kan hin seenne sababii amantiisaanii, jechuunis wanta Macaafni Qulqulluun jedhurraa kaʼuudhaani. Namoonni aangoo qaban jijjiirama tokko akka godhaniif dhiibbaa isaan irratti hin goonu, paartilee siyaasaas taʼe kaadhimamtoota hin filannu, dhaabbata siyaasaa keessatti filatamuuf hin dhihaannu ykn sochii mootummaa jijjiiruuf godhamu kamirrattiyyuu hin hirmaannu. Karaa kana hordofuu keenyatti Macaafni Qulqulluun akka nu deggeru amanna.

  •   Fakkeenya Yesus isa aangoo siyaasaa fudhachuu didee hordofna. (Yohannis 6:​15) Duuka buutonnisaa “kan biyya lafaa” akka hin taane barsiiseera, akkasumas dhimma siyaasaa keessa seenuu akka hin qabne ifa godheera.​—Yohannis 17:14, 16; 18:36; Maarqos 12:13-​17.

  •   Mootummaa Waaqayyoo isa Yesus, “Wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama.” jedhee dubbateef amanamoo dha. (Maatewos 24:14) Mootummaa Waaqayyoo kan bakka buuneefi dhufaatiisaa akka lallabnuuf kan ergamne waan taaneef, biyya keessa jiraannu dabalatee dhimmoota siyaasaa biyyoota hundumaa irraa walaba taanee jiraanna.​—2 Qorontos 5:​20; Efesoon 6:​20.

  •   Siyaasarraa walaba taʼuudhaan namoota siyaasaa hundumaaf waaʼee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu dandeenyeerra. Rakkina addunyaa kanaa kan furu Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe jecha keenyaanis taʼe akkaataa jireenyaa keenyaan argisiisuuf yaalla.​—Faarfannaa 56:11.

  •   Gama siyaasaatiin waan wal hin qoqqoodneef, obbolummaa addunyaa maraatiin tokko taaneerra. (Qolosaayis 3:​14; 1 Phexros 2:​17) Faallaa kanaatiin, amantiiwwan siyaasa keessa seenaan miseensotasaanii karaa siyaasaa qoqqoodaniiru.​—1 Qorontos 1:​10.

 Bulchitoota kabajuu. Siyaasarraa walaba taanus, abbootii taayitaa biyya nuti keessa jiraannu keessa jiraniif ni abboomamna. Kunimmoo ajaja Macaafa Qulqulluu isa, “Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu” jedhuu wajjin kan wal simudha. (Roomaa 13:1) Seeraaf ni bitamna, gibira ni kaffalla, akkasumas yaalii mootummaan lammiiwwan isaatiif wanta barbaachisu guutuuf godhu ni deggerra. Yaalii mootummaa garagalchuuf godhamurratti hirmaachuu mannaa, gorsa Macaafni Qulqulluun “moototaaf, biyya bulchuu keessatti warra aboo qaban hundumaafis” akka kadhannuuf nuu kenne hojiirra oolchina. Keessumaa kana kan goonuu murtooowwan mirga amantii wajjin walqabatan yeroosaan godhanitti.​—1 Ximotewos 2:​1, 2.

 Dhimma siyaasaa ilaalchisee murtoo mataasaanii gochuuf mirga namoonni kaan qabanis ni kabajna. Fakkeenyaaf, yeroo filannoon godhamutti fashaleessuuf hin yaallu; akkasumas namoota filachuuf murteessan hin dhorkinu.

 Siyaasarraa walaba taʼuun bara keenyatti jalqabamee? Lakki. Ergamoonni Yesusis taʼan Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, mootummaa wajjin haala wal qabateen ejjennoo akkasii qabu turan. Kitaabni Beyond Good Intentions jedhamu akkas jedheera: “Bulchitoota mootummaaf abboomamuu akka qaban amanaa kan turan taʼus, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa dhimmoota siyaasaa keessatti hirmaachuutti hin amanan turan.” Haaluma wal fakkaatuun, kitaabni On the Road to Civilization jedhamus Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ‘waajjiraalee siyaasaa keessa seenanii hojjechaa akka hin turre’ dubbateera.

 Siyaasarraa walaba taʼuun keenya nageenya sabootaatiif gufuu kan taʼudhaa? Lakki. Lammiilee nagaa jaallannu waan taaneef wanti abbootii taayitaa sodaachisu tokkoyyuu hin jiru. Gabaasa bara 2001tti National Academy of Sciences of Ukraine baase ilaali. Gabaasni kun siyaasa keessa seenuu dhiisuu keenya ilaalchisee akkas jedheera: “Yeroo harʼaa tarii namoonni tokko tokko ejjennoo Dhugaa Baatota Yihowaa kana jaallachuu dhiisuu dandaʼu; yeroowwan darbanitti bulchiinsa abbaa irree Naaziifi Kooministii keessatti dhiibbaan irra gaʼaa kan tures kanaafidha.” Bulchiinsa Sooviyeetiin yeroo cunqurfamanittillee, Dhugaa Baatonni “lammiilee seera kabajan taʼanii itti fufaniiru. Amanamummaadhaan, akkasumas ofittummaarraa walaba taʼuudhaan lafa qonnaarrattiifi warshaalee gurguddaa keessatti hojjetaniiru; bulchiinsa Kooministiitti gufuu hin taane.” Gabaasni sun amantiifi akkaataan jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa, “nageenyaafi tokkummaa biyya tokkoo kan hirʼisu miti” jechuudhaan xumureera; yeroo harʼaas akkasumadha.