Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNA 47

Jaalala Waliif Qabnu Cimsachuu Keenya Itti haa Fufnu

Jaalala Waliif Qabnu Cimsachuu Keenya Itti haa Fufnu

“Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu; sababiin isaas, jaalalli Waaqayyo irraa madda.”—1 YOH. 4:7.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

QABIYYEE a

1-2. (a) Phaawulos ergamaan jaalalli amaloota kaanirra akka “caalu” kan dubbate maaliifi? (b) Gaaffilee kamfaa qorra?

 PHAAWULOS ergamaan waaʼee amantii, abdii fi jaalalaa erga dubbatee booda “[amaloota kana] keessaa inni caalu garuu jaalala” akka taʼe ibseera. (1 Qor. 13:13) Phaawulos akkas kan jedhe maaliifi? Gara fuulduraatti, Waaqayyo waadaawwan gale hunda erga raawwatee booda, waadaa addunyaa haaraa fiduuf galerratti amantii qabaachuun ykn waadaa kana akka raawwatu abdachuun nu hin barbaachisu. Taʼus, yeroo hundumaa Yihowaa fi namootaaf jaalala qabaachuun nu barbaachisa. Jaalalli isaaniif qabnu bara baraaf guddachuu isaa itti fufa.

2 Yeroo hunda jaalala qabaachuun waan nu barbaachisuuf mee gaaffilee sadii haa qorru. Tokkoffaa, wal jaallachuu kan qabnu maaliifi? Lammaffaa, jaalala walitti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Sadaffaa, jaalala waliif qabnu cimsachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

WAL JAALLACHUU KAN QABNU MAALIIFI?

3. Sababiiwwan wal jaallachuuf nu kakaasan kamfaʼi?

3 Wal jaallachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Sababiin inni tokko, jaalalli Kiristiyaanota dhugaa adda baasee kan beeksisu taʼuu isaati. Yesuus ergamoota isaatiin, “Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Kana malees, wal jaallachuun keenya tokkummaa qabaachuuf nu gargaara. Phaawulos, “Jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha” jedheera. (Qol. 3:14) Sababii guddaan wal jaallachuuf nu kakaasu kan biraanis jira. Yohaannis ergamaan, “Namni Waaqayyoon jaallatu hundi obboleessa isaas jaallachuu qaba” jechuudhaan obboloota isaatiif barreesseera. (1 Yoh. 4:21) Yeroo jaalala walitti argisiisnu Yihowaas akka jaallannu argisiisna.

4-5. Jaalalli Waaqayyoof qabnu jaalala waliif qabnu wajjin kan wal qabatu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

4 Jaalalli Waaqayyoof qabnu jaalala obboloota keenyaaf qabnu wajjin kan wal qabatu akkamitti? Mee walitti dhufeenya onnee keenyaa fi kutaalee qaamaa keenyaa kan biroo gidduu jiru akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ogeessi fayyaa tokko rukuttaan onnee keenyaa dadhabaa ykn cimaa taʼuu isaa beekuuf harka keenya yeroo ilaalu onneen keenya haala akkamiirratti akka argamu hamma tokko beekuu dandaʼa. Kun jaalala wajjin kan wal qabatu akkamitti?

5 Akkuma doktarri tokko rukuttaa onnee keenyaa ilaaluun isaa haala onnee keenyaa hamma tokko beekuuf isa dandeessisu, jaalala warra kaaniif qabnu qoruun keenyas jaalalli Waaqayyoof qabnu hammam cimaa akka taʼe beekuuf nu dandeessisa. Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu hamma tokko akka hirʼate yoo hubanne, tarii kun jaalalli Waaqayyoof qabnus hirʼachaa akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo hunda obboloota keenyatti jaalala kan argisiisnu yoo taʼe garuu, kun jaalalli Waaqayyoof qabnus cimaa akka taʼe argisiisa.

6. Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu hirʼachaa jira taanaan kun nu yaaddessuu kan qabu maaliifi? (1 Yohaannis 4:7-9, 11)

6 Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu hirʼachaa jira taanaan kun nu yaaddessuu qaba. Maaliif? Kun taʼuun isaa karaa hafuuraa balaarra akka jirru kan argisiisu waan taʼeefi. Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jedhee yeroo barreessetti kana ifa godheera. (1 Yoh. 4:20) Kanarraa maal baranna? Yihowaa gammachiisuu kan dandeenyu yoo ‘wal jaallanne’ qofadha.—1 Yohaannis 4:7-9, 11 dubbisi.

JAALALA WALITTI ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

7-8. Karaawwan jaalala waliif qabnu argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

7 Dubbiin Waaqayyoo irra deddeebiʼee ajaja, “Wal jaalladhaa” jedhu nuuf kenna. (Yoh. 15:12, 17; Rom. 13:8; 1 Tas. 4:9; 1 Phe. 1:22; 1 Yoh. 4:11) Haa taʼu malee, jaalalli miira garaa keenya ykn keessa keenya jirudha; namni garaa keenya arguu dandaʼummoo hin jiru. Maarree, jaalalli waliif qabnu akka mulʼatu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii fi gocha keenyaani.

8 Karaa garaagaraatiin jaalala obboloota keenyaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Fakkeenyonni muraasni kanatti aananii ibsamaniiru: “Walii keessanitti dhugaa dubbadhaa.” (Zak. 8:16) “Walii wajjin nagaa qabaadhaa.” (Mar. 9:50) “Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.” (Rom. 12:10) “Wal simadhaa.” (Rom. 15:7) “Tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.” (Qol. 3:13) “Baʼaa walii baachuu keessan itti fufaa.” (Gal. 6:2) “Wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.” (1 Tas. 4:18) “Wal ijaaruu keessan itti fufaa.” (1 Tas. 5:11) “Waliif kadhadhaa.”—Yaq. 5:16.

Obboloota dhiphina keessa jiran gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 7-9 ilaali) )

9. Warra kaan jajjabeessuun karaa jaalala keenya itti argisiisnu isa guddaadha kan jennu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

9 Mee karaa jaalala keenya itti argisiisuu dandeenyuu fi keeyyata darbe keessatti ibsame tokko haa ilaallu. Gorsa Phaawulos, “Wal jajjabeessuu keessan itti fufaa” jechuudhaan kenne qorra. Warra kaan jajjabeessuun karaa guddaa jaalala itti argisiisnu kan taʼe maaliifi? Barreeffamni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko akka ibsetti jechi “jajjabeessuu” jedhuu fi Phaawulos itti fayyadame “nama qorumsa cimaa keessa jiru jajjabeessuuf isa cinaa dhaabbachuu” argisiisa. Kanaafuu, obboleessa dhiphina keessa jiru tokko yeroo jajjabeessinu, ol jedhee daandii jireenyaarra deemuu isaa akka itti fufu isa gargaarra. Yeroo obboloota keenya dhiphatan jajjabeessinu hundatti jaalala isaanitti argisiisaa jirra jechuudha.—2 Qor. 7:6, 7, 13.

10. Gara laafina qabaachuunii fi jajjabina kennuun walitti dhufeenya akkamii qaba?

10 Warra kaaniif garaa laafuunii fi isaan jajjabeessuun baayʼee wal qabata. Akkamitti? Namni gara laafessa taʼe tokko warra kaan jajjabeessuu fi rakkina isaaniirraa boqonnaa akka argatan isaan gargaaruuf carraaqqii godha. Kanaafuu, gara laafina yoo qabaanne warra kaan jajjabeessuuf kakaana. Phaawulos Yihowaan namootaaf gara laafina qabaachuun isaa isaan jajjabeessuuf kan isa kakaasu akkamitti akka taʼe ibseera. Waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” jedheera. (2 Qor. 1:3) Waaqayyo namootaaf “gara laafina guddaa” waan qabuuf, Abbaa ykn madda gara laafina guddaa akka taʼetti ibsameera. Gara laafinni kunimmoo “rakkina keenya hundumaa keessatti” nu jajjabeessuuf isa kakaasa. (2 Qor. 1:4) Akkuma bishaan qulqulluun burqaa keessaa yaaʼu nama dheebote dheebuu baasu, Yihowaanis namoota dhiphatan ni haaromsa, akkasumas ni jajjabeessa. Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan warra kaaniif garaa laafuu fi isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko amaloota gara laafina qabaachuu fi warra kaan jajjabeessuuf nu kakaasan horachuudha. Amaloota kana keessaa tokko tokko kamfaʼi?

11. Akka Qolosaayis 3:12 fi 1 Pheexiros 3:8 irratti ibsametti, amaloonni warra kaan jaallachuu fi isaan jajjabeessuuf nu kakaasan kan biroon kamfaʼi?

11 Jaalala guyyaa guyyaadhaan ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuuf’ nu barbaachisu horachuuf maaltu nu gargaara? Amaloota kanneen akka miira warra kaanii hubachuu, jaalala obbolummaa fi gaarummaa jiran horachuu qabna. (Qolosaayis 3:12; 1 Pheexiros 3:8 dubbisi.) Amaloonni kun kan nu gargaaran akkamitti? Gara laafinnii fi amaloonni kanaa wajjin wal qabatan kutaa eenyummaa keenyaa yommuu taʼan warra dhiphina keessa jiran jajjabeessuuf kakaana. Akkuma Yesuus jedhe, “afaan wanta garaa keessa guute dubbata. Namni gaariin wanta gaarii kuufate keessaa wantoota gaggaarii gad baasa.” (Mat. 12:34, 35) Karaan jaalala obboloota keenyaaf qabnu argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan yeroo isaan barbaachisutti isaan jajjabeessuudha.

JAALALA WALIIF QABNU CIMSACHUU KEENYA ITTI FUFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

12. (a) Jaalalli waliif qabnu akka hin qabbanoofne of eeggachuu kan qabnu maaliifi? (b) Amma gaaffii kamirratti mariʼanna?

12 Hundi keenyayyuu “wal jaallachuu keenya itti [fufuu]” barbaanna. (1 Yoh. 4:7) Haa taʼu malee, akeekkachiisa Yesuus, “Jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa” jechuudhaan kenne yaadachuu qabna. (Mat. 24:12) Yesuus barattoonni isaa hedduun jaalala walitti argisiisuu akka dhiisan dubbachuu isaa hin turre. Taʼus, addunyaan jaalala hin qabne kun dhiibbaa akka nurratti hin goone of eeggachuu qabna. Kana sammuutti qabachuudhaan mee gaaffii barbaachisaa taʼe kanarratti haa mariʼannu: Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu cimaa taʼuu fi dhiisuu isaa karaan itti qoruu dandeenyu jiraa?

13. Wanti jaalala keenya qoruu dandaʼu maalidha?

13 Karaan jaalalli keenya hammam cimaa akka taʼe beekuu itti dandeenyu tokko jireenya keenya keessatti haalawwan tokko tokko yeroo nu mudatan maal akka goonu qoruudha. (2 Qor. 8:8) Pheexiros ergamaan haalawwan akkasii keessaa tokko akkana jechuudhaan ibseera: “Hunda caalaa . . . jaalala guddaa waliif qabaadhaa; sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Phe. 4:8) Kanaafuu, dadhabinnii fi mudaan warra kaanii jaalala keenya qoruu dandaʼa.

14. Akka 1 Pheexiros 4:8 jedhutti, jaalala akkamii horachuu qabna? Fakkeenyaan ibsi.

14 Mee wanta Pheexiros dubbate gadi fageenyaan haa qorru. Lakkoofsi 8 garri jalqabaa jaalalli nuti waliif qabaachuu qabnu “jaalala guddaa” taʼuu akka qabu dubbata. Jechi Pheexiros itti fayyadamee fi “guddaa” jedhamee hiikame kallattiidhaan “kan addaan harkifamu” jechuudha. Caqasichi gara dhumaarratti jaalalli guddaan maal akka raawwatu ibsa. Cubbuu obboloota keenyaa haguuga. Kana fakkeenyaan ibsuuf, jaalala keenya harka lamaan qabnee akkuma huccuu addaan harkifamuutti hamma balleessaa tokko ykn lama qofa haguugutti utuu hin taʼin, hamma “cubbuu hedduu” haguugutti addaan harkisna jechuudha. Jechi ‘haguuguu’ jedhu yaada dhiifama gochuu jedhu akka gaariitti ibsa. Akkuma huccuun tokko wanta xurii qabu haguuguu dandaʼu, jaalallis dadhabinaa fi mudaa warra kaanii haguuguu ni dandaʼa.

15. Obboloota keenyaaf jaalala guddaa qabaachuun keenya maal gochuuf nu dandeessisa? (Qolosaayis 3:13)

15 Yeroo tokko tokko carraaqqii guddaa gochuun kan nu barbaachisu yoo taʼellee, jaalalli keenya obboloota keenyaaf dhiifama gochuuf kan nu dandeessisu taʼuu qaba. (Qolosaayis 3:13 dubbisi.) Warra kaaniif dhiifama gochuu yoo dandeenye, jaalalli keenya cimaa akka taʼee fi Yihowaa gammachiisuu akka barbaannu argisiisna. Warri kaan yeroo amala nu aarsu argisiisanittii fi balleessaa raawwatanitti irra isaaniif darbuuf wanti nu gargaaru kan biraan maalidha?

Suuraa gaarii hin taane balleessinee suuraa gaarii taʼe akkuma kaaʼannu, yeroo obboloota keenya wajjin dabarsine ilaalchisees yaadannoo gaarii hin taane irraanfannee wanta gaarii taʼe yaadachuu barbaanna (Keeyyata 16-17 ilaali) )

16-17. Dogoggora xixinnoo warri kaan raawwatan bira darbuuf wanti nu gargaaru kan biraan maalidha? Fakkeenyaan ibsi. (Fakkichas ilaali.)

16 Dadhabina obboloonni kee qabanirratti utuu hin taʼin amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffadhu. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Obboloota muraasa wajjin yeroo dabarsaa akka jirtu godhii yaadi. Yeroo gaarii erga waliin dabarsitanii booda dhumarratti suuraa wajjin kaʼuuf yaadde. Suuraan inni jalqabaa gaarii taʼuu dhiisuu waan dandaʼuuf, maalumaafuu suuraa sadii kaaste. Kanaafuu, amma suuraa sadii qabda. Suuraa isa tokkorratti garuu obboleessi tokko nyaara guuree akka jiru hubatte. Maarree, suuraa kana maal goota? Suuraa obboleessa sana dabalatee hundi keessaniyyuu seeqxanii kaatan kan biraa lama waan qabduuf suuraa sana ni balleessite.

17 Mee ammammoo suuraa filatte sana wanta yaadachuu barbaannu wajjin wal bira haa qabnu. Yeroo baayʼee yeroo obboloota keenya wajjin dabarsine yaadachuun nu gammachiisa. Haa taʼu malee, yeroowwan akkasii keessaa isa tokkorratti obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta nu mufachiisu dubbatanii ykn raawwatanii taʼuu dandaʼa. Maarree, maal gochuu qabna? Akkuma suuraa gaarii hin taane sana balleessinutti yaadannoo gaarii hin taane kanas sammuu keenya keessaa balleessuuf yaaluu hin qabnuu? (Fak. 19:11; Efe. 4:32) Yeroo nama sana wajjin dabarsine ilaalchisee wanta gaarii yaadannu hedduu waan qabnuuf, balleessaa xinnoo raawwate sana irraanfachuu ni dandeenya. Yaadannoowwan akkasiitiif iddoo guddaa waan kenninuuf sammuu keenya keessaa balleessuu hin barbaannu.

JAALALLI KEESSUMAA YEROO HARʼAATTI BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

18. Mata duree kana keessatti jaalala ilaalchisee barumsawwan guguddaa kamfaa arganne?

18 Jaalala waliif qabnu cimsachuu keenya itti fufuu kan barbaannu maaliifi? Akkuma olitti ilaalle obboloota keenyatti jaalala yeroo argisiisnu Yihowaa akka jaallannu argisiisna. Maarree, obboloota keenya akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko isaan jajjabeessuudha. Gara laafina yoo waliif qabaanne ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuu’ ni dandeenya. Jaalala waliif qabnu cimsachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Balleessaa warra kaaniitiif dhiifama gochuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaani.

19. Keessumaa yeroo harʼaatti jaalala waliif qabnu argisiisuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

19 Keessumaa yeroo harʼaatti jaalala walitti argisiisuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Pheexiros akkana jechuudhaan sababa isaa ibseera: “Dhumni wantoota hundumaa dhihaateera. Kanaafuu . . . jaalala guddaa waliif qabaadhaa.” (1 Phe. 4:7, 8) Dhumni addunyaa hamaa kanaa dhihaachaa yeroo deemu maaltu taʼa? Yesuus duuka buutota isaa ilaalchisee raajii, “Maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu” jedhu dubbateera. (Mat. 24:9) Jibba akkasii dandamachuuf tokkummaa qabaachuu qabna. Obboloota keenya kan jaallannu yoo taʼe Seexanni yoomiyyuu nu qoqqooduu hin dandaʼu; sababiin isaas, jaalalli “tokkummaadhaan namoota walitti hidha.”—Qol. 3:14; Filp. 2:1, 2.

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

a Yeroo kamiyyuu caalaa amma jaalala obboloota keenyaaf qabnu argisiisuun keenya barbaachisaadha. Akkas kan jennu maaliifi? Caalaatti jaalala argisiisuu kan dandeenyuhoo akkamitti?