Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbii Waaqayyoo Irraa Baradhu

AKKAATAA CAQASA KITAABA QULQULLUU BAAFACHUUN ITTI DANDAʼAMU

Kitaabni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 kan qabu yeroo taʼu, kutaa lamatti hirama; isaanis Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraam (“Kakuu Moofaa”), akkasumas Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii (“Kakuu Haaraa”) dha. Kitaabonni hundi boqonnaa fi lakkoofsaan qoqqoodamaniiru. Caqasni yeroo caqasamu lakkoofsi maqaa kitaabichaatti aanee jiru boqonnaa kan argisiisu yeroo taʼu, inni boqonnaatti aanee jiru immoo lakkoofsa ykn lakkoofsota argisiisa. Fakkeenyaaf, Uumama 1:1 jechuun Uumama boqonnaa 1, lakkoofsa 1 jechuu dha.