Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 2

Waaʼee Waaqayyoo Barachuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan akka eegduuf, kitaabni Seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin; halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi; akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.”

Iyyaasuu 1:8

“Isaanis kitaabicha irraa, jechuunis Seera Waaqa dhugaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisuudhaan, karaa ifa taʼeen isaaniif ni ibsu, akkasumas hiika wanta dubbifame sanaa ifa isaaniif godhu turan; akka kanaan, isaan wanta dubbifame akka hubatan namoota sana ni gargaaran.”

Nahimiyaa 8:8

“Namni akka gorsa hamootaatti hin deddeebine . . . gammadaa dha. Kanaa mannaa inni seera Yihowaatti ni gammada, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa. . . . Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa.”

Faarfannaa 1:​1-3

“Filiphoosis gaarii fardaa sana cinaa fiigee yommuu inni sagalee isaa ol kaasee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbisu dhagaʼee, ‘Dhuguma wanta dubbisaa jirtu ni hubattaa?’ isaan jedhe. Innis, ‘Namni na barsiisu utuu hin jiraatin akkamittan hubachuu dandaʼa?’ jedhe.”

Hojii Ergamootaa 8:​30, 31

“Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa fi Waaqummaa isaa wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama; kanaafuu, isaan sababa itti qabatan hin qaban.”

Roomaa 1:​20

“Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni.”

1 Ximotewos 4:​15

“Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; . . . walitti qabamuu keenya hin dhiisnu.”

Ibroota 10:24, 25

“Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna, isaafis ni kennama.”

Yaaqoob 1:5