Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

Angafa Ergamootaa Kan Ta’e Mikaa’el Eenyudha?

Angafa Ergamootaa Kan Ta’e Mikaa’el Eenyudha?

QAAMNI hafuuraa Mikaa’el jedhamu Macaafa Qulqulluu keessatti al baay’ee hin caqasamne. Haata’u malee bakka maqaansaa caqasametti wantoonni inni raawwate ibsamaniiru. Mikaa’el, Macaafa Daani’elirratti ergamoota hamoo wajjin akka wal’aansoo wal qabe, ergaa Yihudaarratti, akka Seexanaa wajjin falmeefi Macaafa Mul’ataarrattimmoo Diiyaabilosiifi Ergamootasaa wajjin akka wal lole ibsameera. Mikaa’el, bulchiinsa Yihowaa kabachiisuufi diinota Waaqayyoo loluudhaan, hiika maqaasaa isa—“Kan Akka Waaqayyoo Eenyutu Jira?” jedhuu wajjin hojii wal simu raawwateera. Haata’u malee Mikaa’el eenyudha?

Namoonni tokko tokko maqaa tokkoo ol ta’e qabu. Fakkeenyaaf, abbaa Ibrootaa kan ta’e Yaaqoob, Israa’el jedhamee kan waamame yeroo ta’u, Phexrosimmoo Simoon jedhamee waamama ture. (Uumama 49:1, 2; Maatewos 10:2) Haaluma wal fakkaatuun, maqaan Mikaa’el jedhu, maqaa Yesus Kiristos utuu gara lafaa hin dhufinis ta’e erga gara samiitti deebi’ee booda ittiin waamamu ta’uusaa Macaafni Qulqulluun ni argisiisa. Ragaawwan akkas jechuuf nu dandeessisan Caaffata Qulqullaa’oorraa mee haa ilaallu.

Angafa Ergamootaa. Sagaleen Waaqayyoo Mikaa’eliin ‘angafa ergamootaa’ jedhee waama. (Yihudaa 9) Mikaa’el hangafa ergamootaa jedhamuusaa qalbeeffadhu. Maqaan “angafa ergamootaa” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti lakkoofsa qeenteedhaan malee lakkoofsa baay’eedhaan hin ibsamne. Kunis angafa ergamootaa jedhamee kan waamamu ergamaa tokko qofa akka ta’e nu hubachiisa. Kana malees, Yesus aboo angafa ergamootaa wajjin wal qabsiifamee ibsameera. Du’aa ka’uu Yesus Kiristos ilaalchisee, 1 Tasaloniiqee 4:16, Gooftaan ‘sagaleen angafa ergamootaatiin gad in bu’a’ jedha. Kanaafuu, sagaleen Yesus sagalee angafa ergamootaa akka ta’e ibsameera. Waan kana ta’eefis caqasni kun angafa ergamootaa kan ta’e Yesus ta’uusaa dubbata.

Ajajaa Waraanaa. Macaafni Qulqulluun ‘Mikaa’el, ergamoota isaa wajjin bineensa akka jawwee sanaafi ergamootasaa wajjin akka wal lole’ dubbata. (Mul’ata 12:7) Kanaafuu, Mikaa’el geggeessituu ergamoota warra amanamooti. Kana malees, macaafni Mul’ataa Yesus geggeessituu macca ergamoota amanamoo ta’uusaa dubbata. (Mul’ata 19:14-16) Phaawulos waa’ee ‘gooftaa Yesusiifi’ “ergamoota angoo isaa” ibseera. (2 Tasaloniiqee 1:7) Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun waa’ee Mikaa’eliifi waa’ee “ergamoota isaa” akkasumas waa’ee Yesusiifi “ergamoota isaa” ni dubbata. (Maatewos 13:41; 16:27; 24:31; 1 Phexros 3:22) Sagaleen Waaqayyoo samiirratti Mikaa’eliifi Yesusiin kan geggeeffaman macci ergamootaa addadda ta’an lama akka jiran waan hin dubbanneef, maqaan Mikaa’el jedhu shoora olaanaa Yesus samiirratti qabu kan argisiisudha jedhanii dubbachuun waan amanamuu danda’udha. *

^ KEY. 1 Maqaan Mikaa’el jedhu Ilma Waaqayyoo kan argisiisu ta’uusaa yaada dabalataa argachuuf kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Qorachuu [Ingiliffa] jedhamu Jildii 2, fuula 393-394, akkasumas kitaaba Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu fuula 219rra ilaali. Kitaabonni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’anidha.