Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA LAMA

Jireenya Waaqayyoon Gammachiisu Jiraachuu

Jireenya Waaqayyoon Gammachiisu Jiraachuu
  • Jaalallee Waaqayyoo ta’uu kan dandeessuu akkamitti?

  • Gaaffiin Seexanni olaantummaa Waaqayyoorratti kaase siin kan ilaalu akkamitti?

  • Yihowaan amala akkamii jibba?

  • Jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuu kan dandeessu akkamitti?

1, 2. Namoota Yihowaan akka jaalalleesaatti ilaale keessaa tokko tokko caqasi.

NAMNI jaalallee kee akka ta’uuf filattu nama akkamiiti? Nama ilaalchaafi fedhii keetiif bakka guddaa kennu, nama wantoota ati bakka guddaa kennituuf ulfina kennu, nama amanamaafi gaarii ta’e jaalallee kee akka godhattu homaa hin shakkisiisu.

2 Bara duriitti Waaqayyoo namoota murtaa’an jaalalleesaa akka ta’an filatee ture. Fakkeenyaaf Yihowaan Abrahaamiin fira koo ykn jaalallee koo jedhee waameera. (Isaayaas 41:8; Yaaqoob 2:23) Daawit nama Yihowaan jaallatu waan tureef Waaqayyo, “nama akka garaa koo” jedhee isa waameera. (Hojii Ergamootaa 13:22) Daani’elis Yihowaa duratti nama “guddaa jaallatamaa” ture.Daani’el 9:23.

3. Yihowaan namoonni tokko tokko jaalalleesaa akka ta’aniif maaliif filata?

3 Yihowaan Abrahaamiin, Daawitiifi Daani’eliin akka jaalalleewwansaatti kan ilaale maaliifi? Abrahaamiin: ‘Ati anaaf abboomamteetta’ jedhee ture. (Uumama 22:18) Kanaafuu, Yihowaan namoota waan inni isaan abboome gad of qabuudhaan hojjetan jaalalleewwansaa godhata. Saba Israa’eliinis, “Anaaf dhaga’aa, ani Waaqayyo keessan isiniif nan ta’a, isin immoo saba koo in taatu” jedhee ture. (Ermiyaas 7:23) Atis Waaqayyoof yoo abboomamte jaalalleesaa ta’uu dandeessa!

YIHOWAAN JAALALLEEWWANSAA NI JAJJABEESSA

4, 5. Yihowaan sabasaa kan jajjabeessu akkamitti?

4 Jaalallee Waaqayyoo ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e mee yaadi. Macaafni Qulqulluun Yihowaan ‘warra garaa isaanii guutuu isa amanatan gargaaruuf’ karaa barbaada jechuudhaan dubbata. (2 Seenaa 16:9) Yihowaan kan si jajjabeessu akkamitti? Karaan inni tokko Faarfannaa 32:8rratti kan ibsame yeroo ta’u caqasichis akkas jedha: “Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha.”

5 Jechi kun kunuunsa Yihowaan siif godhu akka gaariitti kan ibsudha! Qajeelfama barbaachisaa ta’e kan siif kennu yeroo ta’u qajeelfamasaa kana hojiirra kan oolchitu yoo taatemmoo eegumsa siif godha. Waaqayyo rakkoowwan si mudatan mo’uu akka dandeessuuf si gargaaruu barbaada. (Faarfannaa 55:22) Garaa guutuudhaan Yihowaa yoo tajaajilte akka Faarfatichaa isatti amanamuudhaan akkas jechuu dandeessa: “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu.” (Faarfannaa 16:8; 63:8) Yihowaan jireenya isa gammachiisu akka jiraattu si gargaaruu danda’a. Haata’u malee diinni Waaqayyoo akka ati kana hin goone barbaadu jira.

GAAFFII SEEXANNI KAASE

6. Seexanni ilmaan namootaa ilaalchisee gaaffii akkamii kaaseera?

6 Boqonnaa 11rratti gaaffii Seexanni olaantummaa Waaqayyoorratti kaase ibsameera. Waaqayyoo ni soba jedhee dubbachuusaarrayyuu, Yihowaan Addaamiifi Hewwaan wanta gaariifi gadhee ta’e ilaalchisee mirga filannaa gochuuf qaban isaan dhowwachuunsaa sirrii miti jechuudhaan komii dhiheesseera. Addaamiifi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii akkasumas biyyi lafaa sanyiisaaniitiin guutamuu erga jalqabee booda fedhii ilmaan namootaa hundaa ilaalchisee gaaffii kaaseera. Seexanni “Namoonni Waaqayyoon kan tajaajilan jaalalaan kaka’anii miti” jechuudhaan komii dhiheesseera. “Utuu carraansaa naaf kennamee namoota hundaa Waaqayyorraa fageessuu nan danda’a” jedhe. Seenaan Iyoob Seexanni ilaalcha akkasii akka qabu argisiisa. Iyoob eenyu ture? Gaaffiin Seexanni kaasehoo isa kan tuqe akkamitti?

7, 8. (a) Iyoobiin namoota bara sana turanirra wanti adda isa godhe maalidha? (b) Seexanni sababii Iyoob itti Waaqayyoon tajaajilurratti gaaffii kan kaase akkamitti?

7 Iyoob nama waggoota 3,600 dura turedha. Inni nama gaarii waan tureef Yihowaan akkas jedhe: “Biyya lafaa irraa namni akka isaatii hin jiru, inni hir’ina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha.” (Iyoob 1:8) Iyoob nama Waaqayyoon gammachiisu ture.

8 Seexanni sababii Iyoob itti Waaqayyoon tajaajilurratti gaaffii kaase. Innis Yihowaadhaan akkas jedhe: “Ati isaa fi [Iyoobiifi] mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree? Hojii harka isaatii in eebbifteef; qabeenyi isaas biyyicha keessatti in baay’ate. Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mul’inatti si arrabsa.”Iyoob 1:10, 11.

9. Yihowaan gaaffii Seexanaatiif deebii kan kenne akkamitti? Kan akkas godhehoo maaliifi?

9 Seexanni jechasaa kanaanis, Iyoob Waaqayyoon kan tajaajilu faayidaa waan argateefidha jedhee komii dhiheesse. Kana malees, Seexanni Iyoob utuu qoramee Waaqayyorraa ni garagala jedhee komii dhiheesse. Yihowaan gaaffii Seexanni dhiheesse kanaaf deebii kan kenne akkamitti? Gaaffiin ka’e sababii Iyoob Waaqayyoon itti tajaajilurratti waan ta’eef Yihowaan, Seexanni Iyoobiin akka qoru heyyameef. Iyoob Waaqayyoon akka jaallatuufi hin jaallanne kan argamu karaa kanaanidha.

IYOOB NI QORAME

10. Iyoobirra rakkina akkamiitu ga’e? rakkina irra ga’e kanaafoo deebii akkamii kenne?

10 Seexanni yeruma sana Iyoobiin karaa adda addaa qore. Horiiwwan Iyoob keessaa garri tokko kan hataman yeroo ta’u, kaanimmoo ni dhuman. Tajaajiltootasaa keessaa baay’eensaanii ni ajjeefaman. Kunis hiyyuma irraan ga’e. Ijoolleensaa kurnan balaa bubbeetiin yeroo ajjeefamanitti Iyoobirra gadda guddaatu ga’e. Haata’u malee, rakkoowwan gurguddaan kun hundinuu isarra ga’anis “Iyoob hin yakkine, ‘Dabaa hojjette’ jedhees Waaqayyoon hin hadheessine.”Iyoob 1:22.

11. (a) Gaaffiin lammaffaan Seexanni Iyoobirratti kaase maalidha? Yihowaanoo deebii akkamii kenne? (b) Iyoob dhukkuba isa dhiphisuun qabamus maal hin goone?

11 Seexanni abdii hin kunne. Iyoob qabeenyasaa, hojjetootasaafi ijoolleesaa dhabuudhaan qorumsa irra ga’e mo’uu danda’us, dhukkubni yoo isa qabe garuu Waaqayyorratti ka’a jedhee yaade. Yihowaanis Seexanni Iyoobirratti dhukkuba suukanneessaafi baay’ee ulfaataa ta’e akka fidu heyyameef. Haata’u malee, kunis Iyoob amantii Waaqayyorratti qabu akka dhabu isa hin goone. Kanaa mannaa Iyoob akkas jedhe: “Ani immoo hamman du’utti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi’u.”Iyoob 27:5.

Iyoob amanamummaa argisiisuusaatiin eebbifameera

12. Iyoob gaaffii Seexanni kaaseef deebii akkamii kenne?

12 Iyoob dhiphina kana hundaa kan irraan ga’e Seexana akka ta’e hin beeku ture. Mormii Seexanni olaantummaa Yihowaarratti kaases waan hin beekneef rakkoo kana hundaa kan isarraan ga’e Waaqayyo isatti fakkaatee ture. (Iyoob 6:4; 16:11-14) Ta’us ejjennoosaarraa duubatti hin jenne. Kanaafuu komiin Seexanni Iyoob Waaqayyoon kan tajaajilu faayidaa argatuufidha jechuudhaan kaase amanamummaa inni argisiiseen soba ta’uunsaa mirkanaa’eera!

13. Iyoob Waaqayyoof amanamaa ta’uunsaa bu’aa maalii argamsiise?

13 Amanamummaan Iyoob argisiise Yihowaan gaaffii Seexanni isarratti kaaseef deebii ga’aa akka kennu isa dandeessiseera. Dhugumayyuu, Iyoob jaalallee Yihowaa kan ture yeroo ta’u Waaqayyos amanamummaa inni argisiiseef isa eebbiseera.Iyoob 42:12-17.

GAAFFIIN SEEXANNI KAASE SIINOO KAN ILAALU AKKAMITTI?

14, 15. Himanni Seexanni Iyoobiin ilaalchisee kaase namoota hundaa ilaala kan jennu maaliifi?

14 Ejjennoo ofii eeguu ilaalchisee mormiin Seexanni kaase Iyoobiin qofa utuu hin ta’in siinis si ilaala. Jechi Sagaleen Yihowaa Fakkeenya 27:11rratti: “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” jedhu wanti kun dhugaa ta’uusaa kan argisiisudha. Jechoonni Iyoob erga du’ee waggaa dhibbaan lakkaa’amaniin booda barreeffaman kun, Seexanni Waaqayyoon arrabsuufi tajaajiltootasaa hammeessuu akka hin dhiisne argisiisu. Jireenya Waaqayyoon gammachiisu kan jiraannuufi himata sobaa Seexanni kaaseef Yihowaan deebii akka kennu kan goonu yoo ta’e, Waaqayyoon garaa ciibsina. Kana ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama? Jireenya kee keessatti jijjiirama tokko tokko gochuu si barbaachisus, himata sobaa Seexanni kaaseef deebii kennuudhaan ga’ee mataa kee raawwachuu danda’uun kee si hin gammachiisuu?

15 Seexanni: “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jedhee dubbachuusaa qalbeeffadhu. (Iyoob 2:4) Seexanni “namni” jedhee dubbachuunsaa himanni kun kan dhihaate Iyoob qofaarratti utuu hin ta’in namoota hundaarratti ta’uusaa argisiisa. Kun qabxii baay’ee barbaachisaa ta’edha. Seexanni amanamummaa ati Waaqayyoof qabdurratti gaaffii kaaseera. Inni Waaqayyoof ajajamuu akka didduufi yeroo rakkinni si mudatu daandii qajeelummaarraa akka fagaattu gochuu barbaada. Akka kana gootuuf yaalii kan godhu akkamitti?

16. (a) Seexanni namoota Waaqayyorraa fageessuuf malawwan akkamiitiin gargaarama? (b) Malawwan kanaan akka gaariitti gargaaramuu kan danda’uhoo akkamitti?

16 Boqonnaa 10rratti, akka ibsametti namoonni Waaqayyoorraa akka fagaatan gochuuf Seexanni mala gara garaatiin gargaarama. Karaa tokkoon, Seexanni “akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a.” (1 Phexros 5:8) Kanaafuu, dhiibbaan Seexanni geessisu hiriyoonni kee, firoottan kee ykn namoonni kaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu keefi wanta baratte hojiirra oolchuuf carraaqqii gootu akka dhaabdu gochuuf mormii sirraan ga’aniin mul’achuu danda’a. * (Yohannis 15:19, 20) Karaa garabiraammoo, Seexanni ‘ergamoota ifaa fakkaachuudhaan wallaalchifata.’ (2 Qorontos 11:14) Seexanni si gowwomsuufi Waaqayyoon gammachiisuu akka dhaabdu gochuuf mala gara garaatiin gargaaramuu danda’a. Kana malees, abdii si kutachiisuuf jechuunis Waaqayyoon gammachiisuuf ga’eessa akka hin taane akka sitti dhaga’amu gochuu danda’a. (Fakkeenya 24:10) Seexanni akka “leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’uttis” ta’e ykn “ergamoota ifaa” fakkaachuuf yaalus kaayyoonsaa tokkodha: Haalli rakkisaan ykn qorumsi yoo sirra ga’e Waaqayyoon tajaajiluu kee ni dhaabda jedhee falma. Atis akka Iyoob falmii Seexanaatiif deebii kennuufi Waaqayyoof amanamaa ta’uu kee mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti?

ABBOOMMII YIHOWAATIIF AJAJAMUU

17. Sababii guddaan abboommii Yihowaatiif itti ajajamnu maalidha?

17 Jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuudhaan gaaffii Seexanni kaaseef deebii kennuu ni dandeessa. Kun maalfaa dabalata? Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan deebii kenna: “Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu.” (Keessa Deebii 6:5) Jaalalli ati Waaqayyoof qabdu yeroo guddachaa adeemu, wanta inni sirraa barbaadu hojjechuuf fedhiin ati qabdu guddachaa adeema. Yohannis akkas jechuudhaan barreesseera, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha.” Garaa kee guutuudhaan Yihowaa kan jaallattu yoo ta’e, “abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo” akka hin taane hubatta.1 Yohannis 5:3.

18, 19. (a) Abboommiiwwan Yihowaa tokko tokko maalfa’i? ( Saanduqa fuula 122rratti argamu ilaali.) (b) Waaqayyo wanta humna keenyaa ol ta’e akka nurraa hin barbaanne akkamitti beekna?

18 Abboommiiwwan Yihowaa maalfa’i? Abboommiiwwansaa keessaa tokko tokko amalawwan irraa fagaachuu qabnu kan dabalatanidha. Fakkeenyaaf, mataduree “ Wantoota Yihowaan Jibburraa Fagaadhu” jedhuufi saanduqa fuula 122rratti argamu ilaali. Achirratti amalawwan Macaafni Qulqulluun balaaleffatu ibsamaniiru. Jalqabarratti wantoota achi keessatti ibsaman keessaa tokko tokko yeroo argitu wantoonni kun baay’ee gadhee akka hin taane yaadda ta’a. Haata’u malee, caqasawwan achirratti kennamanirratti erga xiinxaltee booda abboommiiwwan Yihowaa ogummaarratti kan hundaa’an ta’uusaanii hubatta. Amalawwan keerratti jijjiirama tokko tokko gochuun baay’ee sitti ulfaachuu danda’a. Haata’u malee, jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuun gammachuu guddaa namaaf argamsiisa. (Isaayaas 48:17, 18) Kunis wanta gochuu dandeessudha. Kana beekuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Yihowaan matumaa wanta humna keenyaa ol ta’e nurraa hin eegu. (Keessa Deebii 30:11-14) Humnaafi dadhabbii keenya nu caalaatti beeka. (Faarfannaa 103:14) Kana malees, humna isaaf ajajamuuf nu dandeessisu nuu kennuu danda’a. Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.” (1 Qorontos 10:13) Yihowaan jabaattee dhaabachuu akka dandeessutti ‘humna humna gararraa’ siif kennuu danda’a. (2 Qorontos 4:7) Phaawulos qorumsa baay’ee erga mo’ee booda: “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a” jedheera.Filiphisiiyus 4:13.

AMALAWWAN WAAQAYYOON GAMMACHIISAN QABAACHUU

20. Amalliwwan Waaqayyoon gammachiisan kamfaa argisiisuu qabda? Barbaachisaa kan ta’anoo maaliifi?

20 Yihowaa gammachiisuun wantoota inni jibburraa fagaachuu qofa utuu hin ta’in, wanta inni jaallatu jaallachuus kan dabalatudha. (Roomaa 12:9) Namoota fedhiifi ilaalcha ati qabdu qaban akkasumas wantoota ati bakka guddaa laattuuf ulfina kennanitti dhihaachuu hin barbaadduu? Yihowaanis akkasumadha. Kanaafuu wanta Yihowaan jaallatu jaallachuu baradhu. Amalawwan namoonni Yihowaan akka jaalalleessaatti ilaale argisiisan keessaa tokko tokko Faarfannaa 15:1-5rratti ibsamaniiru. Jaalalleewwan Yihowaa amalawwan Macaafni Qulqulluun ‘ija hojii hafuuraa’ jedhee waamu argisiisu. Amalliwwan kunis “jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa, of dhowwuu” kan dabalatanidha.Galaatiyaa 5:22, 23.

21. Amalawwan Waaqayyoon gammachiisan qabaachuuf maaltu si gargaara?

21 Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluun kee amalawwan Waaqayyoon gammachiisan akka qabaattu si gargaara. Wanta Waaqayyo sirraa barbaadu barachuun kee ilaalcha kee ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal simsiisuuf si gargaara. (Isaayaas 30:20, 21) Jaalalli ati Yihowaadhaaf qabdu yeroo cimaa adeemutti fedhiin ati jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuuf qabdus guddachaa adeema.

22. Jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuun kee bu’aa akkamii argamsiisa?

22 Jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuun carraaqqii gaafata. Macaafni Qulqulluun jijjiirama ati jireenya kee keessatti gootu namummaa moofaa ofirraa gatuudhaan namummaa haaraa uffachuu wajjin wal fakkeessa. (Qolosaayis 3:9, 10) Haata’u malee faarfatichi abboommii Yihowaa ilaalchisee: “Namni isa eegus bu’aa guddaa qaba” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 19:11) Atis jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuun eebba guddaa kan argamsiisu ta’uusaa arguu ni dandeessa. Akkas yoo goote gaaffii Seexanni kaaseef deebii kennuu keerrayyuu Yihowaa ni gammachiista!

^ KEY. 16 Kana jechuun garuu namoonni siin morman hundi to’annaa Seexanaa jala jiruu jechuu miti. Haata’u malee, Seexanni waaqa bara si’anaa waan ta’eef guutummaan biyya lafaa harkasaa jala jira. (2 Qorontos 4:4; 1 Yohannis 5:19) Kanaafuu, jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuuf carraaqqiin ati gootu namoota baay’ee akka hin gammachiisneefi namoonni tokko tokko akka si morman eeguu ni dandeenya.