Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SADII

Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinni?

Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinni?
  • Kaayyoon Waaqayyo Ilmaan Namootaatiif Qabu Maalidha?

  • Waaqayyorratti Mormiin kan ka’e akkamitti?

  • Gara fuulduraatti jireenyi lafarratti argamu maal fakkaata?

1. Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalidha?

KAAYYOON Waaqayyo lafaaf qabu baay’ee kan nama gammachiisudha. Yihowaan, lafti namoota gammachuufi fayyaa qabaniin akka guutamtu barbaada. Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyo gooftaan . . . Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in dhaabe” akkasumas “mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf ba’eessa ta’an . . . in biqilche” jechuudhaan dubbata. Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaaniin erga uumee booda, iddoo jireenyaa miidhagaa ta’e sana keessa isaan kaa’uudhaan: “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa!” jedheen. (Uumama 1:28; 2:8, 9, 15) Kanaafuu, kaayyoon Waaqayyoo, ilmaan namootaa ijoollee akka godhatan, jannata iddoo jireenyaasaanii taate guutummaa biyya lafaarratti akka babal’isaniifi bineensota akka kunuunsan ture.

2. (a) Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu akka raawwiisaa argatu akkamitti beekuu dandeenya? (b) Macaafni Qulqulluun namoonni akkamii lafarra bara baraaf akka jiraatan dubbata?

2 Dhugumaan, kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaa jannata keessa akka jiraataniif baase ni raawwatama jettee amantaa? Waaqayyo, “wantan dubbadhe iddoodhaan nan ga’a, akeeka koos nan raawwadha” jedhee dubbateera. (Isaayaas 46:9-11; 55:11) Eeyyee, Waaqayyo kaayyoosaa akka raawwatu homaa hin shakkisiisu! “Inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka ta’uuf hin uumne” jedhee dubbateera. (Isaayaas 45:18) Waaqayyo, namoonni akkamii akka lafarra jiraatan barbaada? Yeroo hammamiitiifoo? Macaafni Qulqulluun: “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jechuudhaan deebii kenna.Faarfannaa 37:29; Mul’ata 21:3, 4.

3. Yeroo har’aatti wantoota nama gaddisiisan akkamii argina? Kunoo gaaffii akkamii kaasa?

3 Dhugaadha, wanti kun hamma yoonaatti hin raawwatamne. Yeroo ammaatti, namoonni ni dhukkubsatu, ni du’u, wal waraanu, akkasumas wal ajjeesu. Rakkinni tokko uumameera jechuudha. Haata’u malee, kaayyoon Waaqayyoo haalli yeroo har’aa lafarratti arginu akka jiraatu hin turre! Rakkoo maaliitu uumameree? Kaayyoon Waaqayyoo maaliif hin raawwatamne? Rakkinni kun kan uumame samiirratti waan ta’eef, kitaabni seenaa, ilmaan namootaatiin barreeffame kamiyyuu deebiisaa nuu kennuu hin danda’u.

DIINNI TOKKO KA’UUSAA

4, 5. (a) Bofaan gargaaramee Hewwaaniin kan haasofsiise eenyu? (b) Namni amanamaa ture tokko hattuu ta’uu kan danda’u akkamitti?

4 Kutaan Macaafa Qulqulluu inni jalqabaa, dhaaba Eedenitti qaamni Waaqayyoon morme tokko ka’uusaa dubbata. Qaamni Waaqayyoon morme kun “bofa” jedhamee waamameera; kana jechuun garuu, inni bineensa ture jechuu miti. Kutaan Macaafa Qulqulluu inni dhumaa, ‘inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, isa guutummaa biyya lafaa wallaalchisu’ jechuudhaan eenyummaasaa ibsa. Kana malees ‘bofa bara durii’ jedhamee waamameera. (Uumama 3:1; Mul’ata 12:9) Akkuma namni dandeettii qabu tokko ashaangulliitii duubaan dubbachuudhaan waan ashaangullitiin dubbachaa jiru fakkeessuu danda’u hundaa, ergamaan humna guddaa qabuufi ijaan hin argamne kunis haaluma wal fakkaatuun bofaan gargaarameera. Yeroo Waaqayyo ilmaan namootaatiif lafa qopheessetti qaamni hafuuraa kun jira ture jechuudha.Iyoob 38:4, 7.

5 Haata’u malee, uumamni Yihowaa hundi kan mudaa hin qabne erga ta’ee, “Diiyaabilosiin” ykn “Seexana” kan uume eenyudha? Gabaabaadhumatti, qaamawwan hafuuraa samii keessatti argaman keessaa inni tokko Diiyaabilos ta’e. Kun akkamitti ta’uu danda’e? Namni amanamaa ture tokko hawwii gadheen keessasaatti akka guddatu gochuudhaan hattuu ta’uu akka danda’u beekna. Akkamitti? Waa’ee wantoota kanaa yaaduusaa yoo itti fufe, hawwiin gadhee ta’e kun caalaatti keessasaatti guddachaa adeemuu danda’a. Boodas, haallisaa yoo mijaa’eef hawwiisaa kana raawwachuu danda’a.Yaaqoob 1:13-15.

6. Ergamoota Waaqayyoo keessaa tokko Seexana ykn Diiyaabilos ta’uu kan danda’e akkamitti?

6 Wanti Seexanni godhes kanumaa wajjin wal fakkaata. Seexanni, Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan akka ijoollee godhataniifi sanyiisaaniitiin akka lafa guutan yeroo isaanitti hime utuu hin dhaga’in hin hafne. (Uumama 1:27, 28) ‘Namoonni kun hundi, Waaqayyoon dhiisanii anaan waaqeffachuu danda’u’ jedhee yaadee ta’uu danda’a. Akkasitti hawwiin dogoggoraa keessasaatti guddate. Dhumarrattis, waa’ee Waaqayyoo wanta soba ta’e Hewwaanitti dubbatee ishee gowwomsuudhaan hawwiisaa kana galmaan ga’eera. (Uumama 3:1-5) Kanaan kan ka’es, “Diiyaabilos,” jechuunis “Kan maqaa balleessu” akkasumas “Seexana,” jechuunis “Mormituu” ta’e.

7. (a) Addaamiifi Hewwaan kan du’an maaliifi? (b) Sanyiin Addaam hundi kan dulloomaniifi kan du’an maaliifi?

7 Seexanni, Addaamiifi Hewwaaniin haxxummaadhaan gowwomsee Waaqayyoof akka hin ajajamne godhe. (Uumama 2:17; 3:6) Waaqayyo yoo abboommiisaa cabsan akka du’an akkuma isaanitti himee ture, yeroo booda ni du’an. (Uumama 3:17-19) Addaam yeroo cubbuu hojjetetti gonkummaasaa waan dhabeef, sanyiinsaa hunda cubbuu akka dhaalan godheera. (Roomaa 5:12) Haalli kun eelee buddeenaa wajjin wal fakkaachuu danda’a. Eelichi baqaqaa yoo qabaate, buddeenni eelicharratti tolchamu hundi mallattoo akkamii godhata? Mallattoo eelee sanaa qabatee ba’a. Haaluma wal fakkaatuunis, namni hundi Addaamirraa “cubbuu” dhaalee dhalateera. Namoonni hundi kan dulloomaniifi kan du’anis kanumaafidha.Roomaa 3:23.

8, 9. (a) Seexanni mormii akkamii kaase? (b) Waaqayyo warra isarratti ka’an battaluma sana balleessuu kan dhiise maaliifi?

8 Seexanni, Addaamiifi Hewwaan Waaqayyorratti akka cubbuu hojjetan yeroo godhetti, Waaqayyorratti isaan kaasuusaa ture. Akkaataa Yihowaan uumamasaa itti bulchurratti mormii kaase. Mormiin kunis, karaa garabiraadhaan ‘Waaqayyo hamaadha; soba dubbata, uumamasaatiif wanta gaarii hin godhu, ilmaan namootaa Waaqayyoof bitamuun isaan hin barbaachisu, wanta gaariifi gadhee ta’e ofiisaaniitiin murteeffachuu danda’u, utuu bulchiinsa koo jala jiraatanii faayidaa guddaa argatu’ jechuusaa kan argisiisu ture. Waaqayyo, himata arrabsoo of keessaa qabu kanaaf deebii kan kenne akkamitti? Namoonni tokko tokko, Waaqayyo namoota isarratti ka’an sana battaluma sanatti balleessuu qaba ture jedhanii yaadu. Haata’u malee, tarkaanfiin akkasii kun mormii Seexanni kaaseef deebii sirrii ta’uu, ykn akkaataan Waaqayyo uumamasaa itti bulchu sirrii ta’uusaa mirkaneessuu danda’aa?

9 Haata’u malee, murtoon Yihowaa inni qajeelaaniifi mudaa hin qabne, namoota isarratti ka’an battaluma sanatti akka balleessu isa hin godhu. Kanaa mannaa Yihowaan, mormii Seexanni kaaseef, deebii ga’aa kennuufi Diiyaabilos kan sobu ta’uusaa mirkaneessuuf yeroo kennuun akka barbaachisu murteesse. Kanaafuu, Waaqayyo ilmaan namootaa yeroo murtaa’eef bulchiinsa Seexanaa jalatti akka of bulchan heyyameef. Yihowaan maaliif akka kana godheefi yeroo dheeraa hammanaatiif mormii kanaaf utuu furmaata hin kennin kan ture maaliif akka ta’e Boqonnaa 11ffaa kitaaba kanaarratti ibsama. Haata’u malee, akkas jennee yaaduun keenya gaariidha: Addaamiifi Hewwaan, Seexana isa wanta gaarii tokkoyyuu godheefii hin beekne amananii, Yihowaa isa waan hundumaa isaaniif kenne immoo gara jabeessaafi sobduudha jedhanii ganuunsaanii sirrii turee? Utuu si ta’ee maal goota turte?

10. Mormii Seexanni kaaseef deebii kennuudhaan Yihowaa cina dhaabachuu kan dandeessu akkamitti?

10 Yeroo har’aattis himanni akkasii kun hunda keenyarratti kan dhihaate waan ta’eef, dhimma kanarratti yaaduun keenya barbaachisaadha. Eeyyee, gaaffii Seexanni kaaseef deebii kennuudhaan Yihowaa cinaa dhaabachuuf carraa argatteetta. Bulchiinsa Yihowaa fudhachuudhaan Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessuu dandeessa. (Faarfannaa 73:28; Fakkeenya 27:11) Kan nama gaddisiisu garuu, namoota biliyoonaan lakkaa’aman keessaa, filannoo akkasii kan godhan namoota muraasa qofadha. Kunimmoo, gaaffii barbaachisaa, dhugumaan Macaafni Qulqulluun kan biyya lafaa seerratu Seexana ta’uusaa barsiisaa? jedhu kaasa.

BIYYA LAFAA KAN SEERRATU EENYU?

Mootummoonni biyya lafaa hundi utuu kansaa miti ta’anii Seexanni, mootummoota kana siifan kenna jedhee Yesusitti dubbata turee?

11, 12. (a) Qorumsi Yesusirra ga’e, biyya lafaa kan seerratu Seexana ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (b) Seexanni biyya lafaa kan seerratu ta’uusaatiif ragaa dabalataa akkamiitu jira?

11 Yesus biyya lafaa kana kan seerratu Seexana ta’uusaa gonkumaa shakkee hin beeku. Yeroo tokko, Seexanni, haala dinqisiisaa ta’een ‘mootummoota biyya lafaa hundumaafi ulfinasaanii Yesusitti argisiisee’ ture. Achiis, Seexanni: “Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna” jechuudhaan Yesusiif waadaa gale. (Maatewos 4:8, 9; Luqaas 4:5, 6) Mee yaadi, mootummoonni kun utuu kansaa miti ta’anii afeerriin kun Yesusitti qorumsa ta’uu ni danda’a turee? Yesus, mootummoonni biyya lafaa hundi kan Seexanaa ta’uusaanii hin haalle. Dhugumayyuu, mootummoota biyya lafaa kana kan seerratu utuu Seexana ta’uu baatee, Yesus mootummoonni kun kan kee miti jedhee dubbachuurraa duubatti hin jedhu ture.

12 Dhugaadha, Yihowaan uumama cufa isa dinqisiisaa kan uumeefi Waaqa waan hundumaa danda’udha. (Mul’ata 4:11) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun kan biyya lafaa kana seerratu Yihowaa ykn Yesus ta’uusaanii hin dubbatu. Kanaa mannaa, Yesus Seexanni ‘isa hamaa biyya lafaa kana seerratu’ ta’uusaa dubbateera. (Yohannis 12:31; 14:30; 16:11) Kana malees, Macaafni Qulqulluun Seexana isa Diiyaabilos jedhamuun ‘isa hamaa waaqayyicha bara si’anaa’ jedhee waama. (2 Qorontos 4:3, 4) Yohannis ergamaan, mormituu kana ykn Seexana ilaalchisee: “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru” barreesseera.1 Yohannis 5:19.

BIYYI LAFAA SEEXANNI SEERRATU KUN KAN BADU AKKAMITTI?

13. Addunyaan haaraan barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

13 Yeroodhaa gara yerootti biyyi lafaa caalaatti sodaachisaa ta’aa jira. Biyyi lafaa macca waraanaa wal fixaniin, hoggantoota siyaasaa amanamoo hin taaneen, geggeessitoota amantii of hin arginee ta’aniifi finciltoota gara jabeeyyii ta’aniin guutamteetti. Walumaa galatti addunyaan kun kan jijjiiramuu hin dandeenye taateetti. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo biyya lafaa isa hamaa kana waraana Armaagedoonitti yeroon inni itti isaan balleessu akka dhihaate dubbata. Kunis, addunyaan kun addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaageen akka bakka buufamu godha.Mul’ata 16:14-16.

14. Mootummaasaarratti akka mootii ta’uuf Waaqayyo kan filate eenyuunidha? Kunoo raajiidhaan kan dubbatame akkamitti?

14 Yihowaan, Mootummaasaarratti akka mootii ta’uuf Yesus Kiristosiin filateera. Macaafni Qulqulluun waggoota dheeraa dura akkas jechuudhaan raajii dubbatee ture: “Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, . . . ‘angafa nagaa’ in jedhama. Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu.” (Isaayaas 9:6, 7) Yesus bartoonnisaa: “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Maatewos 6:10) Gara fuulduraatti kitaaba kana keessatti akka ilaallutti, Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti mootummoota biyya lafaa kana guutummaatti balleessuudhaan bakkasaanii buuti. (Daani’el 2:44) Sanaan booda, Mootummaan Waaqayyoo lafa kana jannata gooti.

ADDUNYAA HAARAAN DHIHAATEERA!

15. ‘Lafa haaraa’ jechuun maal jechuudha?

15 Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nuu mirkaneessa: “Nuyi garuu akka abdii inni [Waaqayyo] nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.” (2 Phexros 3:13; Isaayaas 65:17) Al tokko tokko Macaafni Qulqulluun namoota lafarratti argaman argisiisuuf, jecha “lafa” jedhuun fayyadama. (Uumama 11:1) Kanaafuu, ‘lafti haaraan’ qajeelummaan keessatti dagaagu, haawaasa haaraa Waaqayyo biratti fudhatama argate mul’isa.

16. Kennaan hundumaa caaluufi Waaqayyo namoota isa biratti fudhatama argataniif kennu maalidha? Kennaa kana argachuufoo maal gochuu qabna?

16 Yesus, namoonni Waaqayyo biratti fudhatama argatan addunyaa haaraa dhufu keessatti “jireenya bara baraa” akka argatan waadaa galeera. (Maarqos 10:30) Jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu akka qabnu ilaalchisee, wanta Yesus Yohannis 3:16 fi 17:3rratti dubbate Macaafa Qulqulluu kee baasii dubbisi. Mee ammammoo, gara fuulduraatti lafa Jannata taaturratti namoonni kennaa Waaqayyoo isa gammachiisaa ta’e kana argachuuf ga’eessota ta’an eebbawwan akkamii akka argatan Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ilaali.

17, 18. Guutummaa biyya lafaarratti nagaafi tasgabbiin akka argamuu danda’u akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

17 Hammeenyi, waraanni, yakkiifi jal’inni ni badu. “Inni jal’aan . . . achitti hin argamu, . . . Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu.” (Faarfannaa 37:10, 11) ‘Waaqayyo hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu waan godhuuf’ nagaan ni bu’a. (Faarfannaa 46:9; Isaayaas 2:4) Sanaan booda, ‘qajeelummaan ni lalisa, hamma ji’i deebitee argamuu dhabduttis nagaan ni bu’a.’—Kana jechuunis bara baraaf nagaan ni jiraata jechuudha!Faarfannaa 72:7.

18 Namoonni Yihowaa waaqeffatan tasgabbiidhaan jiraatu. Israa’eloonni yeroo Waaqayyoof ajajamaa turanitti tasgabbiidhaan jiraachaa turan. (Lewwoota 25:18, 19) Haaluma wal fakkaatuun, Jannata dhuftu keessatti tasgabbiidhaan jiraachuun akkam kan nama gammachiisudha!Isaayaas 32:18; Miikiyaas 4:4.

19. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, nyaanni ga’aan akka jiraatu akkamitti beekuu dandeenya?

19 Hanqinni nyaataa hin jiraatu. Faarfatichi, “biyyicha keessa midhaan baay’atee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu” jechuudhaan faarfateera. (Faarfannaa 72:16) Yihowaan qajeelota ni eebbisa. ‘Laftis midhaan ni baasa.’Faarfannaa 67:6.

20. Guutummaan biyya lafaa akka jannata taatu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?

20 Lafti guutummaatti jannata taati. Lafti namoota cubbamoota ta’aniin mancaatee turte, manneen iddoo dhaabaa mimmiidhagoo ta’aniin guutamti. (Isaayaas 65:21-24; Mul’ata 11:18) Iddoon dhaabaa miidhagaa ta’eefi lafti gaariin oomisha kennu kun, yeroodhaa gara yerootti babal’achaa waan adeemuuf guutummaan biyya lafaa akka dhaaba Eeden taati. Waaqayyos, ‘harkasaa diriirsuudhaan fedha warra lubbuu qaban hundumaa ni quufsa.’Faarfannaa 145:16.

21. Namootaafi bineensota gidduutti nagaan akka uumamu kan argisiisu maalidha?

21 Namootaafi bineensota gidduutti nagaan ni uumama. Horiin qe’eefi bineensonni bosonaa waliin dheedu. Yeroo sanatti ijoolleen xixinnoon bineensota yeroo ammaatti hamoo ta’an hin sodaatan.Isaayaas 11:6-9; 65:25.

22. Dhukkubni maal ta’a?

22 Dhukkubni ni bada. Yesus namoota yeroo lafarra ture fayyise caalaatti, Mootummaasaa keessatti namoota dhukkubsatan hundumaa fayyisa. (Maatewos 9:35; Maarqos 1:40-42; Yohannis 5:5-9) Sanaan booda, ‘isaan keessaa namni tokko illee, ‘na dhukkuba’ kan jedhu hin jiraatu.’Isaayaas 33:24; 35:5, 6.

23. Du’aa ka’uun akka gammannu kan nu godhu maaliifi?

23 Namoonni jaallannuufi du’aan dhabne abdii jireenya bara baraa argatanii du’aa ka’u. Namoonni du’aan boqotaniifi kan Waaqayyo isaan yaadatu hundi du’aa ni ka’u. ‘Warra qajeelota qofa utuu hin ta’in warri jal’oonnillee du’aa ni ka’u.’Hojii Ergamootaa 24:15; Yohannis 5:28, 29.

24. Waa’ee lafa Jannata taaturra jiraachuu yeroo yaaddu maaltu sitti dhaga’ama?

24 Namoonni Waaqa keenyaafi Uumaa keenya isa Guddaa kan ta’e waa’ee Yihowaa barachuufi isa tajaajiluu filatan gara fuulduraatti eebba guddaa argatu! Yesus nama yakkamaa isaa wajjin fannifameen: “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedhee yeroo abdii kennetti, waa’ee Jannata gara fuulduraatti dhuftuu dubbachuusaa ture. (Luqaas 23:43) Eebbawwan kun hundi karaasaa kan argaman waan ta’aniif, waa’ee Yesus caalaatti barachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.