Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Innoo hin Turu!’ (Faarfannaa Walgaʼii Naannoo 2023)

‘Innoo hin Turu!’ (Faarfannaa Walgaʼii Naannoo 2023)

(Anbaaqom 2:3)

Buufadhu:

  1. 1. Hojiin kee hundi, nama ajaaʼiba,

    Uumamn’ hundumtuu obsa kee mulʼisa.

    Ati matumaa hin jijjiiramtu.

    Obsaan eeggatta hundasaa haaressuuf.

    (BUUSAA)

    Abbaa, anʼ hawweera, jannata kee arguuf.

    Maaloo obsa naaf kenni.

    Guyyaan kee ni dhufa, hin shakku matumaa.

    Obsa yoo na gaafates,

    ‘Innoo hin turu!’

  2. 2. Warra duʼanis duʼaa ni kaasta.

    Amantii qabna atis ni hawwita.

    Hundumasaanii baayʼee jaallatta.

    Obsaan eeggachuuf nu gargaari maaloo.

    (BUUSAA)

    Abbaa, anʼ hawweera, jannata kee arguuf.

    Maaloo obsa naaf kenni.

    Guyyaan kee ni dhufa, hin shakku matumaa.

    Obsa yoo na gaafates,

    ‘Innoo hin turu!’

  3. 3. Kan si dhagaʼan obsaan barbaadda.

    Barabaraafis isaan jiraachista.

    Nutis sii wajjin dhugaa barsiisna,

    Si tajaajiluun sitti nu dhiheessa.

    (BUUSAA)

    Abbaa, anʼ hawweera, jannata kee arguuf.

    Maaloo obsa naaf kenni.

    Guyyaan kee ni dhufa, hin shakku matumaa.

    Obsa yoo na gaafates,

    ‘Innoo hin turu!’

    Maaloo obsa nuuf kenni!

(Dabalataan Qol. 1:11 ilaali.)