Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jabina Kee Yihowaaf Kenni

Jabina Kee Yihowaaf Kenni

Garagalfadhu:

  1. 1. Ijoollummaatti hundiʼn salphata.

    Gaarii gochuuf tattaafatta—

    Ni hirmaatta, tajaajila baata;

    Kadhannaas ni dhiheessita.

    (BUUSAA DURA)

    Addunyaan kun garuu, si bocuuf yoomuu ni yaala,

    Ergicha mana sana deemanii himuun ni ulfaata.

    Kana biras ni darbita, ogummaa argatta,

    Yihowaanis si gargaara.

    Waan gaarii argatta.

    (BUUSAA)

    Gaʼeen ati qabdu baayʼee guddaadha;

    Inni si gargaara.

    Atis waan isaaf kennitu hedduu qabda.

    Waan gootu Yihowaan

    Beeka ni arga.

  2. 2. Amma guddatte walʼaansoo jalqabde,

    Qorumsʼ hedduun sitti marse.

    Kun hundisaa yoo si dhiphise—

    Isatti himadhuu dhiisi.

    (BUUSAA DURA)

    Beekumsi kee dabaleera, dhugaa barattes

    Hojiitti hiikta fedhaan aarsaa ni kaffalta.

    Kana biras ni darbita, ogummaa argatta,

    Yihowaanis si gargaara.

    Waan gaarii argatta.

    (BUUSAA)

    Gaʼeen ati qabdu baayʼee guddaadha;

    Inni si gargaara.

    Atis waan isaaf kennitu hedduu qabda.

    Waan gootu Yihowaan

    Beeka ni arga.

    (CEESISA)

    Jabina kee Yihowaaf kenni.

    Lakki ʼn gaabbitu; hidhata kee gaafadhu.

    (BUUSAA)

    Gaʼeen ati qabdu baayʼee guddaadha;

    Inni si gargaara.

    Atis waan isaaf kennitu hedduu qabda.

    Waan gootu Yihowaan

    Beeka ni arga.

    (CEESISA)

    Jabina kee Yihowaaf kenni.

    Lakki ʼn gaabbitu; hidhata kee gaafadhu.

    Jabina kee Yihowaaf kenni.

    Lakki ʼn gaabbitu; hidhata kee gaafadhu.