Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gabaasa Walgaʼii Waggaa 2014

Mootummaa Waggaa 100f Bulche!

Gabaasa Walgaʼii Waggaa 2014

Onkoloolessa 4, 2014tti, namoonni 19,000 taʼan walgaʼii waggaa Waach Taawor Baayibil Eendi Tiraakti Soosaayitii Oov Pensilvaaniyaa 130ffaa irratti argamuuf walitti qabamanii turan. Sagantichi kan geggeeffame Galma Walgaʼii Guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Jersii Siitii, Niiwu Jersii, Yuunaayitid Isteetis keessatti argamutti yommuu taʼu, viidiyoodhaanis iddoowwan adda addaatti tamsaafamaa ture.

Miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Maarki Saandersan, dura taaʼaa walgaʼii kanaa ture. Obboleessi keenya Maarki Saandersan, haasaa baniinsaa dhiheesse irratti walgaʼiin waggaa kanaa kun Mootummaan Masihichaa erga hundeeffame waggaa 100 guutuu isaa waan nu yaadachiisuuf seena qabeessa akka taʼe ibseera.

Obboleessi keenya Saandersan wantoota gurguddaa Mootummaan kun waggaa 100 keessatti raawwate sadii ibseera:

  • Hojii Lallabaa Addunyaa Maraa. Sabni Yihowaa gargaarsa inni isaaniif godhuun ni dadhabne utuu hin jedhin misiraachoo Mootummichaa babalʼisaniiru. Lakkoofsi keenya bara 1914tti kuma muraasa ture, waggaa tajaajilaa 2014tti miliyoona saddeetii ol taʼeera. Yihowaan hojichi ni gaʼa hamma jedhutti hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufna.

  • Bitamtoota Mootummichaatiif akka gareetti eegumsa gochuu. Abbootiin taayitaa fi dura buutonni amantii mormii cimaa nu irratti kaasaniiru; Dhugaa Baatota Yihowaa guutummaatti balleessuuf kan yaalan illee jiru. Yihowaan garuu akka gareetti saba isaa eegeera. Injifannoowwan Mana Murtii Walii Galaa Yunaayitid Isteetisii fi Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti arganne dabalatee Injifannoowwan gama seeraatiin arganne hedduun Yihowaan yeroo harʼaas nu eeguu isaa akka itti fufe kan mirkaneessani dha.

  • Namoonni haala jireenyaa adda addaa keessa jiran tokkummaa akka qabaatan gochuu. Mootummaan Waaqayyoo namoonni akkaataa guddinaa garaa garaa qaban, qomoo adda addaa keessaa dhufanii fi afaan garaa garaa dubbatan rakkina adda addaa isaan mudatu moʼanii akka garee tokkootti akka isa waaqeffatan gochuudhaan tokkummaa akka qabaatan godheera. Obboleessi keenya Saandersan, “Kun dinqii Yihowaan qofti hojjechuu dandaʼu dha” jedheera. Walgaʼii seena qabeessa taʼe kana irratti argamuun mirga guddaa akka taʼes irra deddeebiʼee dubbateera.

Viidiyoo walitti aansee baʼuu fi Michuu Yihowaa Taʼi jedhamu.

Walgaʼii waggaa kana irratti wanti itti aansee caqasame, viidiyoo ijoolleedhaaf qophaaʼee fi walitti aansee baʼaa jiru ture; viidiyoon kun erga jalqabamee waggaa lama guuteera. Jalqaba, obboleessi keenya Saandersan viidiyoo gaafannoo ijoollee kutaalee addunyaa garaa garaa irratti argamaniif godhame argisiisu akka ilaalan afeere. Ijoolleen wantoota viidiyoo kana irraa baratan ilaalchisee dinqisiifannaa qaban garaadhaa yeroo dubbatan dhaggeeffattoonni garaan isaanii tuqameera.

Itti aansuudhaan kutaa haaraan viidiyoo walitti aansee baʼu kanaa tokko ni argisiifame. Mata dureen isaa, “Yihowaan Ija Jabeessa Akka Taatu Si Gargaara” kan jedhu dha. Viidiyoon daqiiqaa 12 kun, seenaa intala Israaʼel ishee ija jabinaan haadha manaa Naʼamaanitti waaʼee Yihowaa himtee kan ibsu dha. (2 Mootota 5:​1-​14) Viidiyoon kun Wiixata, Onkoloolessa 6, 2014tti jw.org irratti kan baʼe siʼa taʼu, afaan 20 oliin argama.

JW Language (JW Laanguweej).

Obboleessi keenya Saandersan appilikeeshinii Dhugaa Baatota Yihowaa tajaajila isaanii balʼisuuf afaan kan biraa barachuu barbaadan gargaaru kana beeksise. Appilikeeshiniin kun afaan 18n kan qophaaʼe siʼa taʼu, jechootaa fi gaaleewwan 4,000 ol taʼan qaba. Jechootaa fi gaaleewwan dabalataa, akkasumas akkaataa dhiheenyaa tajaajila dirree fi wantoota kaan itti dabaluuf karoorfamee jira.

JW Broadcasting (Jee Dabliwu Biroodkaastiingi).

Dhaggeeffattoonni buufatni televijinii Intarneetii irraa haaraan Dhugaa Baatota Yihowaatiin akka qophaaʼe yeroo dhagaʼan baayʼee ajaaʼibsiifatan; sagantaan kun Ingiliffaan qofa tamsaasa yaalii dabarsaa jira. Buufatni kun kan argamu waajjira muummee Biruukiliin, Niiwu Yoorki, Yunaayitid Isteetisitti siʼa taʼu, viidiyoowwan, muuziqaa fi dubbisa Macaafa Qulqulluu haala diraamaatiin qophaaʼe tamsaasa. Kana malees, sagantaan jiʼa jiʼaan darbuu fi miseensa qaama ol aanaatiin ykn gargaaraa koree qaama ol aanaatiin dhihaatu jira.

Obboleessi keenya Saandersan kutaa sagantaa kanaa isa jalqabaa keessaa muraasa akka ilaalan dhaggeeffattoota afeere. Sagantaan miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessi keenya Isteefan Leet dhiheesse, viidiyoo carraaqqii buufata televijiinii kana qopheessuuf godhame argisiisu kan dabalatu ture. Tamsaasni kun darbuu kan eegale Onkoloolessa 6, 2014tti siʼa taʼu, Weeb saayitii tv.dan124.com jedhamu daawwachuudhaan argachuun ni dandaʼama.

“Mootummichi Waggaa 100 Lakkoofsiseera; Kana Boodas Ni Jiraata.

Miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe Saamuʼel Hardi, viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo gama hojii lallabaatiin irraa jalaan guddina akka goonu kan nu gargaare akkamitti akka taʼe argisiisu seenesse. Viidiyoon kun raawwiiwwan seena qabeessa bifa fiilmiitiin qophaaʼan, diraamaawwan seenaa irratti hundaaʼan, muuxannoo obboloonni umurii dheeraa jiraatan dubbatan, akkaataa fiilmiin “Footoo Diraamaa Oov Kiriʼeeshin” jedhamu itti qophaaʼe, akkaataa foonoogiraafii, kaardiiwwan dhugaa ittiin baʼan, beeksisa rarraafatanii hiriira baʼanitti fayyadamaa turre, akkasumas akkaataa konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabutti fayyadamaa turree fi tajaajilaaf nu qopheessuudhaaf gama manneen barnootaatiin qophii godhame kan argisiisu ture.

Wanta Mootummichi waggaa 100 keessatti raawwate irratti xiinxaluun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? Akkas gochuun keenya Mootummichi akka nuu dhugoomu kan godhu taʼuu isaa irra iyyuu, wanta inni gara fuulduraatti raawwatu hawwiidhaan eeggachuuf nu gargaara.

Faarfannaawwan Waaqeffannaa.

Miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe Deevid Ispileen, kitaaba faarfannaa keenya Yihowaa Faarfadhaa jedhamu bifa haaraatiin qopheessuuf karoorri akka qabamee jiru yommuu beeksisu dhaggeeffattoonni hundi baayʼee gammadan. Qollii fi xiyyoon kitaaba faarfannaa kanaa bifa Macaafni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ittiin hojjetameen halluu meetiitiin qophaaʼa. Wantoota baasii guddaa gaafatan akkasiitti fayyadamuun keenya, muuziqaan waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa akka qabu argisiisa.

Obboleessi keenya Ispileen, faarfannaawwan haaraa muraasni kitaaba faarfannaa keenyatti akka dabalamanis beeksiseera. Faarfannaawwan haaraa kana faarfachuu eegaluuf hamma kitaabni faarfannaa keenya maxxanfamutti eeguun nu hin barbaachisu. Akkuma qophaaʼaniin jw.org irratti baafamu.

Faarfannaawwan haaraa kana keessaa sadii miseensonni maatii Betʼel shaakaluudhaan walgaʼii waggaa kana irratti faarfataniiru. Obboleessi keenya Ispileen faarfannaa haaraa mata duree, “Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe Haa Dhufu!” jedhu qabu obboloonni gareedhaan yommuu faarfatan geggeesseera. Faarfannaan kun kan qophaaʼe Mootummichi erga hundeeffamee waggaa 100 guutuu isaa sababeeffachuudhaan ture. Gareen kun erga faarfatee booda dhaggeeffattoonni hundi isaanii wajjin faarfataniiru. Xinnoo turee, gareen kunii fi dhaggeeffattoonni faarfannaa gara biraa mata duree, “Ija Jabina Nuu Kenni” jedhu qabu faarfataniiru.

Gaafannoo.

Miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessi keenya Geerit Loosh, hiriyoota gaaʼelaa waggoota kurnan hedduudhaaf Betʼel keessa tajaajilan sadiif gaafannoo godheera; gaafannoon kun dursee kan waraabame ture. Obboloonni kun Yihowaa yommuu tajaajilanitti jijjiiramoota hedduu akka argan kan dubbatan siʼa taʼu, sabni Yihowaa sochii irra akka jiru ibsaniiru. Obboleessi keenya Loosh, Macaafni Qulqulluun waaʼee jijjiirama gama jaarmiyaatiin godhamuu dursee akka dubbate ibsuudhaan, dhaggeeffattoonni hundi jaarmiyaa Yihowaa wajjin fuulduratti akka adeeman gorseera.​—Isaayaas 60:17.

“Gaaddidduu fi Wanta Isa Dhugaa.”

Haasaa kana kan dhiheesse obboleessa keenya Deevid Ispileen siʼa taʼu, waggoota dhihoodhaa asitti barreeffamoota keenya irratti waaʼeen gaaddidduu fi wanta isa dhugaa baayʼinaan kan hin ibsamne maaliif akka taʼe dubbateera.

Kanaan dura, dhiironnii fi dubartoonni amanamoon Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman gareewwan Kristiyaanota amanamoo bara keenyatti argamaniif gaaddidduu akka taʼan dubbatama ture. Akkasumas, seenaawwan Macaafa Qulqulluu hedduun raajiiwwan saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran argisiisan akka taʼanitti yaadama ture. Wantoota akkasii walbira qabanii qayyabachuun nama gammachiisa. Erga akkas taʼee, barreeffamoonni keenya yeroo dhihoodhaa asitti waaʼee gaaddidduu fi wanta isa dhugaa baayʼinaan kan hin caqasne maaliifi ree?

Caaffanni Qulqullaaʼoon namoonnii fi wantonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko wanta caaluuf gaaddidduu akka taʼan ni dubbatu. Macaafni Qulqulluun waaʼee gaaddidduu fi wanta isa dhugaa wal bira qabee ifatti yommuu ibsu gammachuudhaan fudhanna. Obboleessi keenya Ispileen, “Bakka Macaafni Qulqulluun callisutti garuu nutis callisuu qabna” jedheera. Seenaa Macaafa Qulqulluu tokko gar malee gadi fageenyaan qoruu irraa fagaachuu qabna. Hunda caalaa immoo, gaadidduu fi wanta isa dhugaa qoruu irratti garmalee yommuu xiyyeeffannu, abdiin keenya samii keessa jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu irraa argannuu fi jireenya keenya keessatti nu gargaaru dagachuu dandeenya.​—Roomaa 15:4. a

“‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?”

Haasaan obboleessi keenya Isteefan Leet dhiheesse kun, hubannaa fakkeenya Yesus waaʼee durboota kudhanii dubbate irratti qabnu kan sirreesse ture. (Maatewos 25:​1-​13) Amma fakkeenya kana akka armaan gadiitti hubanna: Dhirsi misirroo Yesusi dha; durboonni kudhan immoo duuka buutota Yesus warra dibamoo dha. (Luqaas 5:​34, 35; 2 Qorontos 11:2) Fakkeenyichi raawwii isaa kan argatu guyyoota gara dhumaatti siʼa taʼu, guutummaatti kan raawwatamu immoo yeroo rakkina guddaatti dha. Yesus fakkeenyicha irratti waaʼee durboota gowwaa taʼan shananii yommuu dubbatetti, duuka buutonni isaa dibamoo taʼan hedduun amanamoo utuu hin taʼin hafuudhaan akka bakka buufaman dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, akeekkachiisa cimaa dabarsaa ture. Akkuma durboonni shan abshaalota, shan immoo gowwoota taʼan, dibamtoonni hundis dhuunfaadhaan qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuudhaaf ykn immoo amanamoo taʼuu dhiisuuf filachuu dandaʼu.

Akkuma armaan olitti seenaa tokko garmalee gadi fageenyaan qoruu hin qabnu jenne, wantoonni fakkeenya kana keessatti caqasaman hundi raajii raawwii isaanii argachuu qaban akka taʼanitti ilaaluun barbaachisaa miti. Kanaa mannaa, barumsa fakkeenyicha irraa argannu irratti xiyyeeffachuu qabna. Kiristiyaanota dibamoos taane, “hoolota kan biraa” hundi keenya ifni keenya balʼinaan akka ifu gochuu fi ‘dammaqinaan’ eeguuf itti gaafatamummaa qabna. (Yohannis 10:16; Maarqos 13:37; Maatewos 5:16) Eenyu iyyuu bakka keenya buʼee amanamaa taʼuu hin dandaʼu. Tokkoon tokkoon keenya karaa hafuuraa dammaqoo taanee jiraachuu fi tajaajila irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan ‘jireenya filachuu’ qabna.​—Keessa Deebii 30:19.

“Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu.”

Itti aansuudhaan haasaa kan dhiheesse, miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe Antoonii Mooris siʼa taʼu, sirreeffama hubannaa fakkeenya waaʼee taalantii dubbatu irratti godhame akka hubatan dhaggeeffattoota gargaare. (Maatewos 25:14-​30, NW) Amma gooftaan fakkeenya kana irratti ibsame (Yesus) hojjettoota isaatiif (duuka buutota isaa dibamoo lafa irra jiraniif) badhaasa isaanii kan kennu gara fuulduraatti, jechuunis yeroo dhufaatii isaatti gara samiitti yommuu ol isaan fudhatutti akka taʼe hubanneerra. Yesus, waaʼee tarkaanfii “hojjetaa hamaa fi dhibaaʼaa” taʼe irratti fudhatamuu yommuu dubbatu, duuka buutonni isaa dibamoo taʼan hedduun amanamoo utuu hin taʼin akka hafan dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, dibamtoonni dammaqoo taʼanii jiraachuunii fi amala hojjetaa dhibaaʼaan sun argisiise argisiisuu irraa fagaachuun isaanii barbaachisaa akka taʼe akeekkachiisaa ture.

Fakkeenya kana irraa barumsa hojii irra oolchuu dandeenyu akkamii arganna? Gooftaan fakkeenyicha irratti ibsame wanta gatii guddaa qabu hadaraadhaan hojjettoota isaatti kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, Yesusis wanta gatii guddaa qabu, jechuunis hojii lallabuu fi bartoota gochuu hadaraadhaan dukaa buutota isaatti kenneera. Hamma haalli keenya heyyame hojii lallabaa kana irratti hinaaffaadhaan akka hirmaannu barbaada. Obboleessi keenya Mooris dhaggeeffattoonni hojii Mootummichaa irratti hinaaffaadhaan waan hirmaataniif isaan galateeffateera.

“Dhiheenyatti Saba Yihowaa Irratti Waraana Kan Banu Eenyu?”

Haasaa xumuraa kana kan dhiheesse, miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessa keenya Jeefrii Jaaksan ture. Obboleessi keenya Jaaksan waaʼee waraana gara fuulduraatti geggeessummaa Goog isa biyya Maagoogiin saba Waaqayyoo irratti banamuu ibseera.​—Hisqiʼel 38:14-​23.

Kanaan dura maqaan Goog jedhu, maqaa Seexanni erga samii irraa darbatamee booda ittiin waamamu akka taʼetti hubanna turre. Haa taʼu malee, obboleessi keenya Jaaksan gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan garaa garaa yaadni kun kaasuu dandaʼu ibseera. Fakkeenyaaf Goog yeroo moʼamutti, “allaattii raqaa hundumaaf bineensota caakkaa hundumaafis nyaata godhee” akka isa kennu Yihowaan raajii dubbateera. (Hisqiʼel 39:4) Akkasumas, ‘Googii fi loltuu isaatiif’ bakka awwaalchaa akka kennu dursee dubbateera. (Hisqiʼel 39:11) Haa taʼu malee, wantoonni kun lamaan qaama hafuuraa irratti raawwatamuu kan dandaʼan akkamitti? Seexanni waggaa 1000f iddoo isa lafa jalaatti gad darbatama malee hin nyaatamu ykn hin awwaalamu. (Mulʼata 20:​1, 2) Kana malees, Seexanni xumura waggaa 1000 irratti iddoo isa lafa jalaa keessaa kan gad dhiifamu siʼa taʼu, “saba golee lafaa arfan keessa jiran Googin, Maagooginis, gowwoomsuudhaaf . . . in baʼa.” (Mulʼata 20:​7, 8) Kanaaf, Seexanni ofuma isaa iyyuu Googi dha taanaan Googiin gowwoomsuu hin dandaʼu.

Obboleessi keenya Jaaksan Goog inni biyya Maagoog macaafa Hisqiʼel irratti ibsame kun Seexana utuu hin taʼin, gamtaa sabootaa gara fuulduraatti saba Yihowaa irratti kaʼu kan argisiisu taʼuu isaa ibseera. Waraanni Goog banu waraana “mootiin biyya gara mirgaa [ykn kaabaa]” fi “mootonni biyya lafaa” kaasanii wajjin tokko taʼuu hin oolu.​—Daaniʼel 11:40, 44, 45; Mulʼata 17:12-14; 19:19.

Mootiin biyya gara mirgaa [ykn kaabaa] eenyuun argisiisa? Deebii kanaa gara fuulduraatti barra. Kanas taʼe sana, wantoota gara fuulduraatti raawwataman ilaalchisee hubannaan nuti qabnu yeroodhaa gara yerootti fooyyaʼaa kan jiru taʼuun isaa amantii keenya nuuf jabeessa. Goog inni biyya Maagoog waraana yeroo banutti akka moʼamuu fi guutummaatti akka balleeffamu, sabni Waaqayyoo garuu barabaraaf akka jiraatan waan beeknuuf waraana Goog saba Waaqayyoo irratti banu hin sodaannu. b

Xumura.

Obboleessi keenya Saandersan Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa kiisii keessa kaaʼamuu dandaʼu akka qophaaʼe ibse. Akkasumas, Macaafni Qulqulluun sagaleedhaan qophaaʼaa akka jiru beeksise; dubbisa sagaleedhaan qophaaʼu kana irratti wanta namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman garaa garaa dubbatan kan dubbisu obboloota garaa garaa ti. Waraabbiin kun yeroo booda Maatewos irraa eegalee irraa jalaan jw.org irratti baʼa.

Obboleessi keenya Saandersan caqasni waggaa 2015, Faarfannaa 106:1 isa “Waaqayyo gaarii waan taʼeef . . . isaaf galata galchaa!” jedhu akka taʼe beeksise. Achiis, guyyaa guyyaadhaan sababa itti isa galateeffatan akka barbaadan dhaggeeffattoota hunda jajjabeesse.

Faarfannaan xumura irratti faarfatame faarfannaawwan haaraa keessaa isa sadaffaa mata duree, “Maqaan Kee Yihowaa Dha” jedhu qabu ture. Gareen faarfannaa sun yommuu faarfatu miseensonni Qaama Ol Aanaa hundi waltajjii irra baʼuudhaan isaanii wajjin kan faarfatan siʼa taʼu, dhaggeeffattoonni hundis faarfannaa namatti tolu kana faarfataniiru; Faarfannaan kun walgaʼii seena qabeessa taʼe kanaaf kan malu ture!

a Haasaan kunii fi haasaawwan itti aansanii dhihaatan lamaan mata dureewwan Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2015 irratti baʼan irratti kan hundaaʼan turan.

b Haasaan kun mata duree Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2015 irratti baʼu irratti kan hundaaʼe ture.