Isaayyaas 60:1-22

  • Ulfinni Yihowaa Xiyoon irratti ni ifa (1-22)

    • Akka gugee gara manʼee ishiitti barristuu (8)

    • Bakka sibiila diimaa warqii (17)

    • Inni xinnaan kuma ni taʼa (22)

60  “Yaa dubartii nana, ifni kee waan dhufeef, kaʼi,+ ifa kee ibsi. Ulfinni Yihowaa si irratti ni ifa.+   Kunoo, dukkanni lafa ni uwwisa,Dukkanni cimaanis saboota ni haguuga;Si irratti garuu Yihowaan ni ibsa,Ulfinni isaas si irratti ni mulʼata.   Saboonni gara ifa keetti,+Mootonnis+ gara simboo* kee isa calaqqisutti ni dhufu.+   Ol jedhiitii guutummaa naannoo kee ilaali! Hundi isaanii walitti qabamaniiru; gara kees dhufaa jiru. Ilmaan kee fagoo irraa dhufaa jiru,+Ijoolleen durbaa kees mudhiitti baatamanii dhufaa jiru.+   Yeroo sanatti ati kana argitee ni gammadda,+Onneen kee ni dhaʼata, baayʼees ni gammada,Sababiin isaas, qabeenyi galaanaa gara keetti ni fidama;Badhaadhinni sabootaas gara kee ni dhufa.+   Tuutni gaalotaa,Ilmooleen gaalaa kormaan warri kan Miidiyaanii fi kan Eefaa+ taʼan biyya kee ni uwwisu.* Warri Sheebaadhaa dhufan hundi,Warqii fi ixaana adii baatanii ni dhufu. Ulfina Yihowaas ni labsu.+   Bushaayeewwan Qeedaar+ hundi gara keetti walitti qabamu. Korbeeyyiin hoolaa Nebaayot+ si tajaajilu. Isaanis iddoo aarsaa koo irratti aarsaa fudhatama qabu ni taʼu,+Anis mana koo isa ulfina qabeessa taʼe* nan miidhagsa.+   Warri akka duumessaatti,Akka gugee gara manʼee ishiitti* barristuuttis barrisaa jiran kun eenyu faʼi?   Odolawwan na abdatu;+Dooniiwwan Tarshiish,Gara maqaa Waaqa kee Yihowaattii fi gara Isa Qulqulluu kan IsraaʼelittiIlmaan kee meetii isaanii fi warqii isaanii wajjinFagoodhaa fiduuf dura buʼanii* ni dhufu;+Sababiin isaas, inni ulfina* siif ni kenna.+ 10  Namoonni biyya ormaa dallaawwan kee ni ijaaru,Mootonni isaaniis si tajaajilu,+Sababiin isaas, dheekkamsa kootiin si rukuteen ture,Garuu, gaarummaa kootiin garaa siif nan laafa.+ 11  Karrawwan kee yeroo hundumaa kan banaman ni taʼu;+Badhaadhina sabootaa gara keetti fiduuf,Guyyaas taʼe halkan hin cufaman,Mootonni isaaniis dursa ni fudhatu.+ 12  Sabnis taʼe mootummaan si hin tajaajille kam iyyuu ni bada,Saboonnis guutummaatti ni balleeffamu.+ 13  Ulfinni Libaanon,+Muka birbirsaa, muka aashii fi muka gosa gaattiraa wajjinIddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufa;+Anis iddoo miilli koo dhaabbatuuf ulfina nan kenna.+ 14  Ilmaan warra si cunqursan sanaa dhufanii si duratti ni sagadu;Warri si salphisan hundis miila kee jalatti ni sagadu,Xiyoon ishii magaalaa Isa Qulqulluu kan Israaʼel,Magaalaa Yihowaa jedhanii si waamu.+ 15  Ati kan dhiifamte, kan jibbamtee fi eenyu iyyuu kan keessa hin darbine taʼuu mannaa,+Wanta bara baraaf ittiin boonan akka taatu,Dhaloota hundumaa keessattis gammachuudhaaf sababa akka taatu nan godha.+ 16  Atis dhugumaan aannan sabootaa ni dhugda,+Harma moototaas ni hoota;+Dhugumaan ani Yihowaan Fayyisaa kee akkan taʼe,Inni Humna Qabeessi kan Yaaqoob isa si furu taʼuu isaas ni beekta.+ 17  Bakka sibiila diimaa warqii,Bakka sibiilaa meetii,Bakka mukaa sibiila diimaa,Bakka dhagaas sibiila nan fida;Nagaa ilaaltuu ol aanaa kee,Qajeelummaas isa si hojjechiisu godhee nan muuda.+ 18  Kana booda biyya kee keessatti jeequmsiYookiin daangaawwan kee keessatti badiisnii fi diigamuun hin dhagaʼamu.+ Atis dallaawwan kee Fayyina,+ karrawwan kees Jajannaa jettee ni waamta. 19  Yihowaan ifa bara baraa,+Waaqni kee miidhagina kee waan siif taʼuuf,+Kana booda guyyaa aduun ifa siif hin kennitu,Halkanis addeessi ifa siif hin kennitu. 20  Yihowaan ifa bara baraa waan siif taʼuuf,+Guyyoonni gaddaa kees waan xumuramaniif,+Kana booda aduun kee hin lixxu,Addeessi kees hirʼachaa hin deemtu. 21  Namoonni kee hundi qajeelota ni taʼu;Bara baraafis biyyattii ni dhaalu. Isaan latii ani dhaabe,Hojii harka kootii+ isan ittiin of miidhagsu dha.+ 22  Inni xinnaan kuma,Inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa. Ani Yihowaan yeroo isaatti kana nan saffisiisa.”

Miiljaleewwan

Ykn., “ifa barraaqaa.”
Kal., “si uwwisu.”
Ykn., “mana miidhaginaa koo.”
Ykn., “afaan manʼee simbiraatti.”
Ykn., “miidhagina.”
Ykn., “akkuma isa jalqabaatti.”