Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KAN TOLCHE JIRAA?

Gogaa Bofaa

Gogaa Bofaa

BOFNI harkaafi miilla malee waan sochoʼuuf, gogaa furdaa yommuu loʼu akka hin miidhamne isa eegu qabaachuu isa barbaachisa. Gosoonni bofaa tokko tokko muka guddaa mijataa hin taane yaabbachuu kan dandaʼan siʼa taʼu, warri kaanimmoo cirracha haadhanii keessa gad lixuu dandaʼu. Gogaan bofaa cimaa akka taʼu kan godhe maalidha?

Mee yaadi: Gogaan gosoota bofaa hundi furdinnisaafi ijaarsisaa garaagaradha. Haataʼu malee gosni bofaa hundi gogaansaanii wanta itti wal fakkaatu tokko qaba: Innis gogaansaanii bakkeedhaan cimaa siʼa taʼu, gara keessaattimmoo lallaafaa deema. Kun taʼuunsaa faayidaa maalii qaba? Dubartiin qorannaa geggeessituufi Meerii Kiristiin Kilaayin jedhamtu, “Wanti alasaatiin jabaataa taʼee keessasaatiin lallaafaa taʼe tokko humna dhiibbaa isarraan geessisu qaamasaa keessa bittimsuu dandaʼa” jechuudhaan ibsiteetti. Gogaan bofaa ijaarsa adda taʼe qabaachuunsaa, qaamasaafi lafa gidduu iddoo gaʼaan akka jiraatu gochuudhaan akka loʼu isa gargaara; akkasumas quuqqaan dhagaan qara qabu irraan gaʼu akka isa hin murreef, dhiibbaan alaan irra gaʼu sun akka bittinnaaʼu godha. Bofni yeroo baayʼee gogaasaa kan muuxatu jiʼa lamaa hamma jiʼa sadiitti waan taʼeef jabina qabaachuunsaas barbaachisaadha.

Miʼawwan akka gogaa bofaatti hojjetaman gama yaalii fayyaatiin faayidaa argamsiisuu dandaʼu taʼa. Fakkeenyaaf, meeshaa mucuca dandaʼu hojjechuuf, akkasumas meeshaa jabaa namoonni qaamnisaanii hirʼate itti gargaaraman hojjechuuf gargaaruu dandaʼa. Kana malees, maashinoonni gogaa bofaa fakkeessuudhaan hojjetamaniifi miʼa feʼuu ykn iddoo tokkoo gara kaanitti geessuuf gargaaran zayitii naannoo faaluufi itti fayyadaman akka xiqqeessan isaan gargaaruu dandaʼa.

Maal sitti fakkaata? Gogaan bofaa jijjiirama tirannaatiin kan argamedhaa? Moo qaamni kana tolche jira?